Baandiin Gadaa erga hundaa'ee waggaa 26ffaa isaa kabajeera

Artist Eebbisaa Adunyaaa Baandii Gadaa irratti yeroo weellise. Image copyright Facebook
Goodayyaa suuraa Artist Eebbisaa Adunyaaa Baandii Gadaa irratti yeroo weellise.

Baandiin Gadaa erga tokko jedhee hundaa'ee kaleessa - Dilbata waggootni 26 darbaniiru. Hundeeffamni Baandichaa waggaa 26ffaa kaleessa Finfinneetti kabajameera.

Obbo Tasfaayee Mokkonnin ammas Itti aanaa hogganaa baandichaa tahuun kan hojjetaa jiran yoo tahu, barreessaa fi gaazexessaa Dhaabaa Wayyeessaa ammoo hogganaa baandichaati. Lameen isaaniituu artistoota kaan waliin tahuun baandicha hundeesse.

Bara 1992 yeroo ABO'n chaartera keessaa bahe Oromootni hedduun faffaca'anii ture jedhan Obbo Tasfaayee Mokonnin hundeessitoota Baandii Gadaa keessaa tokko kan tahan.

Kanaafuu haala akkamiin uummata keenya walitti fiduu dandeenya jennee mari'achuun, baandii tokko hundeessuuf waliigalle jedhan.

Yeroo sana gaazexessaa Dhaabaa Wayyeessaa tiyaatira barreessaa ture. Isaan keessaa tiyaatirri ''Dukkanaan Duuba'' jedhamu isa tokko. Daarekterrii fi qopheessaan Tiyaatira Dukkanaan duubaa ammoo obbo Tasfaayee Mokonnonidha akka isaan irraa iyyaafannetti.

Egaa bara 1992 ji'a Waxabajjii keessa tiyaatiricha agarsiifnee namootni yommuu irrati hirmaatan, maaliif baandii tiyaatira irratti hojjetu hin hundeessinu jennee mari'anne jedhan.

Baandiin Gadaa of danda'ee akka dhaabbatuuf erga carraqanii bakkatti shaakalan ammoo rakkoo tahuu himu Obbo Tasfaayeen.

Gara Yuunvarsiitii Finfinnee dhaqanii gidduugala aadaa bakka shaakalaa fi agarsiisaaf akka eeyyamniif gaafanne jedhan.

Eeeyama barbaachisus erga naannoo Oromiyaa irraa xumurree baandicha hundeessuun bakka shaakalaa arganne jedhan.

Image copyright Feesbuukii Dhaabaa Wayyeessaa
Goodayyaa suuraa Miseensota Baandii Gadaa waltajjii irratti.

Tiyaatira Dhaabaa Wayyeessaa qopheesse isa lamaffaa galma kiiloo Shan jirutti yommuu agarsiifnu namoota 1000'f waamicha goone jedhan.

Isaan keessaa namni hunduu manaa bahuu illee waan sodaataniif namootni 400 irratti agarsiifne jedhan.

Agarsiisicha kaffaltii malee kan agarsiisan yoo tahu, namootni duraan faca'anii turan hundeessitootaafi hoggantoota waldaa Maccaa fi Tuulamaa dabalatee irratti argaman jedhan.

Isaan keessaa koloneel Alamuu Qixxeessaa ka'anii dhabbatanii ''ijoolleen kun waan guddaa hojjetanii nu agarsiisan waan taheef waadaa isiniif galla'' jedhanii torban lama booda walgahii Waldaa Maccaa fi Tuulamaa mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Minilikitti waaman.

Baandiin Gadaas yeroo jalqabaaf haala guutuu taheen sirboota dabalatee achi irratti agarsiifne jedhan.

Saganticha irratti uummatni Oromoo hedduun bahuun waldaan Maccaafi Tuulamaas akka gara duraa isaatti deebi'u tahe jedhan.

Booda baandiin Gadaa hoteella Hawwii jedhamutti dhaabbiidhaan agarsiisaa fi sirboota garaagaraa akka gaggeessu taasifamee ture jedhan Obbo Tasfaayeen.

Wellistoota Baandii Gadaa fi kufaatii isaa

Artistootni akka Abbabaa Abashuu, Tottobaa Margoo fi Mulugeetaa kanneen jedhaman isaan hundeessan keessatti argamu.

Booda Eebbisaa Addunyaa, Daawitee Mokkonin, Jireenyaa Ayyaanaa, Yooseef Gammachuu fa'aa Baandii kana keessa turan.

Haa tahu malee miseensotni hidhamuufi ajjeefamuu yommuu jalqaban, kanneen hafanis duraa boodaan biyyaa baqachuu fi addaan faca'uu eegalan jedhan Obbo Tasfaayeen.

Kanneen akka Jireenyaa Ayyaanaa fa'aa immoo jiraaf du'uun isaaanii osoo hin baramiin kanneen hafan keessatti argamu.

Yooseef Gammachuu fi Eebbisaa Addunyaa - addunyaa kana iraa boqotaniiru.

''Karaarratti qabamu. Ni hidhu, deebisanii gadhiisu. Kaan ammoo eessa akka geessan hin beeknu. Barbaadneti booda bakka jiran kan argannu.''

Eeyyama waan qabnuuf hoteela Hawwiitti agarsiisaa turre. Rakkoo waan qabuuf dhaaba kan nuun jedhes hin jiru, miseensota hidhuu malee jedhan.

Miseensotni baandichaa erga faffaca'anii gara dhuunfaa keenyaatti deebinee hojii eggalle jedhan Obbo Tasfaayeen.

Baandichi irratti uummanni walitti dhufee waliin haasa'ee, afuura baafatee, waliin taphatee gala ture. Bakkatti walitti dhufan biraan hin turre jedhan.

Amma waggaa 26ffaa hundeeffama isaa yeroo kabajnu wal quba hin qabnu turre jedhanii bu'uuressitoota keessaa Mulugeetatu yaadicha eegale jedhan.

Haa tahu malee anaafi [Tasfaayee] fi Mulugeetaan tasumaa eessa akka jiraannu iyyuu quba wal hin qabnu ture jedhan.

Mulugeetaan biyya alaa jiran se'e. Innis akkan ani biyya keessa jiraachaa ture hin beeku. Namootatu walitti nu fidee wal nu qunnamsiise jedhan.

Ammas bifa deebi'ee baandichi itti guddatu irratti haala mijeessinaaf malee anaafi Dhaabaa Wayyeessaa ogummaan keenya gara wallee osoo hin taane gara tiyaatiraa fi diraamaati jedhan.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata