Imaammati barnoota amma hojiirra olfamuuf jiru rakkoo jiru furaa?

Ministeera Barnootaa Itoophiyaa
Goodayyaa suuraa Ministeera Barnootaa Itoophiyaa

Turtiin yunivarsitii inni xiqqaan waggaa afur akka ta'uufi barattoonni waggaa jalqabaa barnoota waloo (common course) haaraa akka baratan murtaa'uun ni yaadatama.

Akka Ministeerri Barnootaa jedhuuttis kana gochuun qulqullina barnootaa fooyyeessuun alatti dandeettii qaacceessanii waa yaadu barattootaa akka dabalau, akkasumas amala gaarii akka horatan taasisa.

Kanaaf jechas goosti barnootaa akka 'Critical thinking', amala gaarii (ethics) kennamuuf karoorfameera. Kunis hanga rakkoo jiru fura? jechuun BBCn Yunvarsitii Finfinneetti barsiisaa falaasaamaa (Philosophy) kan ta'an Pirof. Baqqalaa Guutamaa gaafateera.

Prof. Baqqalaanis sagantaan amma barattoonni waggaa tokkoffaarratti akka barataniif qophaa'ee kun walumatti qabaatti yoo ilaalamu baayyeedha. Kireditii hedduus hammata. Kanaafuu ijoolleetti baayyata, jedhaniiru.

Kana malees, Prof. koorsiiwwan bara jalqabaarratti barattoonni akka baratan hin barbaachifne itti dabalamaniiru yaada jedhu qabu. Fakkeenyaa yoo kaasaniis, koorsiiwan akka Intarpirinarshiippii fi Antropholojii jedhan jalqabarratti kenuun hin barbaachisu jedhu.

Tarii booda keessa barattoonni damee barnootasaanii erga filatanii booda osoo kenname caalaa bu'aa qabaata jedhaniiru.

Kanarras osoo waggaa jalqabaatti koorsiiwwan akka aadaa fi kanneen saboota adda addaa ilaalan fa'irratti osoo xiyyeeffatanii gaarii ta'a yaada jedhu qabu.

Kana malees rakkoo inni guddaan imaamata kanaa ''barattoonni saayinsii herreeggaan alatti waggaa jalqabaa guutuuf barnoota saayinsiirraa adda citanii akka turan taasiisuudha,'' jedhaniiru Prof. Baqqalaan.

Gama rakkina dandeettii qaacceessanii waa hubachuu barattootaa ka'eef, barnoonni ijoolleen sadarkaa gadiitti baraa dhufan maal fakkaata jechuun sakkatta'iinsa kan barbaachisu ta'uus dubbataniiru.

Kanaafu gosa barnootaa 'critical thinking' yeroo tokkotti guddisanii barsiisuun rakkina jedhame akka hin furree kan dubbatan Prof. Baqqalaan, korsii loojiikiin eegalamee yoo waljalaan itti adeemame hanga tokko fooyya'insa fiduu ni danda'a ta'a jedhaniiru.

Walumaagaltti ijoolleen sadarkaa dakkaatti omaa hinbaratiiniif korsii tokkicha barsiisuu qofaan quubsaa miti.

Gaaffii, tarii korsiin naamusaa (ethics) kennamuuf jiru kun waldhabdee Yuunvarsiitii keessatti ka'aa jiruuf fala ta'u danda'aa? jedhuuf deeebii yoo kennan, ''Rakkoolee hawaasa keessa jiran hunda barnootaan qofa hiikuun hindanda'amu,'' jedhaniiru Prof. Baqqalaan.

Akka isaan jedhaniitti, ijoolleen yunivarsitii keessatti kan wal dhabduuf rakkooleefi gaaffiiwwan adda addaa biyyattii keessa jiruun wal qabateeti. Kanaafu, osoo gaaffiiwwan bu'uuraa kanneen akk dinagdee, hawaasaafi siyaasaa biyyattii keessa jiran hin hiikiin barnoota qofaan rakkoolee hunda hiikuun hindanda'amu, jedhaniiru.

''Dhugaadha barnoonni haala rakkooleen ittiin faramu danda'aniirratti ni gargaara,'' kan jedhan Prof. garuu dhimmi caalaa barbaachisu, rakkoolee biyyattii keessa jiran karaa kam furamu danda'u isa jedhurratti marii'achuudha jedhu.

Akka oggeessi falaasaamaa kun jedhaniitti, gahee barnoonni tasgabbii fi fooyya'ina jiruu ummataa keessatti qabaatuun maddiitti, rakkoolee hawaasaa mummee adda basuun akkaataa jiruun dinagdee, hawaasa fi siyaasa hawaasichaa itti foyyeessuuf hojiirra itti olachumu ammoo caalaa murteessaadha jedhan.

Imaammata barnootaa haaraa Ministeerri barnootaa labse kanaratti namoonni yaada gargaaraa kenna jiru. Miidiyaalee hawaasaarrattis ijoo dubbii ta'un itti fufeera.

Odeessa kana irratti dabalata