Yaman: UN kaka'umsa gareen 'Houthi' nageenya buusuuf agarsiisan deggere

Buufata boba'aa Sa'uudii Arabiyaa isa haleelame

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii wiixinee araaraa gareen Houthi Yaman kan Iraaniin deggeramu dhiyeesse deggere.

Waraanni qindaa'aan Sa'uudii Arabiyaadhaan deggeramu garee Houthi Yaman waggootaa dheeraaf haleelaa kan turan yoo ta'u fedhiin nageenya buusuu garee Houthi irraa dhagahamuunsaa oduu aagaati jedhe dhaabbati kun.

Erga buufataaleen boba'aa Sa'uudii Arabiyaa gurguddoon lameen haleelamanii booda kan ba'e wiixineen nageenya buusuu garee Houthi Yaman kun waraana yeroo dheeraa hambisuuf ergaa jabaadha.

Hdhattoonni Houthi haleellaa sana akka raawwatan wayita dubbatan, Sa'uudii Arabiyaa fi Ameerikaan garuu Iraan komataa turan.

Tahraan gamasheetiin halellaa waawwatame keessaa harka akka hin qabne ibsaa turte.

Waraanni Yaman keessatti erga eegalee namoonni 10,000 caalan ajjeefamaniiru, miiliyoona hedduutti kan lakkaa'aman ammoo qe'eesaaniirraa buqqa'aniiru.

Bara 2015 erga hidhattoonni Houthi Yaman pirezidaantii Yaman yeroo sana turan Abdrabbuh Mansour Hadi aangoorraa fonqolchuun magaalaa Sana'aa qabatanii as Sa'uudii Arabiyaa fi michuuwwan ishee waliin qindaa'uun haleellaa eegalan.

GAreen Houthis gamasaaniitiin qindaa'uudhaan humna jabeeffatanii Sa'uudii Arabiyaa fi muchuuwwan ishee haleeluu eegalan.

Gorsaa Olaanaan Dhimma Siyaasaa garee Houthi Mahdi al-Mashat ibsa TVdhaan kennaniin haleellaa Sa'uudii irratti geggeessaa turan kamiyyuu akka dhaaban dubbatan, Sa'uudiinis kanuma akka raawwattu ni abdanna jedhan.

Kaka'umsi nageenyaa kun kan deggeramu yoo ta'e nageenya buusuuf qophii ta'uu dubbatan.

Qaamoleen Yaman keessa jiran hunduu nageenyaa fi araara biyyattiirratti hojjechuu akka qabanis dhaamaniiru.

Image copyright Reuters
Goodayyaa suuraa Waamichi nageenyaa gareen Houthi dabarsan waggaa shanaffaa magaalaa guddoo biyyattii Sana'aa itti qabatan wayita kabajan kan darbeedha

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata