Asmaraa: Magaalaa guddoo Eeritraa ija gaazexeessitoota BBC'n

Asmaraa

Torban muraasa dura gaazexxessitoonni BBC biyya qopheessituu wal-dorgommii kubbaa miilaa CECAFAn dargaggoota waggaa 15 gadiif qopheessee turtee Eeritraa gabaasuuf wayita garas imalanitti waan taajjaban, kutaa sadiin qindeessaniiru. Kutaan jalqabaa kunooti.

Ertiraan qaama bulchiinsa ''Roomaa ishee haaraa'' jalatti buluu kan jalqabde bara 1920tti Benitoo Mosolooniin gara aangootti erga dhufeeti.

Faashistiin Ertiraa waggoota 50 caalaa kan ture yoo tahu, yeroo kanattis karaa, gamoowwanii fi baabura ijaarsisuun maallaqa hedduu baaseera.

Yeroo Waraana Addunyaa 2ffaa Biriiteen Xaaliyaaniin Karan irratti mo'atte.

Ergasii Xaaliyaan biyyoota gita bittaan qabatte gadhiistee bahuu jaqabde.

Boodas Ertiraan federeeshiniidhaan Itoophiyaatti makamte.

Walabummaa kaayyeffachuun qabsoo hidhannoo kan jalqaban lammiileen Ertiraa mootummoota Itoophiyaa lama waliin waggootii 30 erga falmataniin booda bara 1991tti bilisummaa labsaniiru.

Qabsoon hidhannoo Ertiraa waraaana akka addunyaatti milkaa'e keesssaati maqaan waamama.

Bara 1998tti immoo waraannii Itoophiyaafi Eritiraa jalqabe. Waraannii waggaa lamaaf gaggeefame kuni namoota kuma dhibbaa ol galaafateera.

Waliigalteen Alljeers waraana kana haadhaabuyyuu malee waggootii 20f biyyootii lamaan gidduu lollis tollis hin turre.

Ministirri mummee Abiy Ahimad gara aangootti erga lolli biyyoota lamaan gidduu jiru hiikamee uummata lameen gidduu walitti dhufeenyi jalqabameera.

Goodayyaa suuraa Asmaraa magaalaa qulqulluu, kosiin keessatti hin mul'anne

''Asmaraa qulqullittii''

Warri biyyattii ''Tse'aadaa Asmaraa'' jechuun magaala isaanii waamu. Tse'aadaa jechuun adii jechuu dha. Dhuguma Asmaraan magaalaa qulqulluu kan balfa hin qabne dha.

Gamoowwan umurii dheeraa qabaniin kan guutamte Asmaraan Mootummooti Gamtooman magaala seena-qabeettii jechuun ishee galmeesseera.

Bara Xaaliyaaniin biyyatti keessa ture manneetii amantii, manneen jireenyaa, hoteelotaafi siniimaawwan ijaarsiseera. Gamoowwan bara ce'ani kunneen seenaa yaadachiisu.

Jiraataan magaalattii balfa jibbu isaa sirna ujummoo ittiin dhangala'aa dhabamsiisan daandii jalatti diriiruun magaalatti qulqulluu taasiseera, jedha.

Daandiin Asmaraa akka magaalaalee Afrikaa biroo foolii xiraan funyaan nama hin qabsiisu.

Goodayyaa suuraa 'Miidhagni biraa Asmaraa muka meexxii tooraan dhaabame dha.'

Yeroo mootummaa Haayilesillaasee magaalattiin sa'atii hojiin dura akka miicamtu jiraattonni ni dubbatu.

Ertiraa keessa halkan otoo deemtanii namni 'abbaa kanaa' isiniin jedhu hin jiru. Ormis abbaanis akka feete socho'a. Asmaraa guyyaa tokko bullaan nagaa qabeettii tahuu ishee baruuf ragaan isin hin barbaaachisu.

Tiroovilaa, Firaansiskoo, Daanta,Viiliyaajoo, Saantaa Aanaa, Boolaajoo...kunneen maqaalee naannoo Xaaliyaan argamu miti. Maqaa naannoolee Asmaraati.

Nannoolee qofa osoo hin taane hoteloonnii fi kaaffeewwan illee maqaan afaan Xaaliyaaniin baheefi.

Miidhagni biraa Asmaraa muka meexxii tooraan dhaabame dha. Isaan 'Shabaakaa' jechuun waamunii.

Eritiraa

Ertiraan kara kibbaa Itoophiyaadhaan, Kibba bahaan Jibuutii, Kaabaan Sudaan, karaa bahaan immoo Galaana Diimaatu daangeessaan.

Mootummonni Gamtoomanii baay'inni uummata biyyattii miiliyoona shanitti tilmaamama jedha. Namooti kuma 400 tahan immoo magaalattii keessa jiraatu.

Goodayyaa suuraa Saboota Bileen kara bitaan ..shamarree Affaar mirgaan.

Godinaaleee jahatti kan qoodamtu Eritiraan sabooti beekamtiin kennameef kanneen akka Tigira, Tigirinyaa, Affaar, Kunaamaa, Bileen, Saahoofi Raashaayidaan keessa jiraatu.

Sabooti Affaar Eritiraa keessa jiraatan warreen Jibuutiifi Itoophiyaa keessa jiratan waliin afaaniifi aadaa wal-fakkaataa qooddatu.

Goodayyaa suuraa Dubri Raashaayidaa ganna shanii qabee guftaa calleen miidhageen ija iishee qofa hambisuun fuulashee haguugdi.

Saboota warra kaanirraa bifaafi haala jireenyaa adda kan tahan warra Raashaayidaa jedhamni dha. Maddi isaani Saa'udii Arabiyaa akka tahe kan himamuuf jarreen kuni, afaan Arabaa haasa'u amantii Islaamaa hordofu.

Horsiisee bultoota dha. Akkasumas miiya Gidduu-gala Bahaa fichisiisuun daldalu, naannoo gammoojjii Galaana Diimaa jiraatu.

Dubri Raashaayidaa ganna shanii qabee guftaa calleen miidhageen ija ishee qofa hambisuun fuulashee haguugdi.

Lakkoofsa guyyaafi sa'atii

Tajaajila argachuuf barfattanii lafa geessan ''Bor ganama sa'aa 8 irratti koottu'' jedhamuu dandeessu. Guyyaafi sa'atii akka warra Awurooppaatti lakkaa'u.

Qarshii bittaa gurgurtaa

Goodayyaa suuraa Qarshiin daldalaa Ertiraa Naaqfaa jedhama.

Qarshiin daldalaa Ertiraa Naaqfaa jedhama. Nootiwwan Abbaa 1, 5, 10, 20, 50, fi 100 qabdi. Doolaariin Ameerikaa tokko karaa seera qabeessa taheen Naaqfaa 15nin geeddarama.

Doolaarri baankii daldalaa qofatti geeddarama.

Filannoo geejibaa

Daandii diriiraa Asmaraa irratti bishikiliitiiwwan yaa'an uummatichi geejibaa akka isaan filatu beeksisa.

Guddaafi xiqqaan bishkiliitiirra quuphanee shir jedha. Barattoonni dugdatti korojoo baatan bishkiliitiin gara mana barumsaatti deemu. Hojjetaanis maayisaaf isumaan socho'a.

Image copyright MILENA BELLONI (Left) BBC (Right)
Goodayyaa suuraa Asmaraa keessa namni baayyeen bishkiliitiidhaan socho'a

Otoobisiifi taaksiiwwan keelloo maamiltoota isaanii iddoo dha iddootti marmaarsu.

Konkolaataa ofii dhuunfachuun sababii qaraxa biyyattiin konkolaataa alaa galurra buustuufi gatiin boba'aan qaalii waan taheef ulfaataa dha.

Namooti konkolaataa qaban kuma afurtama akka hin caalle lakkoofsa gabatee konkolaataawwanii ilaalanii tilmaamuun nama hin rakkisu.

Sababii kanaanis magaalatti rakkoon tiraafikii hin jiru. ''Magaala tiraafikii hin qabne'' jedhamuun moggaafamteetti. Kallattii kamiinuu yoo deemtan akka magaalaalee Afrikaa biroo dhiphuun tiraafikii hin jiru.

Piizaa moo Laazaanyaa

Mana nyaataatti gortanii tarree filannoo nyaataa irratti kan argattan paastaa,l aazaanyaafi piizaa dha. Buddeena tarree nyaataa aadaa keessatti argattu.

Bakkeewwan hawwatoo

Asmaraa yoo deemtan iddoowwan kana otoo hin daawwatiin hin dhufiinaa.

Fiyaat Taagli'eeroo

Gamoon Taagli'eeroo bara 1938 ijaarame dhume. Tajaajila gaaraajiifi dhiqannaa makinaa kenna. Seenaa qabeessa tahuun dabalataan, boca baallee xiyyaaraan gamoon ijaarame kuni, baalleen dalaga meetira 15 dheeratu utubaa malee dhaabbate.

Gamoon kuni ogeessa ijaarsaa Juseeppee Peetaazii jedhamuun kan dhaabbate yoo tahu, dura yaada kana bulchitoota naannootti yoo himu baallee meetira 15 dheeratu utubaa malee dhaabuun hin danda'amu jechuun yaadasaa kuffisanii turan.

Juseeppeen kanaan aaree gamoon kuni yoo kufeef 'ofiin ajjeesa' jechuun kan utubaa itti galche fakkeessee bulchitootatti himuun ijaarsa gamoo kanaa raawwateera.

Fiyaat namoota gara imaltoota gara Itoophiyaafi gara magaalawwan birootti deemaniif lafatti boba'aa guuttatan ture. Har'a waggaa 80 booda tajaajila malee qofaatti hafee jira.

Goodayyaa suuraa Ertiraan magaalaa manneetii siiniimaa, tiyaatiraafi hoteelota qananii turte

Manneetii Siniimaa

Magaalaan Asmaraa har'a yoo ilaaltan xis ximbaa waan jettu miti. Waggootiii kurnan dura garuu seenaa akka ture beeksifti.

Manneetiin siniimaa Roomaa, Kaappitool, Odiyoon jedhaman qullaatti hafuun kanaaf ragaa dha.

Bara 1920fi 30 keessa fiilmiiwwan afaan Ingiliiziifi Xaaliyaanii agarsiisu ture.

Amma fiilmii biyya keessaafi pirimiyarliigii Ingiliiziitu keessatti daawwatama.

Goodayyaa suuraa Konkolaataawwan yeroo waraanaa barbadaa'an kana keessa namooti jiraatu

Awwaalcha taankii

Yeroo garaagaraaatti waraanni Eritiraa gaggeessite hangam suukaneessaa akka ture baruuf iddoo kana daawwachuun gahaa dha.

Iddoo 'awwaalcha taankii' lafa jedhamuun wamamu kanatti konkolaataan waraanaa barbadaa'ee tokko kan hafe hin fakkatu. Taankii, madfii, otoobisii hunduu luluqa'ee iddoo tokkotti walitti qabameera.

Yoo itti siqxan immoo konkolaataawwan barbadaa'an kana keessa namoota jiraatan argitu.

Lafa awwaalchaa Xaaliyaanotaa

Yeroo gita bittaa, Xaaliyaanoti du'an iddootti awwaalamani dha. Hanga ammaatti Xaaliyaan irraa dhufanii namooti abaaboo siidaa maatii isaanirra kaa'an jiru.

Bataskanaa Kaatederaalii, siniimaa Roomaa, bataskaana Indaa fi warri kaan ogummaan ijaarsaa kan irratti mul'ate dha.

Bor kutaan itti aanu itti fufa.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata