Seenaa Oromoo: 'Oromo Graphya' fi Seenaa Oromoo Arabootaan barreeffame

Suuraalee Muraad fuula Facebook isaarratti qoodu keeysaa muraasa Image copyright Oromo Graphya

Muraad Ahimad namoonni hedduun maqaa fuula Facebook isaa 'Oromo Graphya' kan jedhuun beekan. Suuraalee ganna hedduun dura kaafaman, seenaa Oromoo himan fuula Facebook irratti maxxansuun beekama.

Dhiyeenya kana ammoo biyyatti deebi'uun kitaaba FUGUG jedhamu maxxansisuun eebbisisuuf jedha.

Harargee Lixaa Magaalaa Baddeessaatti kan dhalatee guddate Muraad, ALA 2003tti Yunivarsiitii Finfinneetti wayita barachaa turetti gubachuu bosona Baaleen walqabatee rakkoo dhalateen biyyaa baqatee akka bahe dubbata.

Biyyaas erga bahee booda biyyoota Arabaa garagaraa keessa bahuun Dubaay - achis dhiyeenyatti ammoo Saawudi Arabiyaa keessa jiraata.

Akkamiin hojii kana akka eegale BBCtti himeera.

''Ergan biyyaa bahee booda dhaabbata 'Arab Ethnography Survey' jedhamuf carraa hojjechuu argadhe. Carraa 'ethnography' fi seenaa baruu argadhe.''

Sanumarraa hamilee horatee seenaa Oromoo qorachuutti akka seene hima Muraad.

Biyya Saawudi Arabiyaatti Afaan Arabaa akka barate ka dubbatu Muraad, barnoota 'Arab Survey' jedhus achumatti barachuusaa dubbata.

Seenaa Oromoo Araboota biratti

''Namoonni keenyaafi anis seenaan Oromoo qorattoota warra dhihaan 'faranjoota' qofaan barreeffame jedheen fudhachaa ture,'' kan jedhu ogeessi kun, barruulee Afaan Arabaatin barreeffaman adda addaa wayita argu garuu , hedduu ajaa'ibsiifachuu dubbata.

''Biyyoota Arabaa muuziyemoota adda addaa keessatti barruuwwaniifi suuraalee seenaa Oromoo himan adda addaa wayitan argu, akkamitti akkas tahe jedhee hedduu na ajaa'ibe,'' jechuun BBCtti dubbateera.

''Barreessitoonni Arabaa kanneen akka al-Faayidii al-Umarii, Ibin Baatutaa jaarraa 13ffaa keessa gara biyya Oromoo dhufanii seenaa barreessaniiru,'' kan jedhu Muraad, kunis hamilee guddaa akka isatti horee fi miidiyaa hawaasummaarrattis namoota birootiif qooduuf akka isa kakaase dubbata.

Barreessitoonni seenaa jaarraa 19ffaa keeysa turan baayyeen isaanii akka ragaatti yeroo hedduu kan isaan kaasan seenaa jaarraa 16ffaa keessatti katabamedha jedha.

''San dabarree yoo ilaaluu barbaanne, ji'oograafara uummata Arabaa kan akka al-Fayidii al-Umarii ilaaluu qabna.

Al-Faayidiin jaarraa 13ffaa keessa Moqaadishoon godhudhaan naannoo Gaanfa Afriikaa kana daawwataa ture. Hanga Hararii gahuun lafa Oromoo daawwatee ture, barruu adda addaa keessa ni jira,'' jechuun dubbata Muraad.

Jaarraa 16ffaan duras Oromoon lafa Harargee keessa hin turre kan jedhamuufis ''hayyuun seenaa Ulrich Braukämper jedhamu kitaabasaa 'Islamic History and Culture in Southern Ethiopia' jedhu keessatti waggoota 7,000 duratti lafa tana keessa jiraachaa akka turan eera,'' jedha.

Ragaan kunis fakkiiwwan holqa keessatti kaafaman mala 'carbon date' jedhamuun xiinxaluun, uummanni horsiisee bulaa Kuush jiraachaa akka ture kitaaba keessatti akka eerus dubbata Muraad.

Fugug maali?

''Gabaabumatti Fugug jechuun - lafa fagoo jechuudha,'' kan jedhu Muraad, gama amantaanis sheekonni fugug ka jedhu addunyaa jechuudha jechuun himu jedha.

Naannolee Oromiyaa garagaraa keessa: Fugug Salaalee, Bachoo Fugug, Wajii Fugug (Arsii), Gooroo Fugug (Harargee) jaarraa 13ffaarraa eegalee akka ture seenaan ni hima jedha ogeessi seenaa kun.

Image copyright Oromo Graphya
Goodayyaa suuraa ''Kitaabni kiyya kunis seenaa lafa Fugug, lafa Oromoo tana bal'inaan ibsa,''

Kana malees hayyuun seenaa Martial de Salviac kitaabasaa keessatti maqaa FUGUG jedhamu kana eeree jira jedha Muraad. Dr. Mohammad Hasanis ballinaan qorannoosaanii keessatti eeru.

''Kitaabni kiyya kunis seenaa lafa Fugug, lafa Oromoo tana bal'inaan ibsa,'' jedheera.

Oromo Graphya

Ogeessa 'ethnography' ka tahe Muraad, oogummaa qabu fayyadamuun odeessaalee seenaa argatu uummata biraan gahuuf tattaafata. Kan inni itti gurra itti horates fuula Facebook 'Oromo Graphya' jedhurratti suuraalee bara durii maxxansuuni.

Suuraaleefi odeeffannoo kanneen eessaa argatta jechuun gaaffii gaafanneefis ''Dhaabbata Arab Ethnography Survey keessa hojjechuufi kuusaawwan seenaa adda addaa abuuruuf carraa argadhe.''

''Godambaaleen kunniinis geessituu (link) intarneetaa qabu. Suuraalee kanneenis achiirra kuusu. Achiirraa buuseen fayyadama,'' jedha.

Kana malees manneen kitaabaa biyyoota Arabaa jiran keessatti kitaabilee jiran irraas odeeffannoo isaa akka argatu dubbata.

''Linkii isaanii ni beeka. Eenyu? Bara kam? naannoo kana dhufee suuraa akka kaase nin beeka, dubbisee waanin tureef, bakka itti argaman dhaquun achi gubbaarraa buusa,'' jechuun haala akkamiin suuralee kanneen akka argatu nutti hime.

''Suuraalee kana useetuma buusee maxxansuu osoo hin taane, seenaa suuraa kana waliin deemu qoradhee ergaa waliin dabarsa,'' jedha.

Suuraaleen ogeessi 'Ethnography' kun maxxansu kaan kan ALA bara 1880'oota keessa kaafamanidha.

Gara fuuladuraattis marsariitii irratti haala qindaawaa tahen akka taa'u hojjechaa jiraachuu, akkasumas Giddugala Aadaa Oromoo Finfinnee argamu keessattis olkaahuuf haala mijeessaa jiracahuu nutti himeera Aabba Muraad.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata