Ameerikaan maaliif kuusaa boba'aa guddicha lafa jala dhoksite

Kutaalee biyyaa Louisiana fi Teeksaas keessatti kuusaan boba'aa guddichi holqa lafa keessatti kuufamee jira Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Kutaalee biyyaa Louisiana fi Teeksaas keessatti kuusaan boba'aa guddichi holqa lafa keessatti kuufamee jira

Erga kuusaan boba'aa Sa'uudii Arabiyaa haleelamee aanga'oonni mootummaa Ameerikaa boba'aa yeroo rakkoof dhoksanii ol kaa'anitti fafayyadamuuf dubbachaa jiru.

Haleelamuu buufata boba'aa Sa'uudii booda gatiin boba'aa addunyaa dabaluu erga dhaga'anii, Pirezidaanti Doonaaldi Tiraampi ''boba'aa ol keenye gabaaf dhiyeessuun gabaa ni tasgabbeessina'' jechuun tuwiitara isaaniirratti barreessan.

Boba'aan isaan jedhan kun baarmeelii miiliyoona 640 ta'a.

Kan kuufamee jirus holqa lafa jalaa kutaalee biyyaa Louisiana fi Teeksaas keessatti argaman keessattidha.

Yaadi boba'aa yeroo rakkoof ol kaa'uu kun Ameerkaa keessatti bara 1970 keessa eegalame.

Biyyoonni miseensa dhaabbata Anniisaa Addunyaa ta'an hundinuu boba'aa petrooliyemii alaa galchaniin kan walgitu kuufama boba'aa guyyoota 90f fayyadu olkaa'uun dirqama.

Kuusaan boba'aa Ameerkaa kun addunyaarratti isa guddicha.

Yaadi boba'aa yeroo rakkoof dhoksuu maaliif eegalame?

Aanga'oonni siyaasaa Ameerkaa bara 1970 keessa walga'uun akkaataa boba'aa yeroo rakkoof olkaa'uun danda'amurratti marii eegalan.

Kun kan ta'e erga biyyoonni baha giddu galeessaa dhiyeessii boba'aa dhaabuun addunyaa qoqqobaniiti.

Biyyoota Arabaa boba'aa peetrooliyemii addunyaaf dhiyeessan kan ta'an Iraan, Iraaq, Kuweet, Qaataar fi Sa'uudii Arabiyaan boba'aa Ameerkaaf dhiyeessuu didan.

Sababiin isaa waraanaa biyyoota Arabaa fi Israa'eel gidduu bara 1973 ture Ameerkaan deggeraa turte jedhanii waan komataniif.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Bara 1973 waraana biyyoota Arabaa fi Israa'eel gidduu Yoom Kippur jedhamurratti Ameerkaan Israa'eel gargaarteetti jechuun qoqqobbiin boba'aa kaa'ame

Lolli sun baruma sana torban sadi booda ji'a Onkoloolessaa keessa goolabame.

Qoqqobbiin boba'aa garuu hanga bara 1974, Caamsaatti ture.

Wayita sana gatiin boba'aa addunya dachaa afuriin dabale.

Baarmeeliin tokko doolaara Ameerkaa 3 irraa 12tti dabale.

Konkolaattota yeroo sana boba'aa fe'anii biyyoota dhihaaf dhiyeessaa turan mallattoo taatee tibbi sun ittiin ibsamu ta'an.

Ergasii Kongireesiin Ameerkaa bara 1975 imaammata qusannoo fi kuusaa boba'aa haaraa baase.

Rakkoon hanqina boba'aa deebii yoo mudate jalaa dandamachuuf boba''aa dhoksaan kuusuu eegalan.

Kutaalee biyyaa Louisiana fi Teeksaas keessatti holqa lafa jala jiran hedduu keessatti boba'aa yeroo rakkoof kuufameera.

Holqi lafa jala kunneen hedduun isaanii harka namaan kan hojjetame yoo ta'u hanga kiilomeetira tokkoo dheeratu.

Walumaa galatti kuusaan boba'aa jiran boba'aa baarmeelii miiliyoona 644.8 ta'u.

Ragaan Ministeera Anniisaa Ameerkaa akka mul'isutti ragaa bara 2018 keessa ba'een uummanni Ameerkaa guyyaatti baarmeelii miiliyoona 20.5 fayyadamu.

Kana jechuun boba'aan ga'aan rakkoo tokko malee biyyattii guyyoota 31f jiraachisuu danda'u jira jechuudha.

Odeessa kana irratti dabalata