Ertiraan Tajaajila Biyyaalessaashee warra qeeqaniif deebii kennite

Guddattota calalaman Image copyright AFP

Ertiraan gabaasa waa'ee tajaajila biyyaalessaa waliin walqabatee mirgi dargaggootaa sarbamaa jira jechuudhaan Human Right Watch baase hadheeffatee qeeqeera.

Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Obbo Yamaanee G/Masqal barreeffama fuula tiwiitera isaaniirratti baasaniin gabaasicha gatii dhowwataniiru.

Ministirich jecha jajjabaadhaan akka itti aanu kanaan ture kan ergaa deebii dhaabbatichaa kan kennan.

Warreen Ertiraa cabsuu malee taa'uun isaan dhukkubu, tooftaan dulloomaa isaan ittiin hammeenya raawwataa turan kattaa obsa Ertiraafi nagaafi waltumsuu naannicha keessatti qilleensa'aa jiru irratti kufee waan caccabeef ammammoo miira abdii kutannaa fakkaatuun Tajaajila Biyyaalessaa "yeroon hin daangeffamne" jedhu luqqifatanii "duula arabsoo haaraa" dhama'aa jiru.

Duraan dursa, tajaajilli lammummaa seeraan hanga ji'oota 18tti waan ta'eef kan yeroon hin daangeffamiinidha hin jedhamu. Yoo kan dheeratee ture ta'es, sababii filannoo imaammata mootummaarraa ka'een miti. Sababii qaamolee weerartootaa harki irra qabamee seera addunyaa cabsuun deggeresa alaan socho'aniin dirqamaan akka uumamu ta'edha.

Lamaffaa ammoo, ijaarsi humna ittisaa Ertiraa qaamoleefi dhaabbilee alaatiif kan caali baasiif dhiyaatu ykn kontoraataan kennamu miti. Hunda caalaa garuu humnootiin alaa qaanii tokko malee yeroo walabummaafi daangaan biyyattii maal-dhibdiidhaan cabu warre deggeraa turan ykn callisaniif kan kennamu miti.

Akka ta'utti Tajaajila Biyyaalessaa sirreeffachuufi dhimmi humna ittisa Ertiraa kan akka fedhaafi faayidaa mootummaafi ummata ertiraatti ta'udha. Ofiin of qulqulleessuun ykn "gorsi" fudhatama hin qabne shira keessoo fedhii warra hamattuu/odeessituu dhoksuu hin danda'u

Warri qeeqan ammoo, Eertiraan Itoophiyaa wajjin waliigaltee nageenyarraa geessus, sababii tajaajila biyyaalessaa jedhuun dargaggoota biyyattii garbummaa daangaa hin qabne keessaa galchuun himatamti.

Gabaasni Human Right Watch akka akka muli'seetti, waggaa waggaan dargaggoonni kumatamaan lakka'aman barnoota dhiisanii leenjii loltummaa fudhachuuf akka dirqaman ibsa.

Waraanni waggota 20 oliif turee goolabamee waliigalteen nageenyaa Itoophiyaa wajjiin erga mallattessite waggaa tokkoo lakkoofsistuus, tajaajilli biyyaaleessaa garuu addaan hin citne jedhame.

Lammileen Eertiraa biyyoota gargaraa keessa jiraatan leenjiin giddu-galeessaa leenjiin loltummaa Saawaatti kennamuu akka cufamuu duula karaa interneetaan gaggeessaa turan.

Gabaasichi itti dabaluun akka ibsuutti, barattoonni mana barnoota sadarkaa 2ffaa xumuran balleessaa xiqqaaf iddoo sirna loltummaan bulu giddu-galeessa Saawaatti akka ergaman ibsa.

Leenjicha boodas muraasni isaanii loltummaa keessa akka turan, kaan isaaniimmoo barsiisummaa ykn hojii mootummaarraa yeroo hin daangeffamneef akka turan taasifama.

Barsisoonnis kaffaltii xiqqaadhaan yeroo xumurrisaa hin baramneef giddu-galeessa kana keessa hojjatu.

Dhaabni Human Right Watch ''Barsiisaa jiru otoo hin taane, garboomsaa jiru'' jechuudhaan tajaajila biyyaalessaa Eertiraarratti gabaasa baase.

Calalliin gaggeeffamu barsiisonniifi barattoonni biyya gadhiisanii akka baqatanii fi sirna qulqullina barnoota biyyattirratti dhiibbaa uumeera jedha.

Giddu-galeessa leenjii loltummaa Saawaatti barsiisaa kan ture dargaggoon gannaa 25 akkas jedha'' tajaajila biyyaaleessa xumura hin qabnee, '' jechuudhaan dhaaba Human Right Watch'tti himeera.

''Barsiisaa Fiiziksii taatee yoo filatamte umrii kee guutuu barsiisaa Fiziksii taatee hafta.''

Tibba darbe Eertiraan tajaajilli biyyaalessaa biyyatti akka fayyadee kaasuun waggaa 25ffaa hundeeffamasaa kabajaa turte.

Tajaajilli biyyaalessaa kun akka addaan citu kanneen gaafatan garuu, hariiroon Eertiraan Itoophiyaa waliin qabdu waan foyya'eef jijjiramuu qabaa jedhan.

Amma hariiroo Itoophiyaa waliin rakkinni ture furameera, mirgaafi bilisummaa dargaggoota eegaluufi qabiinsa mirga namoomaarratti jijjiramni itti aanee dhufuu qabaa ''jedhuudhaan qorataan Afrikaa gameessi Human Right Watch ibsaa isaani keessatti yaadasaanii kennaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata