Sirboonni Afaan Oromoo 'YouTube' irratti hagam ilaalamaa jiru?

Albama michuu dhugaa

Yeroo dhiyoo as walleewwan Afaan Oromoo qabiyyee bareedaa qabaniifi kilippiidhaan akkaataa aadaa hawaasichaa calaqqisiisuu fi bifa ammayyaawaa ta'een hojjetaman heddummaachaa jiru.

Walleewwan hojjetaman kunneen hedduun isaanii karaa YouTube gadi lakkifamu.

Haa ta'u malee sirboota afaan biraan wallifaman waliin walbira qabamanii yoo ilaalaman kan afaan Oromootin hojjetamu nama ilaalu hedduu hin argatu.

Lakkofsa namoota viidiyoo wallee sanaa daawwataniin maallaqni kan kafalamu artistonni Oromoos sababa namoota hedduun hin ilaalamneef hanga itti dhama'an argachaa hin jirani.

Viidiyoowwan sirba Afaan Oromoo erga qulqullinaan hojjetamanii 'YouTube' irra kaa'amanii lakkoofsi namoota ilaalanii maaliif xiqqaa ta'a kan jedhu gaaffii namoota hedduuti.

Walleewwan Afaan Oromoo viidiyoon hojjetamanii gadi dhiifaman akka hordoftu kan himtu Caaltuu (Hinarii) Mahaammad namoota yaada kana marsaalee hawaasaa irratti kaasan keessaa tokko.

Atakaaroo albama haaraa Abush Zallaqaa irratti miidiyaa hawaasummaarra deemaa turerraa ka'uun yaada kennuuf akka dirqamte dubbatti.

''Abbush Zaallaqaa aadaa Oromoo mul'isuuf waa heddu hojjete. Ammammoo Afaan Amaaraan albama baase jennaan takkaadhumaan namoonni miidiyaa hawaasummaarratti itti duulan. Garuu silaa kan dursuu qabu komiitti fiiguu osoo hin taane nuti hoo maal hojjechaa jirra kan jedhuudha," jetti.

"Aartistoonni keenya wallee hedduu baasaa jirani, nutimmoo caqasuudhaan jajjabeessuu qabna,'' jetti.

''Sirbi Afaan Oromoo ji'oota dura YouTube irratti gadi dhiifamanii fi sirbi Afaan Amaaraa kan guyyaa tokko dura ba'e garaagarummaa guddaa qaba. Kan Afaan Amaaraa kan guyyaa tokkotti ilaalamu kan Afaan Oromoo ji'oota dura ba'e daran caala," jetti Caaltuun.

''Walleewwan saba biraas YouTube irra seenee kan ilaalu baay'inaan Oromoodha. Keenya garuu ni tuffanna. Keenya tuffachaa yoo inni gara biraa deemummoo komachuun sirrii miti. Dura dirqama keenya haa baanu kan jedhurraa ka'een yaada kiyya barreesse,'' jetti.

Sirba mata duree 'Gadaatu keeti' jedhu erga baasee booda uummata Oromoo biratti fudhatama kan argate Weellisaa Anduu'alam Gosaa tibbanammoo mata duree 'Michuu dhugaa' jedhuun wallee baaseen daranuu jaal'atameera.

Weellisaa Anduu'alam duub-deebiin isa jajjabeessu akka kennameef dubbata. Haa ta'u malee hamman eegee gadi jedha.

''Namoonni sirba kiyya 'Michuu dhugaa' jedhu ilaalalanii yaada gaarii kan na jajjabeessu naaf kennaniiru. Garuu sababa interneetiifis ta'uu danda'aa, hamma eegame hin ilaalamne," jedhe.

''Aartiin Oromoo reef mataa ol qabachaa jiru yeroo kamiyyuu caalaa gargaarsa barbaada. Afaan Oromoo afaan saba guddaa ta'ee osoo jiruu sirbi afaan kanaan sirbamu garuu nama isa ilaalu muraasa qaba,'' jedha Andu'aalam.

Oromoon hagam yoo wal gaddisiisellee tokkoomuun dirqama yaada jedhuun walleesaa haaraa 'Michuu dhugaa' akka hojjete kan ibsu Anduu'alam sirbi kun barsiisaadha waan ta'eef dhaggeeffatamuu qaba jedha.

Yeroo baay'ee Afaan Oromootiin lama ta'anii qoosaa hojjechuudhaan kan beekaman Buzee fi Takkeen YouTube irratti akkaataa aartiin Oromoo itti ilaalamurratti yaada kennaniiru.

''Oromoon afaansaa hedduu jaalata, sadarkaa federaalaattillee akka afaan hojii ta'u barbaada. Garuu wantoota yaada kana utuban irrattimmoo hojjechaa hin jiru," jedha artiist Buzeen.

Walleen Oromoo 'YouTube' irratti osoo nama baay'eedhaan ilaalamee silaa Afaan keenya kana guddisuuf ga'ee olaanaa qabaata jedha.

Namni keenya hojii Afaan Oromootiin hojjetamee YouTube irra kaa'ame waliif hin qoodu, rakkoo guddan kanadha jedha.

"Saboonni biroon waliif qoodu, waliif beeksisu, yaada waliif kennu. Namni tokko battala hojii aartii haaraa argetti biyya waliin ga'a. Keenya garuu utuu ilaaluu bira darba,'' jedhe Buzeen.

''Keessattuu qoosaa Afaan Oromoo tuffatanii kan Afaan biraa filachuutu jira. Kunimmoo sabboonummaan afaan qofaa waan nama jechisiisuudha. Badaas ta'e gaarii kanuma ofii ilaalanii utuu gorfatanii gaarii ta'a,'' dhaamsa jedhus dabarseera.

Artiist Takkeen gama isaatiin aartiin Oromoo yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama agarsiisaa jiraachuu himee, garuummoo dhiibbaan jaarraa tokkoo oliif sabicharra ture eelaansaa ammallee gadi nu harkisaa jira jedha.

''Akka baay'inaa fi dandeettii keenyaan silaa akka addunyaattidha dorgomuun kan nurra ture. Ammas dorgommii sana keessa galuuf aartistoonni keenya ifaajaa jiru. Uummanni keenyas amma kana gara ofiitti deebi'aa jira," jedha.

"Kanaaf galee waansaa daawwachuu qaba. Qarshii interneetiif baasu faayida aartii isaaf oolchuu qaba," jedha.

''Uummanni Oromoo waansaa jaalachuurratti rakkoo hin qabu. Garuu hubannootu hin kennamneef, miidiyaanis kanarratti hin hojjenne. Kanaafuu wanti furmaata ta'u dhimma kanarratti hubannoo hawaasaa uumuudha,'' jedha.

Kanaan dura sababa hanqina qulqullinaatiin aartistoota keenya komataa turre kan jettu Caaltuun amma erga walleewwan qulqullinaa fi bifa nama hawwataniin hojjetamuu eegalaniis afaanumaan jajuu malee seennee ilaalaa hin jirru jetti.

Sirba YouTube irraa buusanii feesbuukii irratti maxxansuu osoo hin taane akkuma jirutti qooddachuutu aartistoota fayyada waan ta'eef 'Link' isaa haa qooddannu jetti.

Gama artiistotaanis sirboota viidiyoo hawwatoodhaan hojjechuu qofa osoo hin taane dursanii beeksisuurrattillee hanqinni jiraachuu himti.

Keessattuu miidiyaa hawaasummaa dhimma kanaaf akkaan fayyadamuu feesisa jetti Caaltuun.

Aartiin Oromoo reef hacuuccaa jalaa kan ba'aa jiru waan ta'eef abbootiin qabeenyaa Oromoollee gargaaruu qabu jetti.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata