Jihaadistootni kaampii shaakala loltoota Ameerikaa Somaaliyaa jiru haleelan

Buufata leenjii loltoota Ameerikaa Somaalee jiru Image copyright Alamy

Jihaadistootni gidduugala leenjii loltoota Ameerikaa Somaaliyaa jiru bakka leenjii loltummaa koomaandoo haleelan.

Jiraattotni naannichaa akka jedhanitti dhohinsa gurguddaa fi dhukaasni cimaan Kibba Shabalee naannoo buufata xiyyaaraa Baledgooleetii dhagahamaa ture.

Miidhaanis akka dhaqqabeeru himameera. Hanga ammaatti namni meeqa akka du'eefi miidhame hin gabaafamne.

Al-shabaab konkolaataa irratti boombii hidhee galma kaampichaa irratti jalqaba akka dhoosee fi booda loltoota isaa ol galchuun haleellicha akka raawwate ibseera.

Qondaaltotni waraanaa ammoo hidhattotni kunneen duubatti akka deebi'an taasifamaniiru jedhan.

Al shabaab haleellaa ariifataafi ajaa'ibsiisaa tahe buufata leenjii loltoota Ameerikaa irratti fudhanne jechuun ibsa baase.

''Weerartootni ykn loltootni qulqulluun golgaa buufata waraanaa cimaa cabsuun kiruusederoota dabalachuun gidduugala leenjii guddaa haleelan.''

Addatti ammoo Moqadishootti gidduugalli waraanaa Xaaliyaanii boombiin haleelamee ture jedhan miniterri ittisaa Xaaliyaaanii.

Miidhaan dhaqqabe garuu hanga ammaatti hin gabaafamne.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata