Sanyiin qamadii dagalaa jijjirama qilleensaa dandamachuu danda'u wabii nyaataaf abdii ta'uuf jedhu qorattoonni

Qamadii abbaa biilaa biyya Israa'elitti argamu Image copyright Eviatar Nevo
Goodayyaa suuraa Qamadii abbaa biilaa biyya Israa'elitti argamu

Akaakuuwwan daggalaa kan midhaan nyaataa akka qamadiifi kanneen biroo waliin walfakkaatan, garuu kan hin madaqiin jiran, rakkoo jijjiirama qilleensaa dadamachuuf fala ta'uu akka danda'an qorannoon agarsiise.

Dagalli midhaan gara garaa waliin walfakkaatan kunneen qaccee sanyii akka biqiltoonni midhaan nyaataaf oolanii jijjiirama qilleensaa dadamachuun omishtummaan guddatu taasisu hedduu of keessaa qabu.

Qorannoon waggoota 28 oliif gaggeeffamaa ture akka agarsiisutti qamadiin daggalaa baayyee bifa diqaalomsuutiin ("beneficial mutations") qamadii isa sirrii waliin walitti fiduudhaan jijjiirama qilleensaarraan kan ka'e yeroo ho'i dabalaa deemu sanyii dandamachuu danda'u argameera.

Qorattoonni akka himanitti bu'aan qorannoo kanaa hubannoo nuti akkamitti biqiltoonni akka ho'a addunyaa dabalaa deemu kana keessatti dandamachuu danda'an foyyeesseera.

Argannoon qorannichaas qaboo yaa'ii Akaadaamii Saayinsii Biyyaalessaa irratti maxxanfameera.

"Bu'aa gammachiisaa ta'e arganneera," jechuun ibsan barreessaa buleesiifi saayintistiin Qonnaafi Midhaan Nyaataa Kanaadaa Yong-Bi Fu.

"Wantota qorannoon waggoota 28 oliif gaggeeffame agarsiisu keessaa tokko, biqiltoonni dagalaa sanyii midhaanii fakkaatan kunneen mala diqaalomsuudhaan midhaan jijjiirama qilleensaa dandamataa deemu qabaachuuf kan gargaaru ta'uudha. Akaakuun dagala midhaan fakkaatan kanaa hanga ammaa ni jira."

Qorannoon kun qamadii abbaa biilaa 10 Isiraa'el keessatti argamanirratti ture kan gaggeeffame. Dr Fu akka jedhanitti, waggoota 30 darban keessatti ho'i hanga digirii selshesii lamaa dabaleera. Hangi dabale kun ammoo hanga addunyaan Waliigaltee Kora Dhimma Naannoorratti Paarisitti taa'amerratti giddu-galeessaan ni xiqqeessina jedhanii qabatan waliin walqixa.

'Dhugumatti baayyee abdachiisaadha'

"Kun baayyee gammachiisaadha sababiin isaas ummanni sanyii diqaalomsuun foyyeessuu argachuu danda'u," jechuun Dr Fu BBC News 'tti himan.

"Diqaalomsuun kun murteessaadha. Nutis akakkuu midhaanii gara garaa daggala keessa jiraniifi walumaa galatti uumamaan jiran eeguufi kunuunsuuf carraaqqii cimaa taasisuu qabnda."

Gareen qorannaa kana gaggeessanii akka himanittis waan argatan kun akkamitti biqiltoonni akka jijjiirama qilleensaa waliin of jijjiiraa deeman beekumsa argachuuf nu gargaareera.

Dr. Fu dabalaan yeroo ibsan malli kun biqiltoota dagalaa midhaan waliin walfakkeenya qaban baayyisuun ykn qaccee sanyii irraa fudhachuudhaan midhaanota duraan madaqfaman waliin diqaalomsuun midhaan nyaataa keenya akka caalaatti kan jijjiirama qilleensaa dandamatan taasisuun ni danda'ama.

Kan jijjiirama bu'uuraa fidudha

Waggaa darbe, saayintistoonni qaccee sanyii qamadii 100,000 ta'an adda baasaniiru. Kun ammoo dhamaatii akaakuu midhaan nyaataa barbaachisoo jijjiirama qilleensaa dandamatan argachuuf taasifamuu keessatti "jijjiirama bu'uuraa kan fidedha" jedhamee yaadama.

Akka tilmaama Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti baayyina ummata addunyaa dabalaa jiru kan bara 2050'tti biliyoona 9.6 qaqqabu sooruudhaaf omishini qamadii 60% tiin dabaluu qaba.

Saayinsiin moodeloota herregaa qaccee sanyii midhaan nyaataa jijjiirama qilleensaa dandamachuu danda'an adda baasaa jira.

akka addunyaatti, baankiiwwan gurguddoon qonnaa qaccee sanyii midhaanii kuufatanii qaban saamudota miliyoona torba ta'an qabachuun sanyii barbaadame argachuun akka marfee citaa keessa barbaaduu cimaa taasiseera jedhu.

Gareen qorattoota US akka bira geenyeerra jedhanitti ammoo jijjiiramni qilleensaa bara 2070'tti midhaanii gosa margaa ta'an saffisaan haala haarawaa ta'etti of jijjiiruun dandamachuu danda'u.

Akaakuun sanyiiwwan midhaanii fuuldurri isaanii hin beekamneefi shakkii keessatti argaman keessaa qamadiin, boqqoloon, ruuziifi mishingaa kunneen soorata ummata addunyaa kanaa walakkaa kan ta'u keessatti argamu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata