Let. Janaraal Burhaan qaama olaanaa Sudaan murtii dabarsu hogganuufi

Abdel Fattaah Abdelrahmaan Burhaan Image copyright AFP

Hoogganaan Mana Maree Ce'uumsaa Waraanaa Sudaan Leetinaant Janaraal Abdeel Fattaah Abdeelraahimaan Burhaan Hoogganaa mana maree haaraa Sudaan ta'uun waadaa seenan.

Qondaalli kuni cee'umsa gara diimookiraasitti taasifamu hoogganuuf Mana Maree haaraa hundaa'eefi ji'oota 39'f aangoo qabatu hoogganu.

Manni Maree kun miseensota siiviilii 6 fi kan waraanaa shan qaba.

Burhaan akka Pirezidantii biyyattiitti kan hojjetan yoo ta'u, filannoon Ministira Muummee fi Ministiroota biroos ni gaggeefama.

Burhaan mana maree kana ji'oota 21'f hooggananii ji'oota hafan 18 ammoo qaama Siiviiliirraa nama biraatu hanga filannoon bara 2022 gaggeeffamutti hoogganaa ta'a.

Miseensonni mana marichaa hafan 10's waadaa ni galuu jechuun Rooyitars gabaaseera.

Hayyuun diinagdee beekaman biyyattii Abdallaa Hamdook garee mormitootaan filataman Ministira Muummee ta'uun kakuu raawwatu jedhamee eegama.

Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Dhimmoota Biyya keessaa ammoo waraana biyyattii keessaa filatamu.

Waliigaltichi muudaa kan hin qabne miti garuu ammoo tarkaanfii barbaachisummaa guddaa qabudha jedhan hoogganaan garee mormitoota (Waldaa Ogeeyyii Sudaan) Dr. Mohaanaad Hamiid.

''Akka lammiilee Sudaanii tokkootti tokkummaa qabna jennee abdanna, mootummaa fi ummatni wal-ta'uun diinagdee biyyaa, sirna fayyaafi Barnootaa fooyyessuuf ni hojjennaa'' jedhan.

Janaraal Mohaammad Hamdaan waliigaltee kana akka kabajan dubbataniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata