Waggoota miliyoona lama dura da'umsi 'kan ammaarra salphaa' ture

Daa'ima reefuu dhalattu Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Daa'ima reefuu dhalattu

Da'umsi kan dhala namaa lubbu qabeeyyii biroo caalaa yeroo dheeraa kan irra turu, dhukkubbii cimaas kan qabu, deggersas kan barbaachisuufi yeroo tokko tokko ammoo guyyootallee kan fudhatudha.

Lubbu qabeeyyiin fakkaattii namaa qaban kan akka chimpaanziin (gosoota jaldeessaa) garuu ciniinsuu salphaa ta'eefi sa'aatii gababaa keessatti maaliif ofiidhuma isaaniin da'uu danda'uree?

Gaaffii achii dhuftee adeemsa tirannaa kana deebisuu yaaluudhaaf, saayintistoonni miseensi lubbu qabeeyyiin hidda sanyii namaa waliin walfakkeenya qaban akkamiin akka da'aa turan ilaalaa turaniiru.

Akka qorannoon durirraa kaasee haftee boososaarratti gaggeeffame mul'isutti, lubbu qabeeyyii hidda sanyii namaa waliin walfakkeenya qabaniif waggoota miliyoona lama dura da'umsi "salphaa" tureef.

Sanyii dhala namaa Australopithecus sediba, jedhamu waggoota miliyoona 1.95 dura Afrikaa Kibbaa keessa jiraataa tureef, "bir-qabaan da'umsi salphaa akka tureef" argineerra jechuun ogeessi dhimma kanarratti qoratte Dr Nataliyaa Ladwudikina ni dubbatu.

"Mataafi qoleen daa'ima dhalattuu guddaadha jedhamu ulaa gadameessaa baay'ee dhiphaadha jedhame keessa darbuudhaaf bakka bal'aatu jira," jetti qorattuun kun.

Kun har'a yeroo hangiifi boci mo'oo (lafee gadameessaafi ulaa da'umsaa gidduu jiru) kan nama ammayyaa kun baayyee xiqqaa waan ta'eef waan rakkisaadha. Mataan daa'imaa yeroo guddaa ta'utti kun caalaa rakkisaa taasisa.

Daa'imni kan dhala namaa osoo hin dhalatiin dura yeroo ciniinsuu kallattiidhaan ba'uurra si'a baayyee gaggalagalu.

Image copyright Laudicina et al, 2019
Goodayyaa suuraa Achii dhuftee da'umsaa ilaaluu

Achii dhuftee adeemsa tirannaa dhala namaa keessaa da'umsi dhala namaaf caalaa rakkisaa ta'aa dhufeera.

Akka hayyuun Antiroppoloojii Yunvarsiitii Boston ibsanitti, Luusiin (Australopithecus afarensis) kan sanyiin A. sediba taate caalaa adeemsa da'umsaa baayyee rakkisaa ta'e keessa dabarte.

"Da'umsi dhala namaaf suuta suutaan 'salphaarraa' ykn isa da'umsa qamalee/jaldeessaa fakkaaturraa gara da'umsa amayyaa rakkisaadha jedhamutti akka jijjiirameeru yaadama jira," jetti Dr Nataliyaa Ladwudikina . Hayyuun kun argannoo qorannoo garee kanaa barruu Plose One jedhu irrattis dhiyeessaniiru.

Gaaffii achii dhuftee da'umsa ammayyaa deebisuun walxaxaadha kan jettu dubartiin kun, kanaaf ammoo tokkoo tokkoon haftee lafee boososaa dhala namaa hidda dhala namaa maatii rakkoo da'umsaa mata isaanii qabanii agarsiisu jette.

Bara har'aallee akkamitti akka dubartoonni da'an kan tokkoo warra kaanirraa addadha.

Dubartoonni tokko tokko haala salphaa ta'eefi tasuma osoo yeroo isaan hin fudhatiin yommuu da'an, kanneen biroon ammoo dhukkubbii baayyee hamaa ta'eefi sa'aatii 20 ol fudhatuun booda da'u.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata