Soba: Yeroo baay'ee nama isin sobuu attamiin adda baafattu?

Sobni jechaanis gochaanis ta'uu mala Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Sobni jechaanis gochaanis ta'uu mala

Walitti dhufeenya hawaasummaa keessatti xiqqoo xiqqoo sobuun, walitti dhufeenyaa akka waan cimsuutti ilaalama.

Wanti namoonni dubbatan dhugaa ykn soba ta'u adda baasuun baay'ee cimaa ta'u danda'a. Garuu namoonni waan dharaa kan dubbatan yoo ta'e adda baasuuf malootni isin gargaaran ni jiru.

Ofii soba jechuun maaliidha?

Namni tokko itti yaadee jechaa ykn gocha isaatiin nama mooksuuf wanti raawwatu sobadha. Sobni jechaanis gochaanis ta'uu mala jechudha.

Namni tokko wayita isiin waliin haasa'utti dhuguma waa'e keessan osoo homaa hin hambisiin waan hunda kan isiinitti himu isiinitti fakkaataa?

Osoo waan waa'ee keessan yaadan hundaa isin fuulduratti dubbatanii, walitti dhufeenyi keessan fayya qabeessa ta'ee itti fufuu dhiisuu danda'a ta'a.

Fakkeenyaaf haala uffannaa haaraa nama tokkoo yoo jibbine baay'een keenya jibba keenya ibsuuf hin yaadnu. Keessumatti qabannee fakkeessuun bira dabarraa malee.

Baay'een keenya gutummaa guutuutti dhugaa dubbachuun waan gaarii fiduu caalaa hariiroo namoota waliin qabnu irratti dhiibbaa qabaata jennee waan yaadnuuf sobuu dandeenya.

Kanaafuu yeroo tokko tokko itti fakkeessinee dhugaa bira darbuun walitti dhufeenya keenya akka waan cimsuutti fudhatama.

Nama sadii keessaa tokko guyyaatti ni soba

Qorataan xiin-sammuu Riichaard Waayizmaan akka jedhaniitti, namoota sadii keessaa tokko guyyaatti soba cimaa kan dubbatudha.

Gama biraatiin ammoo dhibba keessaa namoonni harka shan ta'an gonkumaa sobnee hin beeknu jechuu qorannoon dhiheenya bahe tokko mul'iseera.

Haa ta'u malee, baay'een namootaa soba kan dubbatan ta'ullee namoonni kaan soba isaanii adda baasuu akka hin dandeenye qorannichi ni mul'isa.

Abbootii seeraa caala hidhamtootatu soba adda baasa

Image copyright Getty Images

Qorataa Riichaard akka jedhutti "soba dubbachuu sirriitti beekna, garuu soba addaa baasuurratti haqina qabna.''

Dubbi dharaa adda baasuurratti kan dandeettii qabnu nutti fakkaata garuu miti jedha.

"Fakkeenyaaf, osoo viidiyoo namoota lamaa kan dhugaa fi soba dubbatan namootatti agarsiisuun bakka dhugaa fi dharri itti dubbatamee akka addaa baasaniif gaafattanii, kan dhugaa himan harka 50 qofaadha," jedha.

Kun poolisii, abbaa alangaafi abbaa seeraatiifis wal fakkaata. Gareen tokko kan bakka hundatti caalaa hubatu garuu jira, hidhamtoota.

Ija osoo hin taane gurra keessaniitti fayyadamaa

Image copyright Getty Images

Yeroo baay'ee namoonni soba yoo dubbatan adda baasuu kan dadhabnuuf xiyyeeffannaan keenya waan mul'aturra waan ta'eefiidha.

Irra caalaan sammuun keenyas waan ijaan agarruuf xiyyeeffannaa olaanaa keenna.

Namoonni soba dubbatan yoo haasa'an ni wixxirfatu. Fuula isaanii irraa sobaa akka jiran dubbisuun ni danda'ama.

Haa ta'u malee qorattoonni akka jedhaniitti ijaan ilaaluu qofti gahaa hin ta'u.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Yeroo hunda waan agartu amantaa?

Dubbii isaanii xiyyeeffannaan dhaggeeffachuun dhugaa ykn soba dubbataa akka jiran adda baasuun ni danda'ama.

Sobdoonni waan xiqqoo qofa darbatanii callisu barbaadu. Yookan ammoo namoonni soba dubbatan yeroo tokkon deebii kennuurra yeroo dheeraa fudhachuun yaadanii dubbatu.

Hasaa sanarraa of fageessuus waan barbaadaniif jecha akka 'ani', 'kan koo', 'ana' jedhanii irra deebiin dubbatu.

Akka sobduu gaarii taatee baruuf fuula keerratti 'Q' hojjadhu

Image copyright Getty Images

Muraasni keenya warra kaan caalaa sobaan kan ogummaa qabnu akka ta'e beekamaadha.

Kana adda baafachuufis qorataa Riichaard gareewwan lama jiduutti qormaata taasisan.

Qormaanni isaan kennaniis qormaata "Q" jedhamuun kan beekamu yoo ta'u, qormaaticha xumuruufis sakandii shan qofa fudhata.

Quba kee lammataa fayyadamuun adda kee irratti qubee 'Q' barreessi.

Ergasii booda gaaffiin itti aanuu eegeen qubee barreessitee kan agarsiisu gara ija bitaa ammoo gara mirgaatti?

Gara bitaatti kan barreessitan yoo ta'e sobaa beekamaadha jechuudha. Gara ija keessan mirgaa kan gore yoo ta'e ammoo dhugaa kan dubbattan ta'uuf ragaa qabdu jechuudha.

Qorataan kun murte kanarra kan gahan sababii male miti.

Qubee Q wayita adda keessan irratti barreessitan namoota adda keessan irraa dubbisaniif akka galutti eegee gara bitaatti kan barreessitan yoo ta'e, kana jechuun namootatti gaarii fakkaattanii mul'achuuf caalaa gatii kennitu waan ta'eef, soba dubbattu jechuudha.

Garuu gara ija mirgaa keessaniitti garagalchitanii barreessitan yoo ta'e, addunyaa kallaattii mataa keessanitiin kan ilaaltan waan ta'eef, dhugaa qabeessa ta'uuf yaaddu jechuudha.

Kan sobu nama qofaa miti

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Kormaa handaaqqoo hin amaniinaa

Sobni bakka hunda jira. Addunyaa umamaa kana keessatti bineensoonni walitti fufiinsaan walsobaa waliin jiraatu.

Fakkeenyaaf gosa qurxummii 'squid' jedhamu yoo fudhanne, ofiisaa miidhaa qurxummii dhiiraan irra gahurraa of eeguuf jecha qurxummii dhalaa fakkaachuun jiraata.

Akkasumas kormaan handaanqqoos akka dhaltuun fiigdee dhuftuu taasisuuf jecha osoo nyaanni naannoo isaa hin jiraanne, sobaan waama. Isaan booda nyaataaf osoo hin taane quunnamtii taasisuu yaala.

Simbirroon galaanaa yeroo hunda gareedhaan jireenyaa isanii guutuu waliin jiratu. Haalli kunis amantaan akka waliin jiraatan akka yaadnu nu taasisa.

Saayintiistonni garuu simbirroonni akka daakkiyyee jireenya saanii waliin dabarsan kunneen osoo hin hafne akka wal sobuun 'gaa'ilaan ala' kan biraa bira akka dhaqan himu.

Ilmaan namaa sobu kan eegalan yoom?

Image copyright Getty Images

Qorataa Riichaard akka jedhaniitti, daa'imman umurii kam irratti sobu akka eegalan baruuf qorannoowwan muraasni gaggeeffamaniiru.

''Daa'imman daree keessatti walitti erga qabdanii booda, 'waan ittiin taphachuu jaallattan of duuba kaa'a, garuu adaraa of booddee hin mil'atinaa' jettanii osoo dareedhaa baatanii, daa'imman ilaalun isaanii waan hin oolle'' jedha.

Erga deebitanii akka mil'ataniifi dhiisan osoo gaafattaniis, harki shantama akka hin ilaallee isin sobu.

Kanneen qorannoo keessatti hammatamanis daa'imman umuriin isaanii waggaa sadii gadii ta'u himaniiru qorataan kun.

Kanaafuu ilmaan namaa umurii ijollummaatii kaasee sobu akka eegalan mullisa.

''Wayita umurii shan gutaniitti ammoo hundisaaniyyuu kan dhugaa sitti himu hin jiraatu!''

Sobaan seenaa dheeraa qabna

Image copyright Getty Images

Addunyaa hawaasummaa guddaa fi walxaxaa ta'e keessa jiraachuuf sobni akkuma dhugaatti barbaachisaa akka ta'eetti ilaalama.

Fakkeenyaaf jaldeessi yoo wal kan dhabe, waldhabdeen isaanii dhuma hin qabaatu. Kanaafuu mala ittiin wal mooksan yaadu.

Qorannoon akka mul'isuutti namni ammayyaa malawwan kanneen cimfataa dhufeera. Kanaafuu sobuun akka mala waliin jiraachuu fi waliin itti fufuuf barbaachisaa ta'eetti fudhatama.

Kanaafuu soba dubbachuun yeroo hunda dhimma hamaa ta'ee ilaalamu miti jedhu qorattoonni.

Soba malee bakka amma itti argamnu irra hin geenyu ture jedhu.

Kan soba dubbatu yeroo hunda akka hin sobne hima, kanaanis al tokkotti waan lama soba. Horaa Bulaa!

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata