Human Rights Watch: 'Godaantonni Itoophiyaa imala gara Yamanitti taasisan dararamaa jiru'

Godaantota seeraan alaa bidiruurra taa'an Image copyright Getty Images

Jaarmiyaan mirga namoomaaf falmu Human Rights Watch gabaasa gaafa Kamisaa baaseen lammiileen Itoophiyaa imala gara biyyoota Arabaatti taasisanirratti dararaa cimaatu isaanirra gahaa jira jedhe.

Gabaasni fuula saddeetiin qixaa'ee dhiyaate kun lammiileen godaansi bidiruu (markaba) yaabbachuun Galaana Diimaa ce'an harka daddabarsitoota seeraan alaa keessa galuun dararaa hamaaf saaxilamu jedha.

Kana malees godaantonni kun manneen hidhaa Saawudi Arabiyaa haalaan dararaman keessatti hidhamu - achiis gara biyyatti dirqamaan deebi'u.

Anga'oonni Itoophiyaa, Yamaniifi Saawudi Arabiyaa rakkoo godaantota kanarratti gahu hir'isuuf waanti hojjetan hagas mara miti jedheera dhaabbanni kun.

''Lammiileen Itoophiyaa hedduun jireenya gaarii abadachuun Saawudii Arabiyaatti imalan, rakkoolee himamuu hin dandeenye hedduuti isaan mudata. Galaanatti du'uu, dararaa hundatu isaan mudata,'' jedha dhaabbatatichatti qorataa Afrikaa ka tahe Felix Horne.

Aabba Felix ''Mootummaan Itoophiyaa, tumsa dhaabbilee idil-addunyaa irraa argatun, namoota gara Itoophiyaatti harka qullaa deebi'an kanneen gargaaruu qaba,'' jedha.

Dhaabbatichi lammiilee Saawudi Arabiyaarraa deebi'an 12 wajjin gaaffiifi deebii taasiseera.

Warri gaaffii deebii waliin taasifames haala hamaa keessa dabran himu. Keessattuu imala bidiruu bishaanirraan taasifamu hangam lubbuu namaa akka saaxilu dubbatu.

Namtichi tokko ''Bidiruu takkarra namoota 180 turre, garuu 25 nu biraa du'an,'' jechuun hime. ''Bidirichi rakkoon mudate, dambalii guddaatu nu rukutaa ture. Bidiruun tun humnaan ol feetee waan turteef, dalaallonni namoota haga 25 tahan fuudhuun bishaanitti darbatan.''

Godaantonni kun wayita Yaman gahan daddabarsitootaan akka qabaman dubbatu. Isaan keessaa shan namoota kanneeniin dararaan qaamaa (reebichaa fi kanneen biroo) akka irra gahe dubbatu - sababni kanaas maatiin maallaqa akka ergan gochuufi.

Warra dubbatan keessaa hedduun maatiin qabeenya gurguruun (manaa fi lafa) maallaqa gaaftaman akka erganiif dubbataniiru.

Erga kaffalanii yookaan miliqanii erga badanii booda, gara daangaa Yamanii fi Saawudi Arabiyaatti deemsa eegalu. Naannoo daangaattis sarbamni kana hin jedhamnetu isaan mudata.

''Daangaarra reeffa hedduu tortoraa jiran agarre,'' jecha dargaggeessi ganna 26. ''Lafti sun iddoo awwaalchaa (qabrii) fakkaata.''

Image copyright Human Rights Watch

Dhaabbanni Idil-addunyaa Dhimmoota Baqattootaa (IOM) akka tilmaametti bara 2017 baatii Muddee keessa yeroo duula lammilee biyya biroo biyyaa isaaniitii ari'uu jalqabanitti lammileen Itoophiyaa 500,000 ta'an Sawudi Arabiyaa keessa turan.

Aanga'oonni Saudii namoota lammii biyya biroo ta'an warra seera hojjetaa, hayyama jireenyaa cabsan ykn seeraan ala daangaa biyyattii cabsanii ce'an hidhaa, seeratti dhiyeessaa, ykn dirqamaan gara biyyaa irraa dhufaniitti deebisaa turan.

Akka IOM jedhetti, lammileen Itoophiyaa 260,000 ta'an giddu-galeessaan ji'a ji'aan 10,000 kan ta'an ammoo Caamsaa 2017 hanga Bitootessa 2019 gidduutti Sawudi Arabiyaa keessaa ari'atamaniiru. Gara biyya isaaniitti deebisuun kun ammallee akkuma itti fufetti jira.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata