Dhiironni maaliif dubartoota caalaa of ajjeesuu?

Dhiiroonni maaliif caalaa of ajjeessu? Image copyright Getty Images

Obboleessi Helen of kan ajjeese waggaa jahaa dura. Yeroo sana dargaggoo waggaa 28 ture. Namoota Helen beektuuf kanneen of ajjeessan irra caalaan dhiira.

Kun maaliif laata?

Haata'u malee, gochi namoonni ofiin of ajjeessu kun kan xiyyeeffannaan guddaan hin kennamneefiidha.

Dhugaansaa akka asiin gadii fakkaata.

Akka ragaa Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa waggoota sadiin dura baaseetti namoonni kuma 793 ofiin ofi ajjeessaniiru. Baayyeensaanii ammoo dhiiroota.

Biyya yunaayitid Kingdam keessattis bara 1981 as lakkoofsi namoota of ajjeessanii inni xiqqaan keessatti galmaa'ulleen, wayita ammaatti haalli kun akkuma dhukkuba ilmaan namoota ajjeessan kan biraatiin walqixa miidhaa qaqabsiisaa jira.

Biyya Ingiliziittis taanaan kan of ajjeessan irra caalli dhiiroota.

Akkasumas biyyaa Awustiraaliyaatti lakkoofai dhiiroota of ajjeessanii kan dubartootaa dachaa sadiin caala. Ameeriikaa 3.5n, rusiyaa fi Arjentinaatti ammoo dachaa afuriin caala.

Biyya Keeniyaattis gochi ofi ajjeessuu kun baayyee yaachisaa ta'aa dhufeera. Itoophiyaattis lakkoofsi isaa haalaan beekamu baatulleen namoonni akka of ajjeesan dhagahun baramaadha.

Haalli kun kan yaachise Ameerikaan Faawundeshinii ofiin of ajjeessuu ittisu erga hundeessite bubbulte jirti.

Itti-aanaa pirezidaantii Faawundeshinichaa Jiil Haarkaavi ''erga lakkoofsa namoota of ajjeesanii rratti ragaa walitti qabu eegalee kaasee baayyinni dhiirootaa dabalaa jira,'' jedhu.

Gochi ofiin of ajjeessu kunis biyyoota baayyee keessatti ifatti hinhimamu. \kun ammaa sababii isaa akka hinqoratamneef danqaa ta'eera.

Lakkoofsi dubartoota of ajjeessuuf yaalani akkasuma baayyee ta'ulleen, haalli gara jabiinaa warri dhiroonni ittiin of balleessan caalaa sukkaneessaadha.

Fakkeenyaaf, biyya ameerikaatti namoota 10 meeshaa waraanaa qaban keessaa 6 dhiiroota.

Garuu maaf dhiiroonni

Komunikeeshiin

Dubartoonni rakkinsaanii firaafi hirriiyyaatti akka himan amanamaadha. Warri dhiiraa garuu keessootti qabachu baayyiisu. Jechi kunis irra dedebiin himama, garuu hundaaf dhugaadhaa laata?

Biyyoota guddatan jedhamaniifi kanneen guddinarratti argamaniitti dhiiroonni cimoo waan ta'aniif rakkina keessa jiraachu amanuu akka rakkatan ta'anii guddifamau.

''Dhiirri hinbohu jechaa guddifne'' jedhu lammiin Awustiraaliiyaa damee kana qoratan Kolmaan Odiriiskool. ''Miira ofii ibasachuun dadhabbii taasifamee, ijoolleen dhiiraa miirsaanii akka hinibsanneef daangaa itti goona'' jedhaniiru.

''Haadhooliin ijoollee shamarranii isaanii waliin ifatti mari'atu. Dubartoonni akka bohan, sodaatan eegamu.''

Darbee darbees warri dhiiraa oggeessa bira deemanii rakkina isaanii ibsachuun fala barbaachurra, ofiin mala barbaachuun akka isaan mijatu dubbatama.

Image copyright Getty Images

''Warri dhiira akkuma dubartootaa rakkinni osoo isaan hin mudatiin hafee miti. garuu xiyyeeffannaa hinkennaniif. Rakkiinni dhiphachuu ykn dhukkuni sammuu nu mudate jedhanii hinyaadan,'' jedhu oggeessi kun.

Qorannoon Jiil fi waahiloonni isaa gaggeessan akka mullisuutti, lammiilee Ameerikaa of ajjeessan keessaa harka 1 sadii qofatu rakkina sammuu akka qaban kan mirkanaa'e.

''Keessattu gochiiwwan akka qoricha sammu hadoochutti fayyadamufi dhugaatii alkoolii baayyisuun dhiirootaaf malawwan dhiphannaa ittiin ofirraa ittisaniidha. Garuu gochi akkasii fala waaraa hin ta'an.''

Dhimmoonni maatiifi hojiin walqabatan kanneen dhiirota gara of ajjeessuutti geessan keessaayi. Fakkeenyaaf biyyi dinagdeen dadhabe tokko keessatti dhiiroonni hojii dhabuun kan ka'e of ajjeessu danda'u.

Akkasumas dhiibbaa hawaasaafi rakkina eenyummaan walqabatee sababa biraa of ajjeessuuf akka maddaatti galmaa'eedha. Keessattuu dargaggoonni hiriyoota isaanii waliin haala jireenyaasaanii madaalan balaa cimaaf saaxilamu danda'u.

Walumaa galattis haala dhiiroonni rakkina isanii itti hubataniitu adda ta'e malee, dubartoonnis jireenya walfakkaataa keessa darbu jedhu qorataa Jiil.

Fallii isaa hoo maal

Gochi of ajjeessuu kun baayyee walxaxaa waan ta'eef akkasumaan fala tarreessuun hindanda'amu.

Falli guddaafi filatamaan garuu komunikeshinii cimfachuudha. Namoonni waa'ee jireenyasaanii akka dubbatan taasisuu, deegarsa barbaachisu taasisuufii, wayita marisiisan xiyyeeffannaa kennuufiin barbaachisaadha.

''Keessattu warra dhiiraatiin waan isaaniitti dhagahamu ibsachuun barbaachisaa ta'u itti mullisuudha. Isarra darbees waan isaaniitti dhagahamu baasanii dubbachuu mallattoo ciminaa ta'usaa mirkanneessuufiin barbaachisaadha,'' jedhu Kolmaan Odiriiskpl.

Wanti dagatmu hinqbaannee kan biraa ammoo, gochi of balleessuu dhiroota miseensoota maatii kan biraatiifis kan miidhaa qabaatu ta'usaati. Filannoowwan rakkina keessa jiraatamu ittiin furaman kan biraa jiraachu hubachiisuun barbaachisaa ta'a.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata