Afaan Oromoo: Qormaati biyyaalessaa Afaan Oromoo bara 1990 nuratti eegale

Abdulkarim Adam Image copyright Abdulkarim Adam

Barnooti Afaan Oromoo yeroo jalqabaaf qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa irratti kan kenname A.L.I bara 1990 ture.

Yeroo sana barataa 12ffaa kan ture Abdulkarim Adam Mohammad yaadannoo isaa bara sanaafi sadarkaa tokkoffatti Afaan Amaaraan barachuun akkam akka ture akkanaan nuuf hime.

Dhiyaadha!


Qellem Wallagaa magaalaa Gidaamiittin dhaladhe. Amma Ameerikaa, maagalaa Kolombus jedhamun jiraadha.

Barumsa koo sadarkaa tokkoffaa Gidaamiitti sadarkaa lammafaaa ammoo magaalaa Dambiidoolloo mana barumsa sadarkaa lammaffa Qellamittiin baradhe.

Bara 1989 A.L.I tti yeroon kutaa 11ffaa baradhu, Afaan Oromoo qormaata biyyaalessatti dhiyaachuuf yaadameera kan jedhu marii guddaatu ture.

Kanarratti qaamotiin dhimma kana hordofan Oromiyaa mara keessa deemuun og-barruufi jechamoota addaa addaan walitti funaanaa turani.

Gareen tokko gara mana baruumsaa keenya dhufanii barattonnis barsiisotni kan keessatti hirmaataan dorgommi qopheessani.

Durumaan feedhii og-barruu Afaan Oromoo waanan qabuuf dorgommi kanaratti nan hirmaadhe. Naaf milkaa'ees akka mana baruumsa keenyatti tokkoffa ba'ee badhaasa argaadhera.

Yeroo sanatti Afaan Oromoo akka qormaata biyyooleessatti ni dhufa jedhanii nu abdachiisanii, booda immoo hin milkoofne kan jedhu barsiisota keenya irraa dhageenyee baay'ee gaddinee turre.

Image copyright Abdulkarim Adam

Bara 1990 A.L.I qormaata biyyaalessaaf yeroo baatiin lama ykn sadii ta'u hafu akka milkaa'e dhageenye.

Yeroo jalqaabaa kan dhageenye daarektarriifi barsiisaan Afaan Oromoo keenya yeroo sanaa sa'aatii boqonnaatti karaa mini miidiyaa mana barumsaa keenya nu beeksisani.

Gammachuun keenya daanga hin qabu ture, baay'ee baay'ee gammanne, utaallee qurruphisne... wal haammanne!

Tokkoffaa Afaan Oromoon qormaata biyyaalessaa ta'usaatti lammataa ammoo nuti carraa kana utuu mana baruumsa sadarkaa lammaffaa keessaa hin ba'in argachuu keenyatti baayye gammanne.

Yeroos Afaan Oromoo akka gosa barumsaa tokkotti waan barannuuf qormaata walakkaa semisteeraaf qofa qayyabanne.

Garuu jalqaba Afaan Oromoon qormaata biyyaaleessarratti ni dhufa isa jedhu utuu beeknee akka gaaritti itti qophoofna turre.

Bara sanatti Mana baruumsaa Qeellam sadarkaa lammaffaa irraa ijoollee 262 ta'an qormaata biyyoolessa fudhataniiru.

Isaan keessaa kan qormaaticha darbe barattoota 23 qofa ture, sanuma keessaa immoo barattoonni Afaan Oromoo qabxii olaanaa ykn 'A' fidan ijoollee 9 turani.

Akka carraa ta'ee, Alhamdilillaah, warra qabxii olaanaa fidan keessaa tokkon ture. Afaan Oromoo 'A' fide jechuudha.

Image copyright Abdulkarim Adam

Barnoota sadarkaa tokkooffa yeroo barannu Afaan Amaaraa fi gariin Afaan Ingiliziin baranne, Afaan Oromoon hin turre.

Afaan Amaaraa naannoo keenyatti hin beekamu, namoota keessa darbantu haasa'a ture.

Baay'een Ijoollee baadiyyaa turani ijoollee magaalaa kan jedhamnus Afaan Amaaraa hagas hin beeknu.

Afaan Oromoo mana keessatti hasa'aa, Afaan Oromoon jiraachaa garuu Afaan Amaraatiin barachuun dhibbaa qaba ture.

Fakkeenyaaf walaloo Afaan Amaaraa kitaabarra jiru sammuu ijoolluummaan qabanna malee hiika isaa dhibbaa dhibbatti nuuf hin galu ture.

Carraan dhalootni qubee qaban guddaadha, Afaan isaaniin baraachuun, hubbannoon barachuudha.

Nuti gaaffii utuu qabnu, Afaan Amaaraan gaaffii gaafachuu waan hin dandeenyeef dhiisne baana turre.

Ijoolleen barumsa saayinsii kan akka fiiziksii afaan isaaniin baratanii hubatanii dabalatanis Afaan Ingiliziin hiika isaa baruun isaani sadaarkaa olaanaatti akka isaan fagoo deeman hin rakkisuun jedheen abdadha.

Baruumsa jechuun waan tokko hubachuu jechuudha. Kanaa namni Afaan beekuun yoo barate hubata.

Utuu amma ta'ee kan Yunivarsitiitti barachuuf filadhu Afaan Oromoo ture.

Afaan Oromoo nurratti akka qormaata biyyaalessaatti jalqabuun isaa nuuf seena ajaa'ibati.

Amma sadarkaa digriifi mastarsiitti keennamuun isaa ammoo Afaan Oromoo tarkaanfii guddaa hanga tokko tarkaanfateera jedheen amana.

Afaan Oromoon, afaan biyyaalessaa ta'uu danda'a. Afaan barumsaa qofa osoo hin taane Afaan hojiis ta'uu danda'a.


Dameen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ,UNESCO, ijoolleen Afaan dhalootaan barachuun barnoota qulqullina qabu dhiyeessuuf murteessadha jedha.

Kun immoo qooqawwan ummatni addunyaa itti fayyadamu kunuunsuufi beeksisuuf gargaara jedha.

Guraandhala 21 waggaa waggaatti guyyaa afaan dhalootaa jedhamuun kabajama.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata