Lakkoofsi Simbirrootaa Ameerikaafi Kanaadaatti waggoota 50 keessatti biln sadiin xiqqaate

Gosa shimbirrooo Baltimoor Oriyool Faayila Laab Koornel Ornitolojii keessaa Image copyright Gary Mueller, Macaulay Library at Cornell Lab of O
Goodayyaa suuraa Ameerikaan Kaabaa erga 1970 as shimbirroota biliyoona hedduu dhabde

Ameerikaafi Kanaadaa keessatti qofa erga bara 1970 as lakkoofsi shimbirrootaa biliyoona sadiin xiqqaateera jedha qorannoon jalqabaa.

Qorannoon lammaffaa weeduun shimbirroota Eeshiyaa rakkoo keessa gale kan jedhu yoo tahu oddoola Jaavaa, Indoonezhiyaa, keessa irra caalaa shimbirrootni bosona osoo hin taane holqa keessa jiraachaa jiru jedha.

Saayintistootni ammo qorannichi akka dammaqnuuf nu gargaara jedhan.

Shimbirrootni biliyoona sadii akkamiin badan?

Image copyright Brian Sullivan, Macaulay Library at Cornell Lab o
Goodayyaa suuraa Shimbirrootni baddaa hanga gammoojjii lakkoofsi isaanii xiqqaataa jira.

Qorannoon Kaaba Ameerikaatti gosaa fi bakka jireenyaa shimbirrootaa hunda kan lafa irraa, gammoojjii fi naannoo galaanaa irratti gaggeeffameera.

Shimbirrootni kunneen dhabamuuf sababa quubsaa kaa'uu baatus garuu sababa balleessaa dhala namaan bakka jireenyaa dhabuu isaanii irraa kan ka'edha kan jedhu irratti saayintisttotni waliigalu.

Dursaa qorannoo kanaa kan tahan Dr Keen Roosenbergi Ameerikaa irraa qorannoo lakkoofsa shimbirrootaa irratti gaggeeffame kan jalqabaa nama ibsedha.

Sanyiin shimbirrootaa tokko tokko akka badaa jiran ni beekan, garuu shimbirrootni haala jireenyaa naannichaatti madaqan lafa guutu jennee abdachaa turree jedhan.

Qorannicha kan gaggeessine sarveey ykn qorannoo bara 1970 irraa eegaluun Ameerikaa kaabaatti gaggeeffamaa ture walitti fiduun lakkoofsa isaanii irratti hojjechuu dandeenye jechuun BBCtti himan.

Kan nuyi arganne garuu akka malee shimbirroota dhabuu keenyadha jedhan Dr Roosenbergi.

Shimbirrootni yeroo hundaa raga oollus haaluma wal fakkaatuun badaa jiru jiedhan. Kun ammoo biyyoota kaan keessattis wal fakkaachuu danda'a jechuun.

Daldala faaruu shimbirrootaa

Image copyright Bernd Marcordes
Goodayyaa suuraa Dorgommiin faaruu Shimbirroo Indoonezhiyaa keessatti hedduu jaalatamaa taheera.

Bittaafi gurgurtaa shimbirroota weedduu-Heduun isaanii bosona keessaa qabamu. Eeshiyaa keessumaa odoola Jaavaa fi Indoonezhiyaa keessatti daldala guddaa taheera.

Qorannoo bara 2017 gaggeessineen daldalichi sanyii shimbirroota hedduu lafa irraa balleessaa akka jiru ilaalleera jedhan qorataan kun.

Shimbirrootni miliyoona 75 ol tahan madaqfamanii akkuma bineelda manaa kaaniitti taa'aniiru.

Heduun isaanii dorgommii weedduu shimbirrootaa gaggeesuuf itti fayadamu.

''Kun Kichawuu-Maaniyaa'' jedhamee beekama. Taatee kana irratti faaruun ykn weedduun shimbirrootaa holqa keessa taa'anii malaloo, guddina sagalee fi dheerina faaruu dhaggeesisaniin madaalama.

Dorgommii cimaa irratti abbaan qabeenyaa shimbirroo haala gaariin weeddisee badhaasa hanga £40,000 tahu mo'ata.

Aadaan kun akka shimbirrootni hedduun bosonaa qabamanii dhimma kanaaf oolan taasiseera.

Qorataan biraa Haarii Maarshaal daldalli doolaara hedduu argamsiisu kun dinagdee Indoonezhiyaaf deeggarsa guddaa taheera jedhe.

Kanaafuu bittaafi gurgurtaan shimbirroota faaruuf oolanii akka malee dabaleera jedhee sanyiin shimbirrootaa 200 ol tahan gurguramaa jiru jedhe.

Pirofeser Istuwarti Maarsiden Yuunvarsiitii magaalaa Maanchister irraa qondaaltotni Indoonezhiyaa shimbirroota qabanii mana jala ykn holqa keessa jiraachisuun akka waan jaalala shimbirroodhaaf raawwateetti ilaalu jedhan.

Kaka'umsi kun gara kunuunsuutti akka jijjiiramu gochuu danda'a jedheen amana jedhan.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata