Itoophiyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf biqiltuu dhaabuun ‘riikardii cabsite’

Itoophiyaan Adooleessa 29 biqiltuu 350 dhaabde Image copyright Ethionews

Itoophiyaan guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 200 ol dhaabun riikardii addunyaa cabsuu ishii qondaaltonni biyyattii himan.

Pirojektii kana Ministirri Muummee Abiy Ahimad kan kakaasan yoo ta'u biyya irra deddeebbiin goginsi hubu biqiltuu dhaabuun ittisuuf yaadaniiti.

Ministeerri Inoveeshiniifi Teekinolojii Getaahun Mekuriyaa (Dr Injinar) jala jalaan fuula tiwitara isaanii irratti kan barreessaa jiran yoo ta'u hanga yoonaa biqiltuun miiliyoona 353 ol dhaabamuu himan.

Kana keessaas miiliyoonni 211 ol Oromiyaa, Naannoo Amaaraatti miiliyoona 70, magaalaa Finfinneetti miiliyoona 3 oliifi naannolee kaanittis dhaabamuu barreessan.

Kunis, karoora jalqabaa guyyaa tokkotti miiliyoona 200 dhaabuuf yaadame olidha. Haala walii galaa irratti garuu, koreen biqiltuu dhaabu hordofu ibsa akka baasu qondaalli kuni himaniiru.

Yeroo ammaa guyyaa tokkotti biqiltuu hedduu dhaabuun riikardiin addunyaa galmaa'e biyya Hindiitti dha.

Goodayyaa suuraa MM Abiy Ahimad duula biqiltuu dhaabuu keessa hirmaataa jiru

Sagantaa biyya Hindii bara 2016 irratti, namoonni 800,000 tola ooltummaan kan hirmaatan yoo ta'u biqiltuu miiliyona 50 ol dhaabaniiru.

Sababa kanaan hojjettonni akka irratti hirmaatan yaadamee waajjiraaleen mootummaa muraasa akka cufaman ta'eera.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomani (UN) akka jedhutti baay'inni lafa Itoophiyaa bosonaan uwwifame jalqaba jaarraa 20ffaa irratti dhibbantaa 35 ture.

Jalqaba bara 2000'tti immoo dhibbantaa 4 xiqqoodhuma caala jedha.

Miidiyaa hawaasummaa gubbaa namoonni hedduu biqiltuu yeroo dhaabaniifi waan biyyaaf tolu raawwachuu isaanii barreessaa jiru.

Biqiltu dhaabuun kuni kaka'umsa ''Ashaaraa Magariisaa'' Ministira Muummee Abiy Ahimadin kan eegale yoo ta'u biqiltuu dhaabuun kuni guutuu biyyattii buufatawwan 1,000 keessatti raawwata jedhame.

Hangam akka dhaabame hubachuuf qondaaltonni ramadamuutu gabaafame.

Bara kana mootummaan biqiltuu biiliyoona afur dhaabuuf kaayyeeffateera.

Kanneen MM Abiy qeeqan akka jedhanitti duula biqiltuu kanaan rakkoo, keessumaa waldhabdee sabaan namoota qe'eerraa buqqa'an, yaada namaa irra qabuufi yaadaniiti.

Odeessa kana irratti dabalata