Ejensii Madaallii Qorumsaa: 'Sadarkaa naannootti gaaffiin akkanaa wayita ka'u isa jalqabaati'

Waajira Ejensii Madaallii Qorumsaa

Bu'aan qormaataa kutaa 12ffaa kan bara kanaa erga barattootaaf deebi'ee kaasee komiin bakka gara garaatii ka'aa jiru.

Komee ka'an keessaa tokko qaxiin gosa barnootaa Scholastic Aptitude jedhamurratti barattoonni galmeessisan gadi bu'aa ta'uusaadha.

Qabxiin kan gadi bu'e kan barattoota ciccimoo dabalatee ta'uunsaa ammoo daranuu namoota yaaddesseera.

Rakkoo inni lammataa barattoonni 5,000 tahan qabxiin isaanii gosa barnootaa sadiin hanga hunda deebisuutti haala itti gahantu mul'ate, kunis 100 fi 99 fa'a. "

Gosoota barnoota sadiin qabxii olaanaa walfakkaataa barattoonni argatan kunneen naannolee biyyattii afur keessatti ta'uus eeran.

Naannoleen afran kunneenis naannoo Amaaraa, Beenishaangul Gumuz, Uummattoota Kibbaafi Oromiyaadha jedhu Itti-gaafatamaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo.

Barattoota 5,000 kana keessaa naannoo Oromiyaarraa manneen barnootaa sadii keessattis barattoonni 26 akka argamanis ibsaniiru.

Gosoota barnootaa sadeen amma qabxii olaanaan ittiin mul'ate kana osoo bu'aan qorumsaa hin gadhiifamin durattuu odeefannoo argannee Ejensichaaf ibsinee turre jedhan.

Kanumaan walqabatee, akkuma qabxiin barattootaa gadi dhiifameen Biiroon Barnootaa Naannoo Tigraay komii qabaachuusaa ibsee ture.

Biiroon Barnootaa Oromiyaas firii qormaataa irratti komii akka qabu BBC'tti himeera.

Ejensiin Qormaataafi Madaallii Barnootaa gamasaatiin koree qabxii qormaata Aptitude qoratee adda baasu hundeessuu isaa beeksiseera.

Ejensichatti Daarektara Dhimmoota Kominikeeshinii kan ta'an Obbo Radii Shifaa ''Sadarkaa naannootti komiin akkasii wayita dhaga'amu kun isa jalqabaati,'' jedhan.

Meeshaan qormaata soroorsuufi mosaajiin (software) isaa Ingilaandirraa kan dhufeefi hojii osoo hin jalqabiin waggootaaf akka ture himu Obbo Raadiin.

Meeshaan qormaata soroorsu inni haaraan kun hojiirra ooluu osoo hin eegalin dura mosaajii (Software) 'Koobil' jedhamutti dhimma ba'aa akka turan ibsu.

Ejensiin isaanii kan qopheessu qormaata biyyaalessaa kutaa 10ffaa ta'uu kan dubbatan Obbo Radii kan kutaa 12ffaa Yuuniversitii Finfinneetu qopheessa jedhan.

Dhaabbata qorannoo Yuniversitii Finfinnee keessa jiru keessa ogeeyyii jirantu gosa barnootaa hundaaf qormaata qopheessu.

Haata'u malee, Ejensichi qormaata qophaa'e walitti qabuu, raabsuu, soroorsuufi qabxii raabsuu walumaa galatti bulchiinsa qormaataa irratti dirqama qaba.

Akka isaan jedhanitti furtuun deebii qormaata kutaa 12ffaa ittiin soroorsanis kan dhufu Yuniversitii Finfinneerraati.

Maalumaafuu qormaata qopheessuu irraa eegalee hanga qabxii raabsuutti wantoonni raawwataman maal fa'i?

1. Of eeggannoo duraa

Tokkoon tokkoon gosa barnootaaf abbaa qormaata baasu ibsuu dhiisuu fi iccitii qormaatichaa eeguun qophii qormaataaf of eeggannoo jalqabaati jedhu Obbo Radiin.

Wayita qormaati qophaa'u odeeffannoon lo'ee akka hin baaneef jecha kompiyuutarri dhimma kanaaf oolu neetwoorkiirraa akka bilisa ta'u godhameera jedhan.

Qormanni erga qophaa'ee booda iddoo isaaf qophaa'etti kuufama jedhan.

Yeroo maxxansaas dhaabbati qormaanni itti maxxanfamu kaameeraa iccitiitiin sa'atii 24 guutuu eegama.

Namoonni qormaaticha maxxansiisuu keessatti qooda fudhatan ogeeyyii naamusa qabanii fi dhimma qormaataa qofaaf ramadamaniidha.

Sochiin hundi bakka namoonni ejensicha keessaa filatamanii fi poolisoonni federaalaa jiranittidha kan taasifamu.

Kutaa qormaati itti soroorfamu keessa homaayyuu qabatanii seenuun dhorkaa ta'uu qofa osoo hin taane sakatta'iinsa cimaatu taasifama.

Qormaati wayita kutaalee biyyattii garaagaraatti raabsamus furtuu boordii filannootiin cufameeti.

Qaamni qormaata qabeenii deemus walga'iidhaan qabxii mariirratti erga mallatteessee booda dha.

Gara naannoleettis poolisoota federalaatiin dabaalameeti kan raabsamu.

Qormaati eegalamuun dura waraqaan qormaataa buufata poolisii naannawa jiru tura.

2. Qajeelfama qormaataa

Qormaati eegalamuun dura odeeffannoo barbaachisoo fi wayita qormaataammoo deebii kennuurratti akka hin dogoggorreef qajeelfamni ni kennama.

Haata'u malee tarii sababa umuriitinis ta'uu danda'aa,yookiin naasuudhaan barattoonni wayita qormaataa dogoggora wayita uuman mul'ata.

Waqtii qormaataas to'annoo cimaatu taasifama.

3. Buufataalee qormaataa irraa waraqaa deebii walitti qabuu

Adeemsa kana keessatti waraqaan deebii qormaataa akkaataa gosa barnootaa, naannoo fi godinaatiin walitti qabamee kuufama.

Erga haala kanaan qindaa'ee booda qormaanni soroorfamuun dura iskaan godhamee gara sooftikoppiitti jijjiirama.

Isa booda gara kuusaa odeeffannoo (data base) galfama.

4. Sirreeffamoota ijoo ta'an

Barattoonni qormaata qoraman wayita maqaasaanii guutan koodii galmeessuu qaban yoo dogoggoran sirreeffamni ni taasifama.

Haala kanaanidha kan waraqaan deebii qormaataa warra soroorsan harkatti tuttuqamu.

Dogoggorri akkanaa buufataalee qormaataa hunda keessaa dhufuu danda'a.

Isa booda tartiiba maqaa barattoota qormaata fudhatanii waliin koodiin sun walbira qabamee sirrata.

''Dogoggora akkanaa barattoota hedduutu uumu.'' kan jedhan daarekatarichi '' Dhimma isaaniiti jedhanii dhiisuuf lammiidha'' kanaaf jecha sirreeffamni akka taasifamuuf ibsan.

Dhaabbatichi dafee akka fiirii qormaataa hin abaasne kan yeroo fudhattu dogoggora akkanaati jedhu.

Deebii sirreessuuf garuu hojimaati mosaajii(software0 kanaa hin iyyamu. Sirreessuuf yoo yaaddellee homaa kan danda'amu miti.

5. Furtuuwwan deebii tokkoon tokkoo qormaataa

Furtuun deebii erga mosaajii(Software) keessa galee booda qormaata soroorsuu eegala.

Maashinichi qormaata soroorsee xumuruuf yeroo dheeraa itti hin fudhatu jedhu daarektarichi.

Adeemsi isaa hatattamaan raawwatama.

Dhaabbati meeshaa qormaata soroorsu dhiyeesse meeshichi hojiisaa si'oominaan akka raawwatuuf yeroo dhaa gara yerootti sakatta'iinsa taasisuuf.

Maashinoonni dulloomanii fi tajaajilaan ala ta'an kaafamuun kan biraadhaan bakka buufamu.

Kanaafuu wanti nama sodachisu homtuu hin jiru jedhan.

Komii...

Firii qormaataa kutaa 12ffaa bara kanaarratti barattoota collee dabalatee barattoonni hedduun gosa barnootaa 'Scholastic Aptitude' qabxii gadi aanaa galmeessisuun isaanii komii kaasiseera.

Gosa barnootaa kanarratti kanaan dura komiin akkanaa ka'ee hin beeku kan jedhan daarektarichi bara 2007 garuu kan kutaa 10ffaa gosa barnoota Seenaa irratti komiin akkanaa ka'ee ture jedhan.

Image copyright Ejensii Madaallii Qorumsaa

Wayita sana furtuun deebii dogoggoraan gara maashinaa galuusaatiin dogoggori uumamuusaa ogeeyyiin sakatta'anii bira ga'aniiru jedhan.

Ergasiis furtuun deebii inni sirriin galee qabxiin irra deebiin barattootaaf akka ibsame dubbatan.

Yeroo as waraqaan qormaataa ba'uu fi komiin firii qormaataa irratti dhiyaachuun baratamaa dhufeera.

Kanarraa kan ka'e waqtii qormaataa interneetiin cufamuun irra deddeebiin mul'ata.

Qormaati irra deebiin hanga kennamuuttillee ga'eera.

Dhimma kanarratti yaada kan kennan daarektarri kun '' Yeroo sana tasgabbii dhabuun gama siyaasaa waan tureef qormaata daangaa hanga daangaatti biyyattii keessatti waliin ga'uuf rakkoo nageenyaatu ture'' jedhan.

Ammas garuu haala duraan ture waliin walbira qabamee wayita ilaalamu fooyya'iinsi haa jiraatuyyuu malee rakkoon ni jira jedhan.

Odeessa kana irratti dabalata