Dhaha Oromoo: Harawaatoo hanga Tokkee, lakkoofsa baraa Oromoo Horroo

Harawaatoo hanga Tokkee
Goodayyaa suuraa Torbeen Adoolessa 13 dura jiru, Harawaatoo jedhamee beekama

Harawaatoo hanga Tokkee dhaha yookan akkaata Oromoon barri jijjiiramuu ittiin beeku yoo ta'u Oromoota wayita ammaa Godinaa Horro Guduruu Wallaggaa, naannoo laga Abbayyaa jiraatan biratti beekama.

Oromoon golgaa laga Mormor [Abayyaa] keessa jiraataa ture durii eegalee dhahaa fi lakkoofsa dhuunfaa isaan jiraachaa ture jedhu qorataan seenaa Obbo Charinnat Waaqwoyyaa.

Akka dhaha kanaatti ji'a keessa guyyooti 27 kan jiran yoo ta'u hundi isaanii maqaa ittiin beekaman qabu.

Guyyoota kanneen ilaaluun namni gaafa dhalatu nama amala akkamii qabaatu akka tahe ayyaantuun Oromoo ni beeka jedhu Obbo Charinnat.

Uummanni Oromoo naannoo kana jiraatan biratti waggaa haaraan eegalame kan jedhamu Adoolessa 13 akka ta'e dubbatu Obbo Charinnat.

Torbeen Adoolessa 13 dura jiru, Harawaatoo jedhamee beekama. Kana jechuun Adoolessa 5 hanga 13 jechuudha.

Adoolessa 5 kan lagni Mormor ykn Abayyaa akka malee guutuun gamaagamatti cehuu dhorkudha jedhama.

Harawaatoon torban tokkoof kan turu yoo tahu yeroon kun yeroo dukkanaa akka ta'etti ilaalama.

Akka riqicha bara xumuramaa jiruu fi bara haaraati jedhamee beekama jedhu Obbo Charinnat.

Dabalataan yeroo sana keessa hojiin akka hin hojjetamneefi yeroo cagginoo jedhamee akka beekamu dubbatu.

Cagginoo

Cagginoon turtii aduu torban tokkoo Adoolessa 5-13 jiru yoo tahu yeroo dukkana hamaati jedhu Obbo Cheerinnat.

Dhukkubbiin garaagaraa illee qaama namaa keessaa yerootti dammaqudha jedhanii kun sirna hawaa waliin hidhata qabachuu himu.

Yeroo kana keessa sanyiin hin faca'u. Yoo facaa'es biqilee hin guddatu ykn ija gaarii hin godhatu, kan faca'ee biqile jalaa illee aramaan hin aramamu jedhu.

Muka hin muran, hin dhaabanis ni goga waan taheef jedhan.

Dhiirri dubartii isaa waliin siree irra hin rafu sababni isaa ammoo dhalli yeroo kana keessa godhatan gaarii miti jedhamee yaadama.

Kurnan

Adoolessa 13 irraa eegalee hanga 20'tti torbeen jiru ammoo Kurnan jedhamee beekama. Kun yeroo roobni guddaan jiraatu ta'us yeroo ganni saaqamu jedhama.

Akka aadaa Oromoo Maccaatti Adoolessi 13 guyyaa ifaa jedhamee kan waamamu yoo tahu guyyaa sanyiin midhanii faca'udhas jedhu.

Yeroo kana keessa sanyii waan facaafataniif Birraa gaariin naaf dhufa jedhanii abdii fi gammachuun eeggatu jedhan.

Barichi bara akkamii akka tahus ayyaantuun ni hima jedhan. Ayyaantuun ykn abbaan muudaa barichi kan quufaa tahuufi dhiisuus dursanii beeku jedhan.

Goodayyaa suuraa Qorataa seenaa Obbo Charinnat Waaqwayyaa

Busundii adii [xaafii] jalqabaa yeroo kana keessa kan faca'u yoo tahu Gindaa Dirrisaa jedhamee beekama.

Gindaa Dirrisaan gaafa Adoolessa 13 hanga Adoolessa 20tti torban tokkoof tura jechuudha.

Ayyaana Taaboree jedhamee kan beekamus guyyaa kana irra yoo tahu bakkee kaanitti ammoo Ingiccaa jedhamees akka waamamu himu namni seenaa kun.

Cehumsa bara ifaatti tahe jedhamee waan beekamuuf ijoollee fi dubartootni illee sirbuun ayyaaneffatu.

Lakkoofsi kun sanyii isa kamtu yoom akka faca'u haala gaarii taheen kan ittiin beekanidha jedhu.

Torbee Adoolessa 13 hanga 20 jiru Kurnan jedhamee beekamu kanatti aane torbeen dhufu Saglan jedhamee beekama.

Torbeen itti aanu Saddeettan, kan itti aanu Torban, Jahan, Shanan, Afran jedhamee hanga Tokkeetti itti fufee lakkaa'ama.

Torbee tokko irraa isa kaanitti yoo cehamu bahe, seene jedhamee himama. Fakkeenyaaf Saglan bahee Saddeettan seene jedhama.

Tokkeen gaafa mootii ayyaanaa jedhamuun kan beekamu ayyaana Ibsaa ykn Gubaati.

Ayyanotni Oromoo kannen akka Irreechaas asii eegaluun birraa keessa kabajamuu akka jalqaban dubbatu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata