Buruundiin 'hojjetoota adda-durummaan socho'aniif' talaallii Iboolaa kennaa jirti

Hojjetoonni fayyaa yeroo talaallii fudhatan

Buruundiin hojjetoota fayyaaf talaallii dhukkuba Iboolaa ittisu kennuu jalqabuushee Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) beeksiseera.

Hojjetoonni fayyaa bakka Gaatumbaa jedhamtu warra hunda dura saaxilaman jedhamee yaadameef durse kennameeraaf.

Bakki Gaatumbaa jedhamtu kun ammoo daangaa Dimokiraatika Rippabilika Koongoo bakka weerarri Iboolaa ka'ee waggaa guutuuf turuudhaan namoota 1,800 itti ajjeesee turedha.

Talaalliin kunis hordoffii WHO tiifi ministeera fayyaa Buruundiitiin gaggeeffamaa jira.

Hojjetonni fayyaa kunneenis gosa talaallii hanga ammaa omisha hayyama hin baafatiin rVSV-ZEBOV jedhamuun talaalamaa jiru.

"Talaalliin kun hanga ammaa kan hin mirkanoofneefi daldalaaf faayidaarra ooluun isaa ammallee abbaan mirgaa kan hin kennamneef ta'ullee, yeroo Iboolaan Afrikaa Lixaatti ka'ee turetti ilaalamee bu'aa qabeessaa ta'eera," jedha ibsi WHO.

Talaalliin, garee dhaabbata faarmaasii US Merck, jedhamuun kan qophaa'e yommuu ta'u "baayyee bu'a qabeessa" akka ta'e yaalii bara 2015 keessaa Giiniitti taasifameen mirkanaa'eera jedhan bakka bakka bu'aan Buruundii Dr. Kazadii Mulomboo.

"Hojjetoota fayyaafi kanneen biroo dura hiriiruun hojjetaniif talaallii kennuun dhukkuba kana ittisuu irratti tarkaanfii gaariidha," jedhe.

Hanga ammaatti buruundiin dhibee Iboolaa mul'ate hin qabdu garuu daangaa Dimokiraatawa Rippabilikaa Koonoorratti wan argamtuuf carraan seenuun guddaadha, akkasumas guutummaan naannichaa akeekkachiisa dhibee kanaa jala jira.

Ugaandaan ammoo yaalii talaallii dhibee Iboolaa kana guddicha jedhame marsaa lamaffaa jalqabdee jirti. Talaalliin Ugaandaatti torban darbe gaggeeffame kun ammoo dhaabbata qorichaa US kan birootiin qophaa'e jedheera maddi Oduu Reuters.

Jalqaba torban kanaarra, saayintistoonni yaaliiwan qorichawwan lama namoota dhibee kanaan qabaman Dimokiraatawa Rippabilikaa Koonoo keessatti taasisaniin milkaa'ina guddaa argamsiisaniiru.

Qorichi yaaliin argame kunis dhibee kana 90% ni fayyisa jedhameera.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata