Keenyaa Hoomaa Bay: Af'-yaa'iin sababa dhuufuu yaa'ii mana maree addaan kutuuf dirqame

Keenyaa kutaa biyyaa Hoomaa Bayitti yaa'ii mana maree adeemsifamaa ture sababii dhuufuutiif Af-yaa'iin kora dhaabsisuuf dirqame.
Mariin ho'aan waa'ee girgijii mi'oota gabaa gumii naannolee Keeniyaatiin gaggeefamaa ture Roobii darbe foolii badaafi jeequmsa quba namatti qabuutiin addaan cituu maddootni naannoo Sanaa gabaasaniiru.
''Kabajamoo af-yaa'ii, unu keessaa namni tokko qilleensa faalera eenyu akka tahe immoo nan beeka'' jechuun dubbate miseensi Juuliyas Gaayaa jedhamu
- Shamarran umurii 10'tiif qoricha ulfa ittisu kennuun maal jedhama?
- Miseensi mana maree daa'ima qabattee paarlaamaa seente ari'amte
Namni 'dhuufte' jedhamuun maqaan ka'e immoo akkasitti deebii kenne:
''Ana miti. Waa'ilota gidduutti waan akkasii raawwachuu hin danda'u.
Qilleensa haaraa argachuuf jecha af-yaa'iin gumichaa Edwiin Kaakaach miseensoti gadi' akka bahan ajajan.
Akka gabaasotni jedhanitti af-yaa'iin kuni miseensotaan ''urgooftuu barbaadaa fidaa biifaa, kanuma argattan'' jedhan.
Fooliin manichaa otoo urgooftuun itti hin biifamiin haa gadhiisaa haa dhufuyyuu malee
''Iddoo foolii badaa qabu keessa taa'uu hin dandeenyu.'' jechaa turan af-yaa'ichi.