Sababoonni godaansa seeraan alaa ijoo ta'an maali, furmaanni hoo?

Baqattoota Itoophiyaa Liibiyaatti argaman keessaa Image copyright Anadolu Agency

Lakkoofsi namoota karaa seeraan alatiin galaana qaxxaamuranii godaanan yeroo gara yerootti dabalaa jiraachuu himama. Akkasumas, du'a lammiilee osoo galaana qaxxaamuranii dhagahuun baramaa dhufeera.

Dhiheenya kanas dargaggoonni naannoo Tigraayi irraa ta'an 15 osoo galaana Meditiraaniyaan qaxxaamuranuu lubbunsaani darbu dhagameera.

Dargaggoonni kunneenis naannicha bakka Iroob jedhamu ka'un biyya Libiyaa keessa darbanii turan kan imalarra osoo jiranu kan galaanaan nyaataman.

Naannoo Oromiyaatti Itti-gaafatamaan Biiroo Dhimma Hojjataafi Hawaasummaa Obbo Mohaammad Xayibuu akka jedhaniitti, naannoolee biyyatti rakkina dadabarsaa namota seeraan alaatiif saaxilaman keessaa tokko Oromiyaadha jedhu.

Daddabarsi kunis dhoksaan kan raawwatamu waan ta'eef lakkoofsi namoota godaananii hangas jedhame himamuuf rakkisaa ta'ulleen, ragaa argatan irraa ka'uun dabalaa jiraachu himu, Obbo Mohaammad.

Namoota karaa seeraa alaatiin daddabarfaman kanneen umuriinsaanii waggaa 12 kaasee jiruu ta'u dubbatu Obbo Mohaammad.

Namoota osoo gara biyya Arabaati imalanu dhiheenya kana qabamanii deebiifaman keessaa 64 ijoollee ta'usaanii akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Obbo Mohaammada akka jedhanittis, naannoo Oromiyaa keessaa godinaaleen akka Jimmaa, Baalee, Arsii fi Arsii Lixaa kanneen anamoonni baay'inaan irraa godaanani jedhaniiru.

Akkuma naannoolee biyyattii kan biraa naannoo Amaaraattis lakkoofsi namoota osoo daangaa ce'uuf jiranuu qabaman olaanaadha jedhu Obbo Getasawu Mangee Biiroo Hawaasummaafi Hojjataatti Daarektarri Babalina Tajaajila Bobbaa Hojiiifi Qorannoo Human namaa kan ta'an.

Bara kana qofaatti namoonni 545 karaa Samaraatiin osoo Jabuutiitti qaxxaamuranuu to'atamuun gara naannosaaniitti deebiifamaniiru jedhan.

''Yeroo baayyees daandii Matammaa to'annoo cimaan taasifamu baqachuun daandii Abrhaajiraa filatu,'' kan jedhan aanga'aan kun, bara kanattis godaantoonni seeraan alaa 290 qabamanii deebiifamaniiru jedhu.

Godaantoonni kunneenis kan dhufan naannicha qofarraa osoo hintaane, kanneen Oromiyaa, Kibba, Finfinneefi naannoo Soomaaleerraa dhufan jiraachuu daarektarichi himaniiru.

Irra caalaan godaantota kanaa dubartoota yoo ta'an, kanneen harka 40 ta'an ammoo daa'imman jedhu.

Akka daarektarichi jedhanitti caalmaatti godaantonni kun naannichatti Walloo Kibbaa, Walloo Kaabaa, Shawaa Kaabaa, godina bulchiinsa saba Oromooti kan dhufanidha.

Godaansa seeraan alaaa hir'isuuf paasportii dhorkuu dabalate yaaliiwwan adda addaa taasifamus, ammas hojii dhabummaafi buqqa'insa biyya keessa jiruun lakkoofsi kun dabalaa jiras jedhu.

''Karaa seera qabeessa ta'een namoota bobbaasuuf osoo dadamqsuun hintaasifamiin, kumni 20 galmaa'aniiru. Kunis namoonni karaa seera qabeessaan deemuuf fedhu qabachusaanii kan ittiin barreedha,'' jedhu.

Haaluma walfakkatuunis naannoo Tigraay keessaa Kibbi (Raayyaa) fi godinaaleen bahaa kan akka Adigiraat, Wuqroo, Iroob kkf haala seeraan ala godaansaa kanaaf kan saaxilaman ta'u ragaan Dhimma Hojjataafi Hawaasummaa naannichaarra argame ni mul'isa.

Obbo Salamoon Gabrahiyoota Biirichatti Ittigaafatamaan Hordoffii Dhimma Hojjataafi Hawaasummaa yoo ta'an, godaantonni kun gara caalaan dargaggoota yoo ta'an, isaan keessayis lakkoofsi dubartootaa ol-aanaadha.

Daandiiwwan godaansaa

Obbo Mahaammad namoonni naannoo Oromiyaatii karaa seeraan alaatiin godaanan daandiiwwan gurguddaa lamaan akka ta'e dubbatu.

Kunis tokkoffaa karaa naannoo Amaaraatiin qaxxamuruun Matammaa keessa darbanii, Sudaan hanga Liibiyaatti kan imalamu yoo ta'u, inni lammaffaan karaa Jabuutiitiin imala gama Yemaniifi biyyootii Arabaatti taasifamudha jadhaniiru.

Kana malees, imalli seeraan alaa kun karaa Keeniyaatiin Taanzaaniyaa keessa qaxxamuruun imalli seeraan alaa gara Afrikaa Kibbaatti taasifamuus jiraachusaa Obbo Mohaammad ni dubbatu.

Gama naannoo Tigraayi irraannis akkasuma kanneen karaa seeraan alaatiin imaluuf yaadan Daandiiwwan godaantoonni seeraan alaa itti fayyadaman keessaa karaan Afaar-Jabuutii tokko yoo ta'u, gara Awuroppaa imaluuf ammoo karaa Humaraa-Libiyaatiin ykn naannoo Somaalee Jigjigaa akka filannootti fayyadamuun gara Saawudiifi Yeman deemu jedhaniiru Obbo Salamoon.

Obbo Getaasaw gama isaanitiin daandiiwwan namoonni naannoo Amaaraatii ittin karaa seeraan alaa imalaniin sadii jiraachusaa himu.

Isaanis akkuma kanneen naannoo biraarraa godaananii karaa Jibuutii, karaa Matammaatiin Suudaan-Libiyaa hanga Awurooppaattiifi Saawudii Arabiyaa kan imalamu yoo ta'u, inni haaraan baname ammoo daandii Yabrihaajiraati jedhaniiru.

Namoonni maaliif godaanu?

Sabiiwwan lammileen ittiin godaananiif adda adda ta'uu mala kan jedhan Obbo Mahaammad, hojii dhabuu, dhiibbaa hirriyyaafi fadaaltootaa akkasumas hawwii qabeenyaa horachuun jireenya gaarii jiraachuu kanneen adda durummaan eeraman jedhaniiru.

Gama naannoo Amaaraatiin ammoo buqa'iinsi biyya keessa jiru godaansaaf madda ta'uu dubbatu Obbo Getaasaw. Hojii dhabiinsi ammoo sababii biraati jedhu.

Lammiileen baratanii erga heebbifamaniin booda hojii waan dhabaniif, akkasumas gama hojii uumuutiin sochii cimaan waan taasifamaa hinjirreef lammileen godaansa akka filannootti fudhatu jedhu.

Keessattu kanneen sababii adda addaatiin barnotasaanii addaan kutaniif, warri filannoon hojii argachuu kan biraa hinjiru jedhanii yaadan, kanneen gochawwan miidhoo jalaa baqataniifi gowwoomsaan faddaaltootaa sababiiwwan gurguddaa godaansaaf akka sababaatti aanga'oonni kunneen eeran keessaati.

Rakkinicha furuudhaaf carraa hojii biyya alaa karaa seeraan ta'e mijessuu dabalate, furmaatiwwan adda addaa fudhatamaa jiraachuu kan himan itti gaafatamtoonni naannoolee kunneen, hawaasni akka hubatuuf hojjatamaa jiras jedhaniiru.

Keesattu naannoo Oromiyaatti fadaaloota adamsanii seeratti dhiyeessuuf cimsanii hojjatamaa jiraachu dubbatu Obbo Mohaammad.

Obbo Salamoon gama isaanitiin, sababiiwwan dargaggoonni kunneen biyyaa ittiin bahan 'dogongoraan' jedhu. Kunis amantaa jireenya fooyya'aa arganna jedhuufi, dhiibbaa hirriyyootaa fi namoota nama dadabarsaniitii akka ta'elleen BBC'tti himaniiru.

''Kan barnoota xumure hundi hojii ni argata jechuun rakkisaa ta'u baatulleen, haala danda'ameen garuu carraan biyya ofiitti itti hojjatanii jiraatan jira'' jedhu. Garuu kanneen biyyaa bahan yoo qoratamu irra caalliisaanii kan konkolaataafi mana qabandhas jedhaniiru.

''Haalli isaan itti fayyadaman walxaxaafi kan hidhata ballaa qabuudha. Kunis rakkoo Kenya olaanaadha. Wayita to'atamanittis addabbiin itti kennamu kan barsiisu miti.

Tokko tokkos wabiin gadhiifamu. Amma garuu qaamooleen haqaa tarkaanffii barsiisaa ta'e fudhachu akka qaban hojiin raawwatamaa jiru mataansaa nutti mullisaa jira,'' jedhaniiru.

Sababiidhuma kanaanis yeroo gara yerootti lakkoofsi namooti lubbusaanii dhabanii ilaalchisee ragaan akka qaqabu ni dubbatu. Garuu meeqa akka du'an ifatti akka hinbeekamne himu.

Rakkinicha furuuf maaltu hojjatamaa jira?

Dhiheenya kanas MM Dr Abiy Ahimad hojjattoota kuma 50 ta'an gara UAE'tti ergaaf karoorri qabamu ibsanii turan.

Kana malees, gara biyyoota Indoneshiyaafi Awuroppaas humna namaa leenjii'e erguun karaa seera qabeessa ta'een hojii umuuf yaadamu himaniiru.

Gara biyyoota Giddugala Bahaatti hojii bobbaasuufi gara biyyoota Eshiyaafi Awurooppaatti ammoo kanneen leenjii'an erguuf qophiin haal-duree taasifamaa jiraachu Ministeera Hojjataafi Hawaasumaatti Daarektarri Bobba'uu Hojii Biyya Alaa Obbo Birhaanu Abarraa BBC'tti himaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata