Afaan Oromoofi Biyya Ormaa: Maatiin da'imman akkamiin Afaan Oromoo barsiisu?

Afaan barachuun guddina daa'immani keessatti dhimma murteessaa dha. Of-ibsuuf, namoota waliin hariiroo uumuufi eenyummaa isaanii hubachuuf isaan gargaara.

Oromoota biyyoota hambaa keessa jiraachaa maatii horatan keessa tokko tokko akkataa isaan ittiin daa'imman isaanii Afaan Oromoo barsiisan gaafannee jirra.

Beeljiyeem

Image copyright KULANI

Obbo Soolaniifi Aadde Kuulaniin (Dashiin) ijoollee isaanii dhiiraa lamaan Jabaa fi Hayyuu biyya Beeljiyeem magaalaa Tarnihaawut keessatti horatanii guddisaa jiru.

Ilmi isaanii inni hangafaa Hayyuun, ganna 4, yeroo daa'ima turetti farfannootaafi viidiyoo Oromoo adda addaa 'Youtube' irraa banuun akkasumas haarmeenis abbaanis Afaan Oromoo qofaan itti haasa'uun akka Afaan Oromoo jaallatu gochuu akka eegalan dubbatu.

"Seera Afaan Oromoo qofa afaan waliigalaa manichaa akka ta'uu jedhuu basuudhaani" kan jedhan Obbo Soolan harmeen isaanii Kuulaniin kanarattii baay'ee akka hojeette dubbataniiru.

Naannoo umurii waggaa lamaatti oolmaa daa'immani yeroo seenetti Hayyuun mana barumsaatii deebi'ee afaan lama waan itti ta'uuf afaan baruun itti cimee akka ture dubbatu Obbo Soolan.

"Mana keessatti isa nuti Afaan Oromoon itti haasofnu, gara mana baruumsaa yeroo deemu isumaan namootatti haasa'uu eegalee ture" jedhu.

Afaan lamaan adda baasuu kan danda'e wantoota argu, wanta nyaatuu fi wantoota adda addaa tokko tokkoon adda baasanii afaan oromoon ibsuufi yeroo eegalan ta'uu obbo Solan ni dubbatu.

Ammatti ilmaan isaanii haala gariin Afaan Oromoo baraa jiraatanis yaddoo garuu qabna jedhu obbo Solan.

" Naannoo nuti jiraannu Oromootni hedduuminaan waan hin jirreef Hayyuun gadi ba'ee nama biraa waliin haasa'ee hin beeku. Kunimmoo yaaddoo guddaadha"

"Sababa kanaatti Afaan Oromoon Afaan mana kanaa qofaatii gaaffi jedhu akka kaasu taasisee ture" jedhu.

Obbo Solaan Gara fulduraatti ilmaan isaanii Afaan haadhaafi abbaasaanii, afaan eenyuummaa isaani ibsu kana akka hin daganneef hojjeechuuf karoora qabna jedhu.

"Yeroo guddatan gaaffii adda addaa gaafachuu eegalu. Firoottaan isaani gaafachuu yeroo eegalan Afaan Oromoo hin beekan taanaan walii galuu hin danda'an" Jedhu.

Kana furuuf ammumaan kitaabota addaa addaan afaan oromoo barressuu fi dubbisuu barsiisuu eegaleerra jedhu.

"Yeroo muraasa booda immoo gara biyyaa fuunee deemnee, uummataa, firaafi maatii keenya gidduutti, mana barumsaallee galanii, yeroo ijoollen akka garaatti Afaan Oromoo haasa'ani arganii afaan isaanii akka jabeeffatan goochuuf karoora qabna" jedhu.

Awustiraaliyaa

Image copyright Dhaabasa

Aaddee Lalisee Wadajoo Melboorn Awustraliyaa keessa ijoollee isaani afuur waliin jiraatu. Daa'imni isheen quxisuu ganna shanii, Haaraan, biyya sanatti dhalatte.

Biyya alaatti afaan barsiisuun cimaa ta'us mana keessatti Afaan Oromootiin maatiin hundi itti haasa'uun akka mucaa isaani barsiisan dubbatu. Haaraa, oolmaa daa'immanii (day care) Oromootaan qophaa'e bira akka geessan dubbatu.

Mana baruumsa yeroo seente garuu Afaan barsiisuun itti cimee akka ture dubbatu.

"Yeroo mana barumsaa deemtu afaan ingiliffaa haasa'u ni dandeessa, manatti garuu afaan Oromoo qofa haasofta" jechuun ishee barsiisna jedhu Aadde Laliseen.

Biyya kanatti ijoollee hedduu kan baleessu bilbila, waan adda addaa itti kennanii deemudha jedhu.

"Ipad teesse ilaalti taanaan yeroo ittin nu waliin haasoftu hin qabdu. Maatii waliin hin haasoftu taanan immoo afaanicha baruu hin dandeessu" kan jedhan aadde laliseen, umurii kanatti yeroo isheen bilbilaafi kompitararratti dabarsitu murteessuun dhorkuu akka eegalan dubbatu.

Gara fulduraatti yaaddoo qabaataniis kan gochuu danda'an inni jalqaba manatti Afaan Oromoon itti haasa'uu dha . "Inni lammaffaa immoo Yeroo walitti dhufeenyi hawaasa Oromoo jirutti waltajjii irraatti ijoollee hirmaachisuuni, malee Afaan Oromoon akka isaan guddatan gochuun nu yaadessa" jedhu.

Hawaasa isaani keessatti ijoolleen afaan Oromoo akka baratan kan dubbatan aadde Laliseen, Ijoolleen hawaasa Oromoo walitti dhufanii akka isaan waliin oolaan gochuun baayye barbaachisadha jedhu.

"Ijoolleen akka isheen Afaan akka bartee guddattuuf, akka isheen aadaa ishee bartee guddattuuf, akka isaan of baraa deemaniif biyya kanatti bayyee carraaqqi godhu" jechuun qooda hawaasni isaanii Afaan Oromoo irratti qabu ibsaniiru.

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
Biyyaa ormaatti maatiin da'imman akkamiin Afaan Oromoo barsiisu?

Ameerikaa

Image copyright FEVEN TESFAYE

Aadde Feven Tasfaye harmee, Duraan Guutuu (ganna 10 ) fi Lalilisee Guutuu (ganna 8) dha. Ameerikaa magaalaa Meerilaand keessa jiraatu.

Ijoolleen eenyummaa, Afaaniifi aadaa isaani baruun barbaachisaa waan ta'eef dhalachuu isaaniiti eegalee maatii guutuun Afaan Oromoo qofa akka itti haasa'uu murteeffachuu isaanii dubbatu.

Yeroo jalqaba ijolleen mana ba'anii mana barumsaa deemuu eegalanitti afaan ingiliffaa haaraa waanta itti ta'uuf, hiriyyoota isaani waliin yeroo haasa'anis waan itti toluuf yeroo mana galanis Afaan sanaan itti fufu barbaadu ture jedhu.

"Yoo Afaan Ingiliffaa haasa'uu barbaadanitti lakki jennaani. Yeroo maatii keessan argattan kan isin haasoftan Afaan Oromo qofa" jechuun jajjabeessaa akka turan dubbatu.

"Jecha ingilaffaa tokko yoo dubbatan kana jechuu keessanii jennee sirreessaanii deemna"

Maatii bal'aa biyyiitti qabachuun heedduu isaan akka gargaare kan dubbatan aaddee Feeven, yeroo amantaa isaanii gaggeessaniitti waldaa Afaan Oromo deemuun ijoolleen Afaan oromoo bal'inaan akka haas'an taasisuu isaa dubbatu.

"Waldaan Kiristaanaa qubee afaan Oromoo barsiisuudhaan gargaarsa guddaa nuuf ta'eera" jedhu.

"Murtee murteeffannee qabachuu keenyaatu guddaa nu gargaree sababiinsa yoo hin murteefannee ta'e nu harkaa miliquu danda'u" jedhu aadde Feeven.

"Hundeen isaa waan jiruuf, kana booda ijoolleen koo Afaan Oromoo hin dagatu jedhee hin yaadda'u" jedhu.

Yeroo maatii waliin haasa'aan yeroo firoota Oromiyaa jiran bilbilaan dubbisan Afaan Oromoo qofa waan dubbataniif bu'aa Afaan Oromoo baruun qabu ijoolleen isaani akka beekan dubbatu.


"Utuun Afaan Oromoo hin barannee nan gaabban ture"

Image copyright SOLOME

Solomee Tasamma, Ganna 25 Osloo, Norwayitti Dhalattee Ameerikaatti guddatte, Amma Washigton DC jiraatti. Yeroo daa'ima waggaa 5 taatee Ameerikaa deemtu Afaan Norway qofa beekti turte. Sana booda Abbaafi eessuumni ishee Afaan Oromoo akka barsiisaniin dubbatti.

'Yeroo sanaa booda kan nuti mana keessatti haasofnu afaan Oromoo qofa ta'e.' Umurii daa'imummatti Afaan Oromooo barachuu eegaluun koo baay'ee na gargaare jechuun utuu xiqqoo tureera ta'e ni cima ture jetti.

Barumsaa Qubee Afaan Oromoo waldaan naannoo ishee ture Sanbatan kennuu yeroo eegale keessatti Afaan Oromoo barreessuufi dubbisuu akka barte dubbatti .

Afaan keenyaa aadaa, eenyummafi waan hunda keenya kan walitti qabudha jedheen amana kan jettu Solomeen, ''Afaan Oromoo baruunkoo eenyummaakoo baruutti na fideera'' jetti.

"Utuun Afaan Oromoo hin baranne ta'ee baay'ee nan gaabban ture. Sababiinsaa maatiikoo waliin, akkoofi akaakkayyuukoo waliin haasa'uu hin danda'uun ture."

"Abbaa ykn haadhakootu taa'ee afaan hiikaa wal nu qunnamsiisa ture" jetti.

Daandetti Afaan Oromoo isheetiin waltajjii irratti Afaan Oromoo gara Afaan Ingiliffaatti hiikuus dandeesseetti.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata