Itoophiyaa, Masrii, Sudaan: Marii hidha haaromsaa 'waliigaltee malee waggoota afur'

Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa Image copyright GRAND ETHIOPIAN RENAISSANCE DAM

Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa laga Abayyaarratti hojjetamaa jiru wayita xumuramu bishaan haala kamiin guutama kan jedhurratti mariin Itoophiyaa, Sudaan fi Masrii gidduutti mari'atamaa ture waggoota afur darbaniif bu'aa hin buusne jedhan Ministirri Dhimma Alaa Masrii Saamii Shukrii.

Kayirootti waltajjiin marii biyyoota sadan giddutti adeemaa ture deebi'ee eegalu ilaalchisuun gaazexeessitootaaf ibsa wayita kennan kana dubbatan.

Mariin waggoota dheeraaf adeemaa jiru kun bu'aa buusuu dhabus ammas akka haaraatti eegaleera.

Itoophiyaan hanga bishaanii Masriin duraan argattu hin hir'istu taanaan laga Abbayyaa irratti hidha ijaaruuf mirga akka qabdu Masriin beekamtii ni kennitiif jedhan.

Wayita eegalamerraa jalqabee dhibdee guddaa Itoophiyaa fi Masrii gidduutti uumaa kan jiru Hidhi Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa meegaa waatii kuma 6 maddisiisuu karoorfatee ijaarsi isaa eegale.

Masriin yeroo pirojektiin kun jalqabamerraa kaastee bishaan kooti na duraa hir'ata yaaddoo jedhuun pirojekticha itti dhiyeenyaan hordofaa jirti.

Ega pirojektiin kun eegalamee mariin biyyoota sadan gidduutti addaan citee hin beeku.

Koreen teeknikaa biyyoota sadanii fi biyyoota addunyaa biroo walaba ta'an irraa ijaarame haala pirojektii qorachuun mariif dhiyeessaa yoona ga'eera.

Sambata darbemmoo Pirezidaantiin Masrii Abdulfattaa al-Siisii Itoophiyaan warraaqsi biyyoota Arabaa keessatti bara 2011 ka'e akka carraatti fayyadamuun hidha kana eegalte jechuun komii qaban dubbatanii turan.

Pirezidaantichi gaaffii fi deebii miidiyaa 'Haram Online' jedhamu waliin taasisaniin kana dubbatan.

''Utuu Masriin yeroo sana goolama siyaasaa keessa hin seenne ta'ee silaa Itoophiyaan hidha haaromsaa kana ijaaruu hin eegaltu ture'' jedhan.

''Lammiileen Masrii hookkara bara 2011 irraa waan baratan baay'ee qabu. Dogoggora akka biyyaatti hojjenne kana irra deebi'uu hin qabnu,'' jedhan.

Hoogganaa Olaanaan Pirojektii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa Injinar Kiflee Horroo garuu Itiyoophiyaan hidha haaromsaa eegaluuf goolama siyaasaa biyyoota Arabaatti hin fayyadamne jedhu.

''Hojiin ijaarsa pirojektii hidha haaromsaa bara 2010 ji'a Muddee keessa eegale. Garuu uummataaf ifa kan ta'e Ebla 2, 2011 ture" jedhan.

"Kanaafuu hojiin pirojektichaa hookkara Masrii keessatti ka'e durseetu eegalame,'' jedhan.

Image copyright Getty Images

Marii Dilbata magaalaa Kaayirootti eegalame kana irratti dhimmi ijoon akka itti hidha kana bishaan guutaniifi akka itti hidhichi tajaajila kennudha.

Ministirri Bishaan, Anniisaa fi Jallisii Dr. Silashii Baqqala marii kanarratti jila Itoophiyaa dursuun hirmaataa jiru.

Biyoota sadeen gidduutti wantoonni irratti waliigalaman hunduu faayidaa hundaa kan mirkaneessan ta'uu qaba jedhani.

''Dhimmi bishaan guutuu hojii keenyarratti dhiibbaa hin qabu''

Bishaanni hagamii fi yeroo hagamii keessatti akka kuufamu walii galteedhaan murtaa'a kan jedhan Injinar Kiflee Horroo haala roobaa irratti hundaa'uudhaan waggaa afurii hanga torbaa keessatti akka guutu haasa'amaa jira jedhan.

''Garuu haalli guutiinsa bishaanii ijaarsa hidha kanaarratti homaa dhiibbaa hin qabu, tarii wayita elektirikii maddisiisuu eegallu dhiibbaa qabaachuu danda'a,'' jedhan.

''Hidha kana guutuuf bishaan meetir Kiyuubii biiliyoona 74 barbaachisa. Waggaatti guutuuf utuu jennee bishaan nuti qabnu meetir kiyuubii biiliyoona 49 qofa ta'a.''Kanaafuu bishaan sana guutummaatti yoo cufneyyuu waggaatti guutuu hin dandeenyu.''

Bal'inni lafa bishaan irratti kuufamuu ykn haroo nam-tocheen uumamu ammoo kiilomeetir iskuweerii 1874 ta'a jedhu Injinar Kifleen.

Mootummaan Itoophiyaa akkuma waadaa gale bishaanni guutamu kun warra yaa'a gadiirratti akkaataa dhiibbaa hin geessifneen akka ta'u hojjechaa jira jedhan.

''Akkaataa yaad-rimee walii galtechaatiin jalqabarratti bishaan meetir kiyuubii biiliyoona 4tu guutama. Kunimmoo dhibeentaa 10 bishaan yaa'a Abbayyaa keessa waggaatti yaa'uullee hin ta'u.''

''Hidhaan Abbayyaa wayita guutummaatti bishaan guutu gadi fageenya meetira 640 qabaata, jalqaba kana meetira 560 guutuuf bishaan meetir kiyuubii biiliyoona afur fayyadamuurratti haasa'amaa jira.''

''Isa boodas kan guutamu kanarraa hin fagaatu. Olka'iinsi hidha ijaaramaa jiruu garuu meetira 145 dha. Bishaan guutamu isaa gadi ta'a jechuudha.''

Hidhi Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa yuunitiiwwan yookiin tarbaayinoota elektirikii maddisiisan 16 qaba.

Tokkoon tokkoon isaanii meegaa waatii 375 maddisiisu, ammaaf yuuniitiiwwan lama xumuramaa jiru jedhan Injiner Kifleen.

''Waggoota lamaan dhufan keessatti tarbaayinoonni lama ni xumuramu. Akkuma tarbaayinoonni kunneen xumuramaniin bishaan isaan sochoosuuf barbaachisan kuusna. Kunimmoo bishaan baay'ee miti.''

Bishaan ni ittifama jechuun guutummaatti cufamee hidha sana keessatti hafa jechuu miti jedhan.

''Hammi murtaa'ee ni kuufama, kaan ni darba. Yoo jenereetaroonni keenya hojii jalqaban isa erga sochoosee booda bishaanni darbee deema."

"Hanga jenereetaroonni hojii egalanittis ujummoowwan bishaan sana dabarsuudhaaf hojjetaman waan jiraniif, isaan banuudhaan osoo hammi bishaanii hin hir'atin dabarsuu dandeenya,'' jedhan.

Kaayyoo marii Kaayiroo

Xiyyeeffannaan marii Kaayiroo inni ijoon dhimmoota teeknikaa irratti gabaasotaa fi yaad-rimeewwan ogeeyyiidhaan dhiyaatan irratti mari'achuun qajeeltoo gara fuulduraa kaa'uudha.

Masrii bakka bu'uun marii kanarratti kan argaman Ministira Bishaanii biyyattii Dr. Mahammad Abdul Atiiti.

Waliigalteerra gahamuubaatus miira waliif tumsuun mariin mari'atamaa jiru biyyoota biroofillee waan fakkeenya ta'aati jedhan.

Hidhicha bishaan guutuu fi qabiyyee bishaanii hidhicha keessaa gadi dhiifamuu ilaalchisee wanti hunduu akkaataa biyyoota sadeen hin miineen ta'uu qaba jedhan.

Ministirri Bishaanii fi Jal'isii Sudaan Pirofeesar Yaasiir Mohammad Abbaas mariin hidha haaromsaa Itoophiyaarratti mari'atamaa jiru bu'a qabeessa ta'uu ibsan.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata