'Loltummaan biyyaalessaa hawwii daaqonii tahuu koo karaatti hambise'

Dargaggoota tajaajila loltummaa biyyaalessaa kennan

Tasfaagaabir Bahaataa jireenya amantii ijoollummaasaatti dhabe ijoolleesaatiin akka milkaa'uuf barbaada.

Waggaa 13 dura miseensa loltummaa biyyaalessaan Ertiraatti jireenya dabarse yaadachaa, guyyaa sarbamni mirga namoomaa itti fooyya'uufi bilisummaan amantii itti kabajamu argu hawwa.

Mootummaan Ertiraa waggaa 25ffaa tajaajilli biyyaalessaa loltummaa itti jalqabe torbe kana yeroo kabaju, milkaa'inaafi shoora lammiiwwan jajachuu isaa himuun,''abbaan dhimmaa nuti jirra'' jechuun gochaa mootummaa komata.

Bara 1976 Kibba Eritiraa iddoo Ko'aatiitaa jedhamutti dhalatee kan guddate Tasfaagaabir, tajaajjilli loltummaa biyyaalessaa akkatti jireenya amantiisaa jalaa fudhachuun gara jireenya hin beeknetti isa galche dubbata.

Tajaajiltoota bataskaanaa loltummaaf deeman

Bara 1995tti barumsa barachaa bataskaana tajaajiluuf yoon oliif gadi kaadhu umriin koo 19 ture.

Akka namoonni na beekan jedhanitti ajajamaa, hiriyyoota koo yoo balleessan nama itti dheekkamuufi tajaajilaa fakkeenya tahu gatiin tureef abbootiin amantii na jaalatu ture.

Haa tahu malee yeroo sana waan jireenya koo jijjireetu na mudate. Waraqaan tarree maqaa dubartootaafi dhiirotaa qabate godinaalee keessatti suuqiiwwan irratti maxxanfame, tarree maqaawwanii kunneen keessa maqaan koos jira ture.

''Tajaajilaa bataskaanaa loltummaaf moo?'' jedheen dinqame sababiinsaa immoo waliisaa hin beekun ture. Yeroo qabsoo Eritiraa diyaaqonootaafi abbootiin amantii dirqmaan fudhatamanii gammojjiitti akka hafan nan beeka. Anis qooddataa seenaa kanaati jechuu dha.

Image copyright Tesfagaber

Guyyaan itti waamamne yoo qahu loltoonni anaafi hiriyyoota koo fudhatan. Manneetiin amantaafi gadaamiiwwan wayyuu tahan bara kootti yoo itti bu'amu argeen gadde. Dirqamaanis gara tajaajila biyyaalessaa deeme.

Loltootaan eegamaa ergan fudhatamee booda waggaa 11 achumattin dabarse. Achittis namoota si'aahoo tahan keessa isa tokkon ture. Dogoggorri narratti qabamee hin beeku, adabamee, mana hidhaas galees hin beeku.

Umuriin koo reefu dargaggummaa irra gatii tureef garuu amalli koo geeddaramee araada keessa galeen ture. Waan waaqni jibbuufi gurri namaa hin dhageenye raawwachaan ture.

Iddoo Saawwaa jedhamutti waan hamaa irraa kan si dhorku hin jiru. Otoo mana tahee maatiin kee gorsaan si eegu. Kanaanis waan hamaa baayyee irraa of qabda.

Waraana Baadimmee irratti hiriireera. Achi sagaleen rasaasaa hin dhaabbatu. Hiriyyoota koos achitti dhabeen gara maatii kootti deebi'e.

Baadimmee irratti booji'amee gatiin tureef Dhidheessaa tureen loltuuwwan biyya lamaanii yoo wal geeddarani dha gara Ertiraan kanin deebi'e

Image copyright Tesfagaber

Guyyaa rakkoo koo...

Akka loltuutti namni namaa waliin yoo wal waraanu yeroo jalqabaaf kanin arge bara 1998 raayyaa Itoophiyaa dahoo Maatiwoos keessa turetti dhukaas yoo bannu dha.

Waraanichi guyyaa keessaa sa'atii 10 jalqabe.Yeroos sodaa keessan ture dha. Waan sodaadhe hin hafne namni baayyee dirree waraanaa sanatti hafe.

Gaafas roobni hobonboleettii makate roobee afaan rasaasa keenyaa walitti qabe. Nutis gara dahoo keenyaatti deebine.

Waraana isa gurraan dhagahaa ture ijaan argeen jedhe. Dura loltuu Itoophiyaa haleeluuf yoo deemnu qoosaa turre, yoo achi geenyu garuu boombiin akkuma akaayii nutti darabtame, rasaasa nutti roobsan. Hiriyyoonni koo duubaafi fuulduraan harca'an. Raawwate.

Dhugaa dha, '' biyyi weeraramtee yoo nuun jedhan lakki hin jennu jennee deemne'' garuu waraanni kasaaraa dha. Ajjeesuutiin alatti waan biraa hin yaaddu. Guutummaan guutuutti geeddarmtee nama biraa taata. Anis akkasuman tahe.

Haleellaa raayyaan Itoophiyaa yeroo dhumaaf taasiseen loltuuwwan Shaabiyaa booji'aman keessaa ani isa tokko dha.

Kana booda waggaa 11f tajaajila loltummaa biyyaaleessa kenneera. Gama mindaatiinis karaa biraan guddinni gatii hin jirreef abdii kutadhe. Ani loltuu moo, hidhaa keessan jira?'' waan jedhu natti dhagahamuu jalqabe.

Asii fagaachuun qab jedheen murteesse. Karaa qaxxaamureenis Tigraay gale, Tigraayi irraa Finfinnee, Finfinnee irraa Israa'el gale. Ertiraa irraa harkaafi miila koo dhiisii otoon qillensasaa otoo fidee dhufee natti tola ture.

Jireenya baqatummaa

Bataskaana Sillaasee Koo'atiit ijoollummaa kootti sagaduuf har'as nan deema.

Eritiraatti waan namni tokko argaa jiru bataskaannis argaa jirti.

Ijoollee koo barsiisee tajaajiltoota bataskaanaa akka tahaniin barbaada. Maatiifi hawaasas qabaachuu barbaada. Lammata kasaaruu hin fedhu.

Tajaajilli loltummaa biyyaalessaa kan biyya kee ittiin tajaajiltu otoo hin taane kan nu kasaarse dha jedheen yaada.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata