Dhiibbaan dhiigaa fayyaa sammuu miidha

Haadha fi daa'ima Image copyright Getty Images

Namoonni umrii walakkeessa 30 keessaa jiran dhibbaa dhiigaasaanii ilaaluun fayyummaa sammuu isaanii gara fuulduraaf murteessaa akka ta'e qo'annoon mul'ise.

Amma jalqaba umrii gannaa 50tti fayyuummaa sammuu eeguuf agarsiiftu fayyada qabdu ta'u muli'se.

Namoonni 500 bara 1946 dhalatan irratti hordoffiin taasifame dhiibbaan dhiigaa umrii ga'eessummaa isaaniirratti ujummoo dhiigaa balleessuu fi dandeetti sammuusaani hir'isutti hidhata qabaachutu himame.

Ogeeyyiin akka jedhanitti, dhiibbaan dhiigaa'' yeroo murteessaa'' ganna 30 fi 40 keessaa mudatu miidhama sammuu saffisiisaa.

Dhiibbaan dhiigaa umrii giddugaleessaatti dabaluun hariiroo dhibee waa nama dagachiisuu dimeenishiyaa waliin hariiroo qabachuun himamuun kan jalqabaa miti.

Haata'u malee, saayintistoonni akkaata itti uumamuu fi yoom akka jalqabu hubachuu barbaadu.

Qo'annoo 'Lancet Neurology' irratti maxxanfame akka agarsiisutti, namoonni qo'annoo kanarratti hirmaatan dhiibbaan dhiigasaanii safaramuu akka qabu fi fayyummaan sammuu isaanisni sakatta'ama.

Dhiibbaan dhiigaa umrii ganna 36-43 gidduutti dabaluun dandeettiin sammuu hir'achuu wajjin hidhata qaba.

Badii qaqqabuu saffisisuu danda'u

Dandeetti sammuu namoota hundumaa ammuma dulloomaa adeeman hir'ata adeema. Garuu, dhibeewwan niwuroonota sammuu miidhaan akka rakkoo waa dagachuu, karoorsuu dadhabuu Vaaskular dimeenishiyaa jedhamuu namatti hammeessa.

Qo'annoowwan turan mallattoolee dammaqinsi sammuu hir'achuu dursanii hin mul'isanii jedhu qo'attonni. Kanaafuu, mallattolee kanneen waggoota dhufanitti hubachuuf namoota qorannoorratti hirmaatan to'achaa jiru.

Image copyright Getty Images

Dhiibbaan dhiigaa umrii ganna 43 fi 53 gidduutti dabaluun ujummoowwan dhiigaa manca'uu ykn 'istirokii salphaaf' wayita ganna 70 guutan nama saaxila.

Dursaan qo'aannichaa Piroofeesar Joonatan Iskoot ogeessi Kilinikaal Niwuroolojii jaarmiyaa fayyaa 'UCL Queen' jedhamuu akka himanitti ,dhiibbaan dhiigaa ganna 30 keessatti namni tokkoo qabu al-kallattiidhaan fayyaa sammuu keenyaarratti waggoota 40 booda dhiibbaa uumuu danda'a.

To'annoo fi tarkaanfiin fayyummaa sammuu cimsuuf fudhatamu jalqaba umrii giddugaleesssaarratti xiyyeeffannoo argachuu akka qabu himan.

Pirof. Iskoot BBC tti akka himanitti, sakatta'insi tajaajila fayyaa biyyaaleessaan kennamu ganna 40 irraa amma ganna 50 tti kennama. Ragaan nuti qabnu garuu, dhiibbaan dhiigaa dursa safaramuu qabaa'' jedhan.

Pirofesarri Kaardoo Vaaskularii Yuunversiitii Oxfoord Pool Leesan ''Darbe darbee namoonni dhiibbaa dhiigaa cimaa qaban caasaa sammuu adda ta'e jireenyasaanii gara boodatti qabachuu danda'uu jedhan.

''Doktoroonni kan irratti wal falmanis, tarii umrii dargaggummaatti dhiibbaa dhiigaa yaaluun jijjirama sammuu kana dhaabu danda'aa isa jedhu''

'' Argannoon kun jireenya keessatti yeroon murteessoon jiraachuu keesssattu ganni 30 fi 40 keessi wayita dhiibbaan dhiigaa dabaluun sammuu miidhu'' jechuun dubbatan.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata