Taateewwan Gurguddoo bara 2011: Araara, Koyyee Faccee, 'Push-up' MM Itoophiyaa, ET302... 2011 dudduubatti

MM Abiy Ahimad

A.L.I bara 2011 xumuramaa jiru keessa taateewwan gurguddoo uummata biyya keessaa fi hawaasa idil addunyaa biratti ijoo dubbii ta'anii turan hedduudha.

Isaan keessaa warreen jajjaboo ta'an muraasa filanneerra. Dhiyaadhaa!

Loltoota, Minitira Muummee fi 'Push-Up'

Onkoloolessa 10 bara 2019 loltoonni 200 ol meeshaa waraanaa hidhatanii gara masaraa mootummaa deeman dubbii ijoo lammilee Itoophiyaa bira darbee addunyaa ajab jechisiise ture.

Dirqama hojiif magaalaa Finfinnee fi naannoosheetti ramadamuun hojjechaa kan turan miseensonni humna addaa raayyaa ittisa biyyaa 240 ta'an Dr. Abiy Ahimed arguu barbaadna jechuun ture tasa gara masaraa mootummaa kan imalan.

Loltoonni kunneen meeshaa isaanii hidhatanii gara masaraa mootummaa akka imalaniifi meeshaa isaanii akka hiikkatanii seenan gaafatamanii wayita gaafataman hokkara uumameen naannoo masaraa mootummaatti dhukaasni dhagaahamaa ture.

Goodayyaa suuraa MM Abiy loltoota waliin 'push-up' yoo hojjetan

Loltoonni kunneen boodarra meeshaa isaanii hiikkatanii akka seenan erga taasifamee booda, MM Abiy Ahimad akkasumas MM itti aanaa Obbo Dammaqe Makonnin waliin mari'ataniiru.

Marii kana boodas MM Abiy Ahimad loltoota waliin 'push-up' hojjechuun loltoota kana ofirraa gaggeessan.

Jalqaba loltoonni kunneen dirqama biyyaa nuuf kenname haala gaariin bahannus jireenya dhuunfaa keenyaa gaggeessuuf garuu haalli mijataan nuuf hin uumamne jedhanii komachuuf garas akka deeman gabaafamee ture.

Torbee muraasa booda garuu MM Abiy, loltoonni kunneen isaan ajjeesuuf ergamanii akka dhaqan miidiyaatti himaniiru.

Loltoonni kunneen himatamanii kan itti murtaa'e yoo ta'u kan hafan yaalii fonqolchaa mootummaa naannoo Amaaraa irratti raawwate keessaatti hirmaachuu mootummaan ibsee ture.

Mormii Manneen waliin jireenya Koyyee faccee

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee manneen jireenyaa waliinii magaalittii bakka garaagaraatti ijaarsisaa ture keessaa kan Koyyee Faccee Sadaasa darbe abbootii carraaf dabarsee kunnuuf akka jedhu himee hokkarri guddaan ka'e.

Ijaarsi manneen jireenyaa kun seeraan alaa manneen jireenyaa Bulchiinsi magaalaa Finfinnee daangaa Oromiyaa keessatti lafa qonnaan bulaa irratti ijaarame jechuunis mormiin dhalate.

Kanuma sabeeffachuun Sadaasa 6 bara 2019 irraa qabee hiriirri mormii Kaaba, Kibba Lixaa fi Baha Oromiyaa magaalota garaagaraa keessatti babal'ate.

Goodayyaa suuraa Hiriira mormii magaalaa Awwadaayitti taasifame

Qonnaan bultootni lafa isaanii sababa misoomaa kanaan dhaban waggoota muraasaan as rakkoo jireenyaa hamaa keessa akka jiran irra deddebiin dubbataa turan.

Boodarra mormiin hammaannaan mootummaan naannoo Oromiyaa hanga dhimmi daangaa fala argatuutti manneen waliinii kun akka hin raabfamne jechuun ibsa baase.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnees itti waliigalee manneen sana dabarsee kennuun akka turu hime.

'Jaal Marroo' fi yaalii WBO galchuu

Bara darbe dhaabbilee siyaasaa biyyoota ambaa keessatti socho'aniif affeerraa taasifame hordofee hooggansa fi loltoota isaa Eertiraa jiran qabate kan biyyatti gale ABO'n osoo hedduu hin turiin mootummaa waliin waldhabdee keessa gale.

Waraanni Bilisummaa Oromoo kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessa jiru caasaa mootummaa diigee, loltoota akka haaraatti leenjisaa jira kan jedhu ka'umsa wal-dhabdee kanaaf mootummaan dhiyeessu ture.

Lixa Oromiyaa iddoo adda addaatti WBO fi humna mootummaa gidduutti walitti bu'iinsi uumamaa ture.

Ya'iiwwan Finifinnee fi Ambootti gaggeefaman booda ABO fi mootummaa araarsuufi waraana ABO mooraatti galchuuf Koree Teeknikaa miseensota 71 of keessaa qabu hundaa'e.

Hayyuu dureen ABO Obbo Daawud Ibsaas WBO Gumii Abbootii Gadaa Oromootti dabarsanii kennuu beeksisan.

Kana hordofuun Lixaa fi Kibba Oromiyaatti duulli WBO hiikkachiisuun fedhaan qaama nageenyaa akka ta'an ykn ammoo hawaasatti akka makaman gochuu eegalame.

Sadaasa bara dhumaa jiru kanaa keessa waamicha Abbootii Gadaan taasifameen waraanni hanga ta'e hidhannoo hiikkatee galus guutummaatti hin milkoofne.

Image copyright OMN

Gama Lixa Oromiyaan ajajaa WBO akka ta'e kan himamu Kumsaa Dirribaa ykn Jaal Marroo adeemsa kana keessatti maqaa guddaa horate.

Mariin itti fufee waliigaltee dhumaa Mootummaa waliin taasisaniin Obbo Daawud Ibsaa Oromiyaa keessa loltoota waraana hidhate socho'u akka hin qabne beeksisan.

ABO fi Mootummaan Naannoo Oromiyaa bara darbe yeroo adda addaa marii taasisanii araaramuu himanillee hanga yoonaa gara waan walitti hiikkatan hin fakkaatu.

Bala daandii Xiyyaaraa Itoophiyaa

Balaa sukkaneessaa daandii xiyyaaraa Itoophiyaarra qaqqabeen lubbuun namoota 157 lammiilee biyyoota 32 xiyyaaricha keessa turan hundaa kan darbes baruma xumuramaa jiru kana Bitooteessa 10 ture.

Daandiin xiyyaaraa Itoophiyaa ET302 gosa xiyyaaraa Booyiing 737 Max 8 jedhamuun imaltoota 157 qabatee Finfinnee ka'ee gara Naayiroobii imaalaa ture.

Balalii egalee daqiiqaa muraasa keessatti xiyyaarichi ajajamuu diduun naannoo Bishooftuu ganda Tulluu Farraatti kufe.

Qorannoowwan madda balaa kanaarratti sadarkaa garaagaraan gaggeefameen sirni to'anna balalii gosoota xiyyaaraa Max 8 irratti hojjetaman rakkoo qabaachuun mirkanaa'eera.

Image copyright Reuters

Ji'oota muraasa xiyyaarrii Itoophiyaa kufuun dura, xiyyaarri Indoneezhiyaa gosa xiyyaara Itoophiyaan walfakkaatus imaltoota 189 qabatee kan kufe ta'uun gosootni xiyyaaraa kun rakkoo addaa qabaachuu akeeke.

Kanarraa kan ka'ees jalqaba daandiin xiyyaaraa Itoophiyaa gosootni xiyyaaraa kun akka hin balaliine murteesse. Boodas xiyyaarichi guutummaatti akka hin balaliine ittifame.

Booying jalqabarratti maddi rakkoo hanqina leenjii balaliistotaati jedhus, booda sirni hordoffii balalii xiyyaarrichaa ajaja fudhachuu dhabuu amaneera, dhiifamas gaafateera.

Balaa kanaan namoota miidhamaniif beenyaa doolaara miiliyoona 100 akka kennu beeksisus maatiin miidhamtoota mormaaniiru. Inumaayyuu himata garaagaraa banuutti jiru.

Tibbana ammoo eenyummaan namoota balaa kanaan lubbuu dhabanii adda baafamuu poolisiin federaalaa Itoophiyaa himeera.

Yaalii fonqolcha mootummaa naannoo Amaaraa

Bara 2011 keessa taateewwan gurguddoo hin dagatamne keessaa yaalii fonqolchaa mootummaa Naannoo Amaaraa irratti Bitootessa 22 yaalame isa tokko.

Bitootessa 22 gara galgalaa Magaala Baahirdaaritti sagaleen dhukaasa hammaate. Boodas aangawoota naannichaarratti dhukaasa baname ta'uun mirkanaa'e.

Halkanuma sanas Ministirri Muummee Abiy Ahimad yaaliin mootummaa fonqolchuu fashalaa'uu fi miidhaan qaqqabuu himan.

Bulees Pireezidantiin Naannoo Amaaraa Dr. Ambacheew Mekonniiniifi gorsaan isaanii obbo Izaz Waasee ajeefamuun dhagaahame.

Haleellaadhuma kanaa wajjiin akka walqabatu mootummaan beeksiseen ammoo guyyaadhuma sana garaa garummaa sa'aa muraasaan Itaamaajooriin waraana Itoophiyaa Janaraal Se'aare Mekonniin waahila isaanii sooromarra jiran Janaraal Geza'ii Abarraa waliin ajjeefaman.

Ajjeechaan kunis eegduu Janaraal Se'aareen akka raawwatame ibsame.

Fonqolcha mootummaa kana hoogganaan Biiroo nageenyaa naannichaa B/G Asaamminew Tsiggee qindeessuun milquun isaaniis himame.

Bitootessa 24 ammoo B/G Asaamminew Tsiggee qarqara magaala Bahirdaar bakka Zanzaliimaa jedhamtutti bajaajiin osoo milquuf jedhanii rasaasa humnoota nageenyaan ajjeefamuu ibsa waajirri Ministira Muummee kenneen beekameera.

Ajjeechaan kuun yalii fonqolcha mootummati, lakkii fonqolcha mootummaa miti falmii jedhu kaasisus guutuu biyyattiitti gaddaa fi rifaatuu guddaa uumeera.

OSA Finfinneetti

Waldaan Qorannoo Oromoo (OSA) kan ganna 33 dura Ameerikaa Kaabaatti hundaa'e kora isaa yeroo jalqabaaf Itoophiyaa Finfinneetti kan gaggeesses A.L.I bara 2011'tti.

Bara 1986 'Oromo Studies Group' maqaa jedhuun kan eegale OSA'n bara 1990 ture moggaasa isaa gara 'Oromo Studies Association' kan jijjiirate.

Image copyright OSA

Kora Finfineetti Adoolessa 26-28 gaggeefame irratti Pireezidantiin jalqabaa Waldaa kanaa Dr Ismaa'el Abdullaahii irraa eegalee beektootni OSA hoogganan hedduun argamaniiru.

Pireezidantiin dubartii OSA jalqabaa Aadde Kuulanii Jaalataa "Waldaan Qorannoo Oromoo (OSA)n waggoota 33 booda akka biyyatti galuuf kan haarsaa kanfalan Qeerroofi qarreen Oromoo galata qabu" jetteetti.

Kora kanarratti waraqaaleen qorannoo hedduun dhiyaatanii, dhimmoota adda addaa irratti mariin taasifameera.

Pireezidantii itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ergaa baga nagaan biyyatti dhuftan jedhu dabarsaniiru.

Kantiibaa Itti aanaan magaala Finfinnee Ijinar Taakkalaa Uumaa ammoo Waldaan Qorannoo Oromoo (OSA) giddu-gala isaa Finfinneetti akka banatuuf waamicha dhiyeesaniiru.

Xumura irratti Aadde Kuulanii Jaalataa pireezidantummaa OSA Dr Beenyaa Dhugaasaaf dabarsanii kennan.

Gaaffii Sidaamaa

Uummatni Sidaamaa gaaffi ofiin of bulchuu wajjiin walqabatan waggoota dheeraaf dhiiyessaa ture.

MM Abiy Ahimad gara aangootti ega dhufanii booda ammoo gaaffiin kun daran cimeera.

Bu'uuruma gaaffii uummatni Sidaamaa jabessee gaafachuu eegale kanarraa kan ka'es bara 2011 keessa magaala Hawaasaa fi naannoo isheetti hokkora dhalateen lubbuun namoota hedduu darbeera.

Sababa kanaanis aangawoonni naannichaa fi godinaaleerratti tarkaanfiin fudhatameera.

Gaaffiin Naannoo ofii ijaarrachuuf uummatni kun gaafates baruma kana mana maree naannoo Uummatoota Kibbaan fudhatama argatee. Sadaasa 12/2011 A L I Boordii Filannoofis dhiyaateera.

Boordiin Filannoos qophaa'ummaa mana maree naannichaarratti hundaa'uun riifarandamiin murteen naannoo ta'uu akka murtaa'u Sadaasa bara 2012 beellama qabatee qophaa'aa jira.

Uummattoonni kaan naannoo Kibbaa keessa jiraatanillee gaaffii naannoo ofii hundeeffachuu gaafataa jiru.

Dhaabbii biqiltuu mil. 350 ol

Bara darbe wantoota MM Abiy Ahimad irra deddeebiin yoo dubbatan dhagaahamaniifi yoo raawwatanis mul'atan keessaa tokko biqiltuu dhaabuu ture.

Image copyright Ethionews

Duula akka biyyaatti Adoolessa 22 bara 2011 mata duree 'Ashaaraa Magariisa' jedhuun taasifameenis biqiltuun miliyoona 350 ol dhabamaniiru jedhe mootummaan Itoophiyaa.

Karoorri jalqabaa guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 200 dhaabuuf ture.

Duulli biqiltuu dhaabuun kuni guutuu biyyattii buufatawwan 1,000 keessatti raawwata jedhame.

Dhimmoota ijoo armaan olitti kaafamaniin alatti buqqa'uun uummataa fi walitti bu'iinsi sabummaa bu'uura godhatee naannolee biyyattii adda addaa keessatti raawwatamaa ture ijoo dubbii qalbii miidiyaalee idil-addunyaa hawwate ture.

Odeessa kana irratti dabalata