Itoophiyaan saatalaayitii furguggisuuf turte gara Muddetti dabarsite

Jidduugala qorannoo Abizarvaatoriinaa Inxooxoo Image copyright ZACHARIAS ABUBEKER

Itoophiyaan saatalaayitii baatii Fulbaana kana keessa furguggisuuf turte gara Mudde 17, ALI 2012tti dabarsuu, Daariktarri Mummee Institiyuutii Saayinsiifi Teeknoolojii Hawwaa Itoophiyaa Dr Salamoon Balaay BBC'tti himaniiru.

Itoophiyaan jalqaba bara kanaarratti saatalaayitii qo'annoo dachii (Earth Observation Satellite) Chaayinaarraa furguggisuuf karoora qabachuunshee ni yaadatama.

Dr Salamoon BBC'tti akka himanitti garuu, Itoophiyaan sababii rooba cimaatiin buufata to'annoofi ajajaa (ground station) saatalaayitishee to'achu waan hindandeenyeef yaalicha taasisuu hin dandeenye. Kanaafuu guyyaan itti furguggifamu dabarfameera jedhaniiru.

Ijaarsi saatalaayitichaa yeroodhuma qabameef keessatti xumuramuusaa himanii, osoo bufanni to'annoo haalaan hinyaalamiin furguggisuun waan hindanda'amneef Chaayinaafi biyyoota walta'an kan biraa waliin mari'achuun gara baatii Muddetti dabarsuuf murteessuu himaniiru.

''Ijaarsi buufatichaa guutummaatti xumurameera. Kan nu hafu yaalii qofaadha. Muddetti guutummaatti ni xumurama,'' jedhaniiru Daariktarri Mummeen kun.

Saatalaayitiin kunis erga lafarraa gara hawaatti furguggifameen boodas dachii qo'achuun odeeffannoo haala suuraatiin erga. Haaluma barbaachisuunis odeeffannoon ni erga.

Afrikaa keessaa biyyoonni hanga ammaatti saatalaayitii furguggisan muraasa yoo ta'an, Itoophiyaanis tarree biyyoota kanneeniitti makamuuf waggoota sadan darbaniif qophii taasisaa turuunshee ni yaadatama.

Addunyaarratti biyyoonni buufata furguggisuu (Launcher) saatalaayita qaban muraasa yoo ta'an, Itoophiyaanis haaluma walii galtee Chaayinaa waliin taasifteen saatalaayiticha Chaayinaarraa kan furguggifamu ta'a.

Ogeessonni damee kanaa akka jedhanitti, saatalaayitiin kunis jijjiirama qilleensaa to'achuuf, osoo balaan uumamaa hinqaqqabiin dura raaguuf, nageenya eegsiisuufi kkf ni fayyada.

Haaluma kanaanis ragaalee haala qilleensaa, fi kan biraa walitti qabuun osoo balaan akka lolaa hinqaqqabiin dura raaguufi ittisuun ni danda'ama.

Dr Salamoonis waa'ee saatalaayitii kanaa yoo ibsan, fakkeenyaaf qonna ilaalchisee lafa qonnaa, waa'ee bishaanii, biyyoofi kkf irraatti suuraadhaan ragaa gadi fageenya qabu ni kenna. Ragaa kanarratti hundaa'unis naannoolee oomishutmmaan isaanii olaanaa ta'an adda baasuun haala oomishaa sirriitti beekuun ni danda'ama.

Itoophiyaa keessattis indastiriiwwan baballataa waan dhufaniin, warshaalee eessatti ijaaramu qabaatu? gaaffii jedhuuf ragaan saatalaayitii deebii ni kenna jedhaniiru.

Odeessa kana irratti dabalata