Walqunnamtii saalaa madda maallaqaa godhachuun duudhaa lammiilee Itoophiyaa miti'

Dubartoota Finfinnee keessatti daldala saal-qunnamtiitti bobba'an

Tibbana Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee kadhaa daandii irraafi shamarran saalquunnamtii akka madda maallaqaatti fayyadamuu dhorkuusaatiin walqabatee gaaffilee hedduun ka'aa jiru.

Kaayyoofi hojiirra oolmaa dhorkaa ba'ee kanarratti mariin gaggeeffamaa jira.

Wiixineen seeraa kun yeroo ammaa kaabineef dhiyaatee kan irratti mari'atame yoo ta'u, bulchiinsi magaalichaa addatti kophaasaa murteessuu waan hin dandeenyeefuu qaamolee dhimmi ilaallatu hunda irraa yaadi akka itti kennamuuf hojjetamaa jiraachuu Sekreetariin Bulchiinsa Magaalichaa Feven Tashoome ibsaniiru.

Wiixineen kun hawaasa waliin irratti mari'atamee erga wal hubannoon uumamee booda mana maree bakka bu'oota uummataaf dhiyaatee labsii ta'ee ba'a jedhan.

Namoonni daandii gubbaa jiraataniifi kadhatanii jiraatan humna hojii waan ta'aniif jireenya daandiirraa keessaa ba'anii jiruu fooyya'aa akka jiraatan seerichi ni deggeras jedhan.

Akka Aadde Feevan jedhanitti bulchiinsi magaalaa Finfinnee yeroo ammaa namoota daniirra jiraatan gargaaruuf jecha maallaqa ramaduun(social fund) hojjechaa jira.

Kanaan alattis hawaasni dhuunfaadhaan namoota daandiirra jiraataniif maallaqa kennuurra bakka tokkotti kuusuudhaan akkaataa gargaarsa gochuu danda'anirrattis hojjetamaa jira jedhan.

''Hin dhorkamu taanaan rakkoodha. Yeroo ammaa namni aadaa kadhatanii jiraachuu waan barataa dhufeef keessaa ba'uu diduun ni mul'ata.

Dargaggoonni hedduun kutaa biyyaarraa magaalaa Finfinnee dhufanii kadhatu. Tarkaanfiin kun dhaloota egeree naamusa gaarii qabu uumuufis baay'ee murteessaadha,'' jedhan.

Dabalataanis magaalaan Finfinnee teessoo jaarmiyaalee addunyaa hedduu waan taateef maqaa gaarii biyyattii ijaaruufis tarkaanfiin kun fudhatamuu qaba jedhan.

Image copyright The Sydney Morning Herald

Gama kanaan kadhaa daandii irraa qofa osoo hin tanee shamarran daandiitti ba'anii maallaqa argachuuf hojii walquunnamtii saalaa raawwatanillee irraa deebi'uu qabu jedhan.

''Wal quunnamtii saalaa akka madda maallaqaatti fayyadamuun duudhaa lammiilee Itoophiyaa miti. Magaalli kun teessoo dhaabbilee idil addunyaati.

Namoota addunyaa hedduutu seenee ba'a. Magaalaa akkasii keessatti gochi safuu hin qabne akkanaa raawwachuu hin qabu. Magaalaa kana gocha akkanaarraa bilisa gochuuf karoorsineerra.''

Karaa biraatiin maallaqa argachuuf jecha walquunnamtii saalaa raawwachuurraa kan ka'e dhibeen HIV/AIDS heddummaachaa jiraachuusaa qorannoon waan mul'isuuf kana qolachuuf jechas murtee kanarra geenye jedhan.

Isaan kana haa jedhaniyyuu malee humnoonni nagenyaa ofiisaaniitiin namoota saalquunnamtiidhaan maallaqa argachuuf jecha daandiirratti ba'an humnaan dhorkuunsaa namoota hedduu irraa qeequmsa kaaseera.

Yeroo ammaa kana gocha kana akka dhorkaniif mootummaan dirqamasaa qaamolee nageenya eegsisanitti yoo kenne humnaan mirgasaanii sarbuu danda'u jechuun komiin ka'aa jira.

Pirees Sekreetarittiin dhimma kanarratti gaaffii dhiyaateef wayita deebii kennan, namoota daandiirratti kadhataniif warri maallaqa kennan itti gaafatamu, kadhattoota daandiirraaf leenjiin

kennamee dandamachuun gara hojii ofiin hojjetanii buluutti ni ceesifamu jedhan.

''To'achuu fi humnaan dhorkuudhaan galma yaadame bira hin ga'amu. Kanaafuu jalqaba hubannoo uumuutu barbaachisa. Keessattuu abbootiin amantii asirratti ga'eesaanii ba'achuu qabu.''

Waa'ee namoota maallaqa argachuuf quunnamtii saalaa raawwatanii ilaalchisee seerichi isaan adabuuf osoo hin taane bakka amma jiranii ka'anii waan hawaasi keessa jiraatan hojjetu dalagatanii jireenyasaanii akka jijjiiran gochuuf kan yaadameedha jedhan.

Kanaan dura walquunnamtii saalaatiin maallaqa argachaa kan turte Mitsiwaan wiixinee seeraa kana deggerti.

Namoonni kunneen garuu hedduun isaanii kanneen daa'ima qabanii fi maatii gargaaran waan ta'aniif mootummaan akkam godhee gocha kana keessaa isaan baasa gaaffii jedhu kaasti.

''Reebamaa, hidhamaa, qullaasaanii qorra keessatti waan fedhan irratti raawwachaa jiru kan jettu Mitsiwaan namoota kanarratti humna nageenyaatiin dhiibban raawwatamaa jiru dhaabbachuu qaba'' jetti.

Namoonni gocha akkanaarratti hundaa'anii jiraatan kana keessaa ba'uuf jecha jalqaba waan nyaatanii bulan argachuu qabu kan jettu Mitsiwaan mootummaan seera akkanaa wayita baasu jalqaba namoota akkanaaf deggersa akkamiin taasise jedhee of gaafachuu qaba jetti.

Waggoota dheeraadhaaf walquunnamtii saalaatiin maallaqa argattuun jiraachaa kan turte Haayimaanot yaada Mitsiwaa deeggarti.

Isheenis murteen kun darbuusaatti gammaddee garuummoo namoota kunneen deggaruun dursa argachuu qaba jetteetti.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata