Lammiin Jarman baatii 10tti afaan Amaaraa dubbisuufi barreessuu danda'e

Daawiit

Imaltoonni gara naannoo Ummattoota Kibbaa gara magaalaa Arbaaminci dhaqan hedduun osoo Hoteela Turiistii hin dhaqiin hin deebii'an.

Keessattuu dawwattoonni lammii biyya alaa hoteela kana keessatti baayinaan arguun kan barameedha.

Haata'u malee, tuuristoota lammiilee biyya alaa naannicha dowwachuuf achitti argaman keessaa namni tokko qalbii keenya hawwate.

Kunis namni adiin lammii biyya alaa tokko nama keessummeessuun,''eenyu, kessummeessaa, ittoo foon olaa qabduu?'' jechuun yoo nyaata hajajatu dhageenye.

''Nutis gurra keenya moo yookiis...?'' gaaffii anaafi hiriyaa kiyya battaluma sanatti ofi gaafannee ture. Ittaansees takka turuun bilbila isaa kaasuun 'heeloo, nagaadhaa?.. Jira. Nagaa kiyyaa,'' jechuun afaan Amaaraatiin itti fufe.

Egaan wayita kana ture itti siqee dubbisuuf kanan murteesse. Akkuma haasaa bilbilaa xumureen fuldura dhaabadhee nagaa gaafachuuf harka kiyya diriirseef.

Innis xiqqoo fuulasaarratti miirri naasuu itti dhaga'amus harkasaa diriirse.

''Wayita Afaan Amaaraa sirritti dubbatu dhageenyanan...'' jedheen. Haala akkasiitiif haaraa kan hintaane Daawwiit barcuma as harkisee na teesise.

Maqaansaa dhugaa Deeviid yoo ta'u, maqaa lammiileen Itoophiyaa ittiin waaman Daawiit akka ta'e nutti hime.

Lammii Jarman kan ta'e Daawiiti erga Itoophiyaa jiraachu eegalee baatii 10 ta'u dubbata. Yunvarsitii Finfinneetti barnoota fagoo (distance) damee barnootaa Saayikolojiifi Saayinsii Siyaasaa barataa jira. Baatiiwwan 10 kanneenis afaan Amaaraatiin namootaan waliigalaa ture.

Afaan Amaaraa sirriitti dubbata. Ni barreessa akkasumas ni dubbisa. Hiriyyoota isaa lammiilee Itoophiyaa waliin kan bilbila haasa'us afaan Amaaraatiin. Kan ergaa barreeffamaa walii ergus akkasuma afaan Amaaraatiin.

''Yeroo jalqabaatiif afaan Amaaraa kanan of barsiise Jarmanumatti. Kitaaba tokko biteen qo'achuu eegale. Kitaaba sanas gutummaasaan xumure.

Ergan yunvarsitii Finfinnee dhufee boodas qo'achuun eegale. Koorsii Amaariffaa lammiilee biyya alaatiif jedhutu jira.''

Osoo biyya Jarman jiruu gara baatii jahaatiif afaan Amaaraa qo'ateera. Erga Itoophiyaa dhufee ammoo baatii 10 guteera.

Walumaagalattis Amaariffaa dubbachuufi barressuuf waggaa tokkoofi walakkaa itti fudhachuu hima Daawwiit.

''Dhugaa dubbachuudhaaf wanti murteessaan yaaluudha. Kan biraa ammoo afaanicha baruuf qubee afaanichaa adda baasuudha natti fakkaata.''

''Afaan Amaaraa dubbachuu eegallaan buna na affeeran''

Daawiit afaan Amaaraa barachuusaatiin, wayita namoota isa hamatan booda akka inni afaanicha beeku wayita hubatan rifatanis jiraachuu dubbata.

''Afaan Amaaraa beekuun na fayyadeera. Daandirratti afaan Ingiziin wayita na dubbisuu namoonni yaalan Amaariffaan wayitan deebisu erga na'anii booda buna na affeeru. Baay'een isaani namoota gaariidha.''

Mana nyaataatti afaan Ingiliziin wayita na haasofsiisuuf yaalan 'Foon hoolaa jiraa ?' Afaan Amaaraatiin wayitan jedhuun dubbiitu harkaa bada jedha Daawwit.

''Biiroo mootummaa dhaqee dhimma koo raawwachuuf afaan Ingiliziin wayitan haasofsisu namni natti haasa'u hin jiru ture. Garuu amma afaan erga dubbachuu eegalee hunduu na deeggaruuf dhufu jedha .

Daawwit hiriyaasaa lammii Jarman barbaacha Arbaamiinci dhaqe.

Hiriyaan isaa Moyyaleerraa gara Arbaamici dhaqa ture. Walfudhatanii halkan tokko Arbaamiinci, halkan tokkommoo Shaashamannee turanii Finfinnee dhaqu barbaadu ture.

Hiriyaan isaa garuu jalaa badee jennaan ta'ee hafetu Hoteela Turistootatti goree laaqana nyaata eega ture.

Yeroodhuma kana keessa bitaa itti galee asiifi achi osoo ija baasaa jiruu namoonni 'maal kun ammoo ija baasaan kun' ittiin jedhanii wayita hamatan dhaga'e. Kun isaaf garuu waan haaraa miti.

"Guyyaa guyyaan kan na mudatudha [kolfaa]. Akkan ani Amaariffa hin dandeenyeetti yaadanii waa'ee koo waan ta'e dubbatu. Waan gaariis ha ta'u waan hamaa ni dubbatu. Ani ammoo waa'e koo yeroo isaan dubbatan nan dhaga'a."

Daawwit iddoowwan seena qabeeyyii magaalicha jiraniis beeka.

''Aksum, Laalibalaa, Maqalee, Baahirdaar, haroo Laanganoo ...'''ani ammasaa Itoophiyaa keessa hin deemne.

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
Lammiin Jarman kun yeroo waggaa tokko hin guutiin keessatti Amaariffa dubbisee barreessa.

Nyaata aadaa baay'een jaaladha ittoo Indaaqqoo, keeessattu foon waaddii ni jaallata. Sambata duraa lammilee biroo waliin biiraa dhuguufi foon nyaachuuf walitti dhufna jedhe kolfaa.

Daadhiis dhuguu baay'een jaaladha jedhe.

Awuroppaa keessa 'buna dhugaa' jechuun hin jiru

Lammiin Jarman Daawwit biyyoota Awuurooppaa keessa naanna'eera. Achi kan hin jirre garuu Itoophiyaatti kan arge qaba.

''Jarmanitti namni yeroo hunda muddama keessa jira, Itoophiyaatti namni buna dhugaatu taphata. Achitti kuni hin jiru. Haara galfataa haasa'uun namatti tola; waliitti dhiyaatanii haasa'uuf.''

Akkasitti walitti dhiyaattanis waanti isin hin haasofnes jira jedha.

'' Fakkeenyaaf Abba koo waliin torbanitti yeroo muraasa haasofna, garuu waan hunduman itti hima. Jireenya koo, waa'een jaalalaas otoo hin hafne ... garuu Lammiin Itoophiya tarii hiriyaasaatti yoo ta'e malee maatiitti waliin otoo taa'aaniyyuu wayita himamu hin argine.

Kitaabota Afaan Amaaraan barreeffaman akka dubbisu ni dubbata.

Dabalataanis seenaa Itoophiyaa kitaaba ibsuu Pirofeesar Asmeroom Laggasaa barreessan [Oromo Democracy: An Indigenous African Political System] fi kaanis akka dubbisu himeera.

Gara fuula duraatti yaada Itoophiyaa keessa jiraachuu ni qabdaa gaaffi jedhus, "Sababiima tokkollee qabaannaan eyyeen nan jiraadha. Fakkeenyaaf, jaalala ta'uu danda'a ykn hojii... kan fedhe ta'us garuu yaada nan qaba," jedhe.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata