Gaaddisni Hoggansa Oromoo maal murteesse?

Ibsa gaaddisa Hooggansa Oromoo Image copyright Jawaar Mohammad

Jaarmiyaaleen hoggansa Oromoo gaaddisa tokko jalatti walitti dhufanii dantaa ummatichaarratti hojjechuuf tibba kana walii galanii turan kora isaanii kan jalqabaa kaleessa gaggeeffataniiru.

Xumuura walga'ii kanaarrattis hayyu dureewwan paartileefi namoonni gameeyyii Gaaddisa Hoggansa Oromoo kana akka hundaa'uuf gumaachan ibsa kennaniiru.

Ija hamaan wal ilaaluun hafuu qaba...

Jaarmiyaaleen siyaasaa Oromoo walitti dhufanii dantaafi faayidaa ummatichaa giddu-galeessa godhatanii hojjechuuf waliigalanii gurmuu kana akka hundeeffatan kan dubbatan Itti-aanaan dura taa'aan ODP fi Dura Taa'aan Gaaddisa kanaa Obbo Lammaa Magarsaa, gara fuula duraatti waliin hojjechuuf bu'uura akka kaawwatan himan.

"Ija biraan wal-ilaaluufi barmaata badaa kanaan duraa keessaa baanee hanga saba Oromoodhaaf jennetti walhubanne, waldhaggeeffannee dhimma waloo keenyarratti waliin taanee hojjechuudhaaf haala gaariifi miira qajeelaatiin waliigalleerra. Waliigalteen keenya kunis kan abdii nuttis ta'e saba keenyatti horedha."

Waan irratti waliigalan kan qaamni tokko ykn qaamni lama qofaa hojjetu osoo hin taane hundi isaanii kan cimsanii qabachuu qabaniifi irratti hojjechuu qaban akka ta'e kan himan Obbo Lammaan qabxiileen ijoo walii galtee isaanii kun jijjiirama dhufe keessatti hundinuu waan gumaacheef hundinuus eeguufi ceesisuuf hojjechuu akka qabudha.

Jijjiiramni amma biyya kana keessatti dhufe qabsoo hadhaa'aafi obsa fixachiisaa sabni keenya waggoota dheeraadhaaf gaggeessaa tureen dhufe jedhan Obbo Lammaan.

Bu'aa qabsoo Oromoo hunduu eeggachuu qaba

"Kana keessatti ammoo qabsaa'onni jajjaboon qooda fudhachuun gatii guddaa itti kaffalanii, walumaa gala sabni Oromoo gatii lubbuu, gatii dhiigaa itti kaffalaa kan dhufedha.

Image copyright Getty Images

Jijjiirama callisee akkasumaan dubbatamu osoo hin taane gaaffiin saba keenyaa bu'uura irraa kan deebisu akka ta'u hojjechuun nurra jiras jedhu.

"Kanaaf, hanqina jijjiiramni kun qabu foyyeessuun waltumsinee milkaa'in isaaf waliin hojjechuu qabna."

Dura Ta'aan Kongiresii Federaalawaa Oromoo (KFO) Prof. Mararaa Guddinaa, "Sabni keenya mootummaa abbaa hirree dura dhaabbatee falmuun jijjiirama ofiifi uummata biyyaattiif waan fideef akkuma tokkummaan jijjiirama kana fide tokkoomee eeggachuufi gara fuula duraatti tarkanfachiisuus qaba jedhu.

Piroof. Mararaan saba Oromoo, keessumaa beektota Oromootti akkas jechuun ergaa dhaaman: "Tokkummaa Oromoo jabeessaa eegaa.''

Sabni kun jaarraa tokkoo olii booda mataa isaa kan ol-qabachuu danda'e tokkummaa isaatiin waan ta'eef, tokkummaa kana kunuunsinee jabeessinee akka ittiin laga ceenun jedha."

Kanaaf ammoo, karaa amma jirru kanaan hojjechuu jalqabneerra kan jedhan Piroof Mararaan, "Warra galma Minilik gales kan galche, nu warra mana hidhaa tuurres mana hidhaatii kan yaase, warra biyya alaa turanis kan qe'ee isaaniitti deebise humna Qeerroodha," jedhan.

"Humni Qeerroo kun humna haraadha. Saba Oromoo akka inni saba guddaafi kabajamaa ta'e agarsiiseera. Saba Oromoof qofaas miti, sabni biyya kanaas carraa har'a argatan kun akka dhufu gochuu danda'eera.

Kanaaf, tokkummaa Qeerroo keenyaa dantaa hin taaneen osoo hin hiriin tokkummaa kana eegnee, tiksinee, karaa itti agarsiifnee laga ceesisnaan jedha."

Waggoota 50 darba karaa hundaa qabsaa'onni Oromoo walirratti duulaafi, waltakkaalaa akka turame kaasuun, gara fuula duraatti garuu kun jijjiiramee karaa ammayaa ta'een hojjechuudhaaf daandiin amma jalqaban kun akka isaan gargaru himaniiru.

"Ol-aantummaan seeraafi bilisummaan yaadaa kabajamuu qaba''

Dura taa'aan ATWO B/J Kamaal Galchuu gama isaaniin gaaffiifi fedhiin Oromoo qajeelaa ta'e akka hin taanetti akka hubatamu taasifamaa turuun jijjiiramuu qaba jedhan.

"Gaaffiifi fedhiin Oromoo kan warra kaanii akka dhiibutti ilaalamuun rakkoo kan uume ta'uun baramee irratti hojjetamuu qaba. Kanaaf, ammoo nageenya sabaafi sablamootaa eeguufi eegsisuun nurra jira."

Nagaafi bilisaan yaadanii hojjechuuf nagana barbaachisaadha kan jedhan B/J Kamaal, nagaa ofii yeroo barbaadnutti nagaa warra kaaniis eeguun nurra jira jedhu.

"Ol-aantummaan seeraafi bilisummaan yaadaa kabajamuu qaba. Sochiin taasifnu maartinuu yaadaan garaa gara ta'ullee walkabajuun taasisuun barbaachisudha."

Waldhabdeen Oromoo gidduutti uumamee hanga sibiila walitti kaasuurra ga'uun qaanii guddaadha kan jedhan B/J Kamaal, dhimma kana akka jaarmiyaa isaaniitti xiyyeeffannoo dursaa itti kennanii hojjechaa jiru.

"Rakkoon waldhabee jaarmiyaalee siyaasaa Oromoo gidduutti uumame rakkoo hunda keenyaa waan ta'eef osoo yeroo itti hin kenniin furuu qabna.

Uummanni keenya nagana ba'ee, nagana gala hin jiru, rakkoof saaxilamuu deema, harka namaa gara eeggachuutti deemaa jira. Kanaaf, kun kan boor osoo hin taane har'a furru ta'uu qaba."

Sirni federaalizimii sab-daneessaa tikfamee dimokiraatawaa ta'uun fala

Obbo Daawud Ibsaa gama isaaniitiin ummata Oromoo giddu-galeessarraa dhiibamanii erga buqqa'anii booda waggoota dheeraan booda deebiyanii handhuura isaaniirratti Irreecha kabajachuun isaanii milkaa'ina guddadha jedhu.

ABOn sirna federaalizimii sab-daneessaa kun yeroo caasefametti keessaa ga'ee akka qabaataa turan ibsuun, sirna cunqursaa keessaa nu baasa jedhamee hojiirra oolellee garuu sirnichi dimokiraatawaa ta'uu dhabuu isaaniitiin deebisee rakkoo uume jedhan.

"Kanaan alattis sirna federaalizimii sab-daneessaa kana mormuudhaan isatu rakkoo nutti fide jechuudhaan duubatti nu deebisuudhaf kan yaalan ni jiru," jedhan.

Sirni federaalizimii sab-daneessaa kun tikfamee, dimokiraatawaa taasisuun fala waara'aadha.

"Kana irratti ammoo jaarmiyaaleen Oromoo wal tumsuu qabu. Sabaafi sab-lammoonni sirna kana ofitti fudhatanii jiranis waliin ta'uudhaan hojjechuu feesisa."

Korri isaan gaggeeffatan kun jal-bultii Irreechaa kan waggoota 150 addaan cite deebiyee yeroo jalqabu irratti ta'uun isaa abdii akka isaanitti horeefi tokkummaa amma tolfatan kanaafillee agarsiiftu akka taatetti abdii isaanitti horuu dubbatan Obbo Leencoo Lataa ammoo.

'Amma garuu milkoofneerra...'

"Ani nama carra qabeessadha jedheen yaada. Sababiin isaa jiraadhee ija kootiin kanuma arguukootiif. Jaarmiyaalee Oromoo yeroo hedduu walitti fiduudhaaf yaalee itti hin milkoofnen ture. Amma garuu milkoofneerra."

Gaggeessitoonni paartilee siyaasaa Oromoofi hayyuleen kunneen ummata Oromoofi Itoophiyaa maraan baga ayyaana kabajuu jaallannu Ayyaana Irreechaatiin isin ga'e jechuun hawwii gaarii ibsaniiru.

Odeessa kana irratti dabalata