Abbaa Gadaa Tuulamaa Goobanaa Hoolaa: 'Walgahii Bayyanaa Sanbatuu nutu hambise'

Sirna baalli dabarsuu abbootii gadaa tuulamaa!

Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobanaa Hoolaa, walgahii Hayyuu Bayyanaa Sanbatuu, Sanbata dabre waamanii turan akka hin gaggeeffamne kan dhorke Gamtaa Abbootii Gadaa Oromiyaati jechuun BBCtti himan.

Sanbata darbe Abbaan Gadaa duraanii Tuulamaa Bayyanaa Sanbatuu, qophii Irreechaarratti mariyachuuf walgahiin magaalaa Bishooftuutti yaamanii turan akka hin gaggeeffamne dhorkamuu komatanii turan.

Walitti qabaa koree ayyaana Irreechaa hora harsadiifi hora Finfinnee kan ta'an abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa, walgahii Sanbata darbe Abbaan Gadaa duraanii Bayyanaa Sanbatuu waamanirratti ''nuti hin waamamne, quba hin qabnus ture,'' jedhan.

Ganama walgahichi gaggeefamuuf jedhu, nama walgahichaaf yaa'urraa odeeffannoo kana argachuu kan dubbatan Abbaan Gaadaa Goobana, Abbaan Gadaa duraanii Bayyanaan ''aangoo walgahii kan yaamuu hin qabanii'' jedhan.

Akkaataa seera Gadaa Oromootiin aangoon abbaa Gadaa (Baalliin ykn halangeen) waggaa saddeet saddeetiin abbaa gadaa haarayaa dhufutti dabarfama.

''Halangee kana Bayyanaan jala bultii ayyaana Irrechaa bara darbeetti Birmajjiirraa Meelbaatti dabarsee jira,'' jechuun yaadatu Abbaa Gadaa Goobana.

Halangeen Abbaa Gadaa haaratti erga dabarfamee kennamee, Abbaa Gadaa haarayaatu aangoo qaba malee Abbaan Gadaa duraanii gahee yeroo Abbaa Gadaa ture qabu taphachuu hin danda'u jedhu ogeeyyiin.

''Walgahii kana waamuus waamsisuufis aangoo waan hin qabneef, walgahicha kan dhaabsises nuyi, aangoo keenyaan dhaabsifne, qaama biraa miti,'' jedhan Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa.

Biiroon Aadaa fi Turizimii Oromiyaas walgahii Abbaan Gadaa duraanii Bayyanaan waamanii osoo hin milkaahiin hafee miidiyaa irraa akka dhagaahaniifi Biiroon isaanii akka hin affeeramne hoogganaa itti aanaan Biiroo kanaa obbo Admaasuu Waaqgaarii BBC'tti himaniiru.

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
Sirna baalli dabarsuu abbootii gadaa

Hayyuu Bayyanaa Sanbatuu fi Gumii Abbootii Gadaa

Abbaan Gadaa Tuulamaa duraanii Bayyanaa Sanbatuu bara halangee harkaa qaban kabaja ayyaana Irreeecha Hora Harsadii fi walumaagalatti ammoo beekamtii sirna Gadaa irratti gahee guddaa bahaniiru.

Bara Gadaa isaanittis sirni Gadaa hambaa Killiyaa Addunyaa - UNESCO ta'ee galmaahe.

A.L.I bara 2006'tti Gumii Tokkummaa Abbootii Gadaa Oromoo ijaaruun hoogganaa turan.

Ji'a afur dura Gumiin Tokkummaa Abbootii Gadaa kan Abbaan Gadaa duraanii Bayyanaa Sanbatuun hoogganamu bakka isaan hin jirretti walgahii magaalaa Asallaatti gaggeeffameen maqaan isaa jijjiiramera.

Abbaan Gadaa Gujii Jiloo Maandhoo dura taa'aa, Abbaan Gadaa Booranaa Kura Jaarsoo dura taa'aa itti aanaa fi Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobanaa Hoolaa barreessaa gamtichaa ta'uun filatamaniiru.

Ergasii Abbaan Gadaa duraanii Bayyanaan Mootummaan seeraan ala Gumii Tokkummaa Abbootii Gadaa diige jechuun komachuun qaawwi uumameera.

Dhimma kanarratti kan dubbatan Abbaan Gadaa Goobana Hoolaa ''Bayyanaan gaafa halangee natti kenne sana tokkummaa abbootii Gadaa kan jedhu saniis dabarsee kannuutu isarra jira akkuma sirni Gadaa Dimookraasii ta'ee'' jedhan.

''Obaamaan gaaf Tiraampiif aangoo dabarsu. Aangoo hedduu osoo qabu hunda dabarsee kennee'' jechuun fakkeenyanis ibsaniiru.

Abbaan Gadaa duraanii Baayyanaan ''dur hin jirree'' nutti fides jedhan Abbaan Gadaa Tuulamaa kun.

''Ani abbaa Abbootii Gadaa Oromiyaati kan jedhu, dur hin jirree nutti fidee, gara deemnu waan hojjennu nu dhabsiisee.''

Kanarraa kan ka'e Ardaalee Jilaa hundarratti hayyummaanuu ''irraa mulqameera'' nuun jedhan.

Biyyoota addunyaa amma Dimookrasiidha ofiin jedhan keessatti Dimookrasiin osoo hin jalqabiin dura sirni Gadaan sirna duudhaa ganama bu'uura kanarratti ijaarame waan ta'eef hambaa killiya addunyaa ta'e kan jedhan Hoogganaa Itti aanaan BATO obbo Admaasuun, Hayyuu Bayyanaan ''duudha ganamaa kan cabsanii'' jedhan.

Abbaan Gadaa gaafa alangee kennan(mallattoo aangoo Oromoo Tuulamaa) irraa qabee hayyuudha, bakka Abbaan gadaa baallii fudhate jiruttis ta'e hin jirretti gorsuun alatti eebbisuullee hin danda'uu jedhan.

''Abbaa Gadaa Oromoo jechuun chaappaatu tolfatamee, Abbaan Gadaa Oromoo hin jiru. Nama caffeen bakka buufate hanga ari'uu gahameera,'' jechuun obbo Admaasuun himaniiru.

Gumiin kun jalqabummarraa bu'uura Gadaa kamiin ijaarame gaaffii jedhu kaasisee waan tureef, kan hoogganuu qabu eenyu nama baallii qabumoo hin qabne yaadni jedhus falmisiisaa akka ture aanga'aan kun himaniiru.

''Abbaa Gadaa Tuulamaa ta'uu koo fixeera, amma Abbaa Gadaa Oromoon ta'ee gaggeessa kan jedhutu dhufe. Kun ammoo seenaa Oromoo keessa kan hin jirre.''

Bara Tokkummaan Gumii Abbootii Gadaa hundaa'uu halangee isaanii waliin ganna afur kan turan Abbaan Gadaa yeroo sanii Bayyanaan, dhimma kanarratti ji'oota muraasa dura turtiin aangoo isaanii kanaa hangam akka ta'u gaafatanii akka turan nutti himaniiru.

"Kuni kan Tuulamaan adda, wagguma saddeetiif nu bulchita jedhee gumiin seera tumee, qumbii nu nyaachisee, damma nuu laatee aangoo nutti kenne," jechuun waan Gamtaa haarayaa kana qeeqaniif ibsan.

"Akkuma seera keenyattuu namni dura bu'aa ta'ee hojjetu nama baallii qabu ta'uu qaba malee, nama baallii kenne muti. Anallee te'ee jennaan, hangan gadooma keessa jiruttin hooggana'' jechuun Abbaan Gadaa Gujii Jiloo Maandhoo dubbii kanarratti yaada qaban BBC'tti himanii turan.

Dhimmi kun addatti dhimma Gadaa Tuulamaa fi namoota lamaa ta'ee kan furamu malee akka waan guddaa Oromoo hunda bakka bu'u godhamee ilaalamuun ''Irreecha hindeemnu'' jechuun sirrii mitis jedhan obbo Admaasuun.

Hariiroo Mootummaa fi Gamtaa Abbootii Gadaa Oromiyaa

Gamtaa Abbootii Gadaa kana kan hundeesse Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaati jedhu obbo Admaasuun.

''Gumiin kun bu'aa buusus, duudhaa Gadaa keessa hin jirre waan ta'eef dogoggora yoo ta'ellee hundeeffamni isaa dogoggora jedhamuu danda'a.''

Abbootii Gadaa ardaalee jilaa hundaa baallii of harkaa qabaniin of keessatti hammatee, bilisummaan qaama hojii isaa hojjetu ta'uu dubbatan.

Kaayyoon isaa sababoota garaa garaan sirna Gadaa laafe Jabeessuun tokkummaa isaas cimsuudha jedhan.

Irreechi Finfinnee bakka kamitti irreeffatama?

''Irreecha bara kanaa Finfinnee fi Bishooftutti kabajamuuf haala Abbaan Malkaa barbaaduun malkaan haxaaramee qophii bal'aan taasifamaa jira'' jedhu Walitti qabaan koree ayyaana Irreechaa Hora Harsadiifi Hora Finfinnee Abbaa Gadaa Goobana.

''Irreeffannaan Hora Finfinneetti raawwatamu boroo Hoteela Giyoonii fi 'Filwuhaa' gidduu naannoo 'Finfinnee Addaraash' jedhamutti irreeffanna,'' jedhu anga'aan Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa.

Naannoon kun bakka banaa osoo hin qabamiin turedhas jedhanii, ''adeemsa keessa bakka kana iddoo hambaa keenyaa dhalootni itti irreeffatu akka ta'u irratti hojjechaa jirra,'' jedhan.

Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobanaa Hoolaa, gama isaaniin Irreecha Hora Finfinneetti waggoota dhibbaaf shantamaa booda kabajamu kanarratti Oromoon biyya keessaa fi ala jiru dhufee akka irreeffatu dhaamaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata