Somaaliyaatti sakatta'insa gaggeeffameen hidhattootni 17 ajjeefaman

Loltootni Somaaliyaa hidhattota al-Shabaab naannolee gidduugalaa fi Kibbaa jiran irratti sakatta'insa gaggeessaa turan. Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Loltootni Somaaliyaa hidhattota al-Shabaab naannolee gidduugalaa fi Kibbaa jiran irratti sakatta'insa gaggeessaa turan.

Somaaliyaatti hidhattootni al-Shabaab 17 sakatta'insa gaggeefameen ajjeefamuu humni waraanaa biyyattii beeksise.

Ajaajaan waraanaa Jeneraal Odawaa Yuusuuf Raagee miidiyaa mootummatti akka himanitti Naannoo Kibbaa Juubaatti hidhattootni al-Shabaab 15 ajjeefamiiru.

Hidhattootni lama biroo ammoo qixxalamaan naannoo Hiiraan jedhamuutti akka ajjeefaman himan.

Itti dabaluun ajajaa al-Shabaab Komaander Ibiraahim Abdii Tuureey sakatta'insa naannoo Hiiraan keessatti gaggeeffameen ajjeefamuu himan.

Ajajaan al-Shabaab ajjeefame kun meeshaalee dhohinsaa lubbuu namoota hedduu galaafatan hojjechuun nama ogummaa cimaa qabudha jedhan.

Humni waraanaa Somaaliyaa fi deeggartootni isaanii garee al-Qaayidaa waliin hidhata kan qabu garee al-Shabaab irratti yeroo dheeraaf sakkatta'insa gaggeessaa turaniiru.

al-Shabaab gidduugalaa fi Kibba Somaaliyaa naannoo baadiyaa irra bal'inaan qabatee akka jirutu himama.

Gareen kun waggoota darban keessa haleellaa garaagaraa gaggeessaa ture.

Dabalataan ajajaan waraanaa Ameerikaa kan Afrikaa akka jedhetti naannoo Juubaa gara gadiitti haleellaa qilleensarraa gaggeeffameen hidhattotni al-Shabaab lama ajjeefamaniiru.

Pirezidaantiin Ameerikaa bara 2017 kaasee haleellaa al-Shabaab irratti taasofamu cimsaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata