Daraaraa Keelloo fi Birraa: "Keelloon ifa Birraatti akka baane mallattoo nu agarsiisudha"

Daraaraa Keelloo

Gubaalessi margee lafti magariisa uffataa yeroo deemuu tibba Arfaasaa ta'uu agarsiisa. Bishaan guutee yeroo dhikkifatu ammoo tibba Gannaa ta'uusaati. Tibba Birraa hoo?

Lageen yeroo Gannaa guutan hir'achaa deemuun alatti wantoota Birraan akka bari'e agarsiisan keessaa tokko abaaboowwan halluu gara garaa gaaraa dacheerratti mul'achuudha.

Akaakuu midhaan namni facaafatu dabalatee biqiltuun daggala keessa jiran hedduun birraa daraaru.

Daraaraa hedduu keessaa ammoo kan hadaa/keelloo, siddisaa, cuqiifi nuugii addatti birraadhaaf miidhagina adda ta'e kennu.

Abaaboon Keelloo bakka gara garaatti maqaa gara garaa qaba. Isaan keessaa 'hadaa', 'ilillii' fi 'keelloon' warreen beekamoodha.

Keelloon waggaatti al tokko waqti birraa qofa kan biqiltu waan taateef akka 'mallattoo birraatti' hanga fudhatamutti ga'eera.

"Daraaraan keelloo yeroo argamu Ganna dukkanaa keessaa ifa Birraatti akka baane mallattoo nu agarsiisudha," jedhu jiraataan Godina Shawaa Kaabaa magaalaa Muka Xurrii Obbo Gizaa Taaddasaa.

"Ganna keessa jiraachuun hanga dukkana keessa jiraachuu waan nutti dhaga'amuuf yeroo daraaraa ilillii arginu ifa birraatti akka baaneetti aadeffatama."

Kanaaf wayita daraaraa keelloo kana arganitti miira gammachuufi abdiin akka guutaman dubbatu.

Dararaan keelloo kun shamarran sirba Qaammee ykn Shinooyyee sirbaniif ammoo hiikaa addaati.

Birraa jechuun yeroo miidhaginaati, kanaaf ammoo sababiin abaaboon gosa hedduun daraaruudha jetti shamarree Birqii Asaffaa.

Birraa keessa shamarran, namoonni biroofi horiinillee gammachuun jiraatu jetti.

"Yeroo qunnii buqqifachuu deemnu keelloos haammannee caffee waliin mana ittiin miidhagfanna. Maatii keenya waliin gammachuun dabarsuun akka addaatti yaadatama" jetti Birqiin.

Waggaan deebi'ee dhufee hanga keelloon daraarutti shamarran hawwiin akka eeggatanis ni dubbatti.

"Tibba keelloon daraaru yeroo dargaggummaa, sirba Birraa sirbamuu fi wadaajii keenya waliin kan dabarsaa turre na yaadachiisa" kan jedhan ammoo manguddoo Tasfaayee Asaffaadha.

Sababii daraaraa kanaatiif baatii Fulbaanarraa jalqabee ji'oota birraa sadan 'dacheen uffata bifa keelloo waan daaraa baate fakkaatti.

Sababa kanaaf namoonni birraa fi daraaraa keelloo walbira qabanii yaadatan hedduudha.

Baatii Fulbaanaa keessa qophii ayyaanota birraaf taasifaman dararaa kelloo waliin walqabatu ykn itti fakkeeffamu.

Miidiyaalee dabalatee dhaabbileen gara garaa ergawwan baga geessanii isaanii yeroo hordooftootaa fi maamiltoota isaaniif dabarsanillee dararaa keelloo kana fayyadamu.

Goodayyaa suuraa Namoota baay'eef karaa ittiin galii argatanis ta'eera

Kana qofaas miti, uffatawwan aadaa ayyaanota Fulbaanaa keessa kabajamanirratti uffatamanis daraaraa keelloon faayama.

Namoonni baay'eenis bara haaraa, Masqalaafi Irreecha yeroo kabajatan caffee fi daraaraa keelloo kana haammachuun kaasuutti qabatu, manni isaaniillee waanuma kanaan faayama.

Kun ammoo daraaraa keelloo caffee waliin gabaaf dhiyeessuun namoota baay'eef karaa ittiin galii argatanis ta'eera.

Waggoota dhiyoo as ammoo jaalala daraaraa keelloo kanarraan kan ka'e ta'uu mala, keelloon nam-tolcheen hojjetamee gabaaf dhiyaatee jira.

Faayaan daraaraa keelloo nam-tolchee kun akka lootii duratti, akka 'ambaarii' harkatti ykn ammoo rifeensa mataa ittiin qabsiifachuun ittiin miidhagfacuuf Fulbaana keessa filannoo ijoollee shamarranii hedduu ta'aa dhufeera.

Keelloon badaa jiraa laata?

Daraaraan keelloo waggaadhaa gara waggaatti baay'ee xiqqaachaa dhufuun qabatamaan mul'achaa jira jedhu Obbo Gizaan.

Kanaaf ammoo sababiin rooba xiqqaachaa dhufeefi qoricha farra aramaa fayyadamuu ta'uu hin oolu jedhu.

Yeroo kaan Hagayya 26 irraa eegalanii dararaa keelloo wayita argan, farda isaanii gugsiidhaaf akka baasanii sooran kan himan Obbo Gizaan, yeroo kana daraaraan kun badaa deemuun isaan yaaddessuu dubbatu.

Daraaraan keelloofi sanyiin biqiltuu gara garaa hedduun badaa deemuudhaaf sababa lamatu jira jedhu Direektarri Itti Aanaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Nannoo, Bosonaafi Jijjiirama Qilleensaa Oromiyaa Obbo Boonaa Yaaddessaa.

Isaanis, lafti dhiphachaa deemuun gara qonnaatti jijjiiramuufi keemikaalota akka farra harmaaafi ilbisootaa faayidaarra oolaa jirudha jedhu.

Haala amma jiruun itti fufnaan abaaboo keelloo akkas mallattoo ifa birraa ta'eefi kan miidhagina ta'e kana barbaadanii dhabuun fagoo hin jiru jedhan Obbo Boonaan.

Kanaaf ammoo furmaata ta'a kan jedhan wanta lama dhiyeessu Obbo Boonaan.

Lafa xiqqaarratti carraa ittiin omisha guddisanirratti hojjechuufi keemikaalota farreen haramaafi ilbisootaa fayyadamuu hir'isuun mala uumamaan to'achuurratti xiyyeeffachuudha.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata