Irreecha 2019: Taateewwan shan yaadataman keessaa

Irreeffattoota alaabaa Abbaa Gadaa qabatan

Irreecha bara 2019 duraafi duubaan Hora Finfinneefi Hora Arsadiitti kabajamee oolee taateewwan gurguddoofi hawwatoo ta'an keessumsiisee nagaan ofkaleera.

Wantoota Irreecha baranaa addatti akka yaadatamu taasisan keessaa qaxii shan.

Irreechi Hora Finfinnee jaarraa tokkoofi walakkaan booda kabajamuu

Sirna jala bultii Irreecha Hora Finfinnee Addabaabaayii Masqalaatti gaggeeffamerratti Kantiibaa Itti-aanaa magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaa 'Ijji baddus iddoon ijaa hin baddu. Waggaa 150n booda asitti irreeffachuutti deebine,' jedhan.

Hora jahaan Oromoo Tuulamaa keessaa Horri Finfinnee hora isa hangafaati. Irreechi Hora Finfinnee waggoota 150 booda magaala Finfinneetti deebiyeera.

Iti-aanaan Pirezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa haasawaa jala bultii ayyaana Irreechaa Hora Finfinneerratti taasisaniin, Oromoon bakka yeroo jalqabaatiif itti cabe Hora Finfinnetti jaarraa tokkkoofi walakkaan booda deebiyee irreeffachuu danda'uun isaa milkaa'ina addaa akka ta'e dubbataniiru.

Sabaafi sablamoonni Itoophiyaa hedduun irratti hirmaachuu

Image copyright AP

Irreecha lamaan kan Hora Finfinneefi Hora Arsadiitti gaggeefame bara kanaa sabaafi sablammoota Itoophiyaa kan hawwatee ta'ee darbeera.

Kabajamaa sabaafi ummatni Oromoo miiliyoonotaan lakkaawamu golee afranirraa irratti walga'an kana irratti sabaafi sablammoonni akka aadaa isaanitti faayamanii irratti hirmaatanii dabarsaniiru.

Sabaafi sablammoota hedduu hawwachuufi ayyaana hedduu isaan gammachiise ta'uun isaa ammoo Itoophiyaa akkamii guddisuun akka barbaachisu agarsiiseera jedhan Pirezedaantiin Itti-aanaa mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.

Ayyaanni Irreecha ayyaana nagaa, tokkummaafi dhiifamaa ta'uu isaa qabatamaan mul'isuun danda'ameeras jedhan.

Lammiileen Itoophiyaa waliif yaaddoo osoo hin taane waliif foon, irreefi humna akka ta'an aadaan isaanis kan waliinii ta'uu ayyaana kanarratti agarsiisaniiru jedhan Obbo Shimallis.

Faayidaan hawaas-diInagdee Irreechaan qabu daran dabaluu

Irreecha bara kana Hora Finfinneefi Hora Arsadeetti kabajaman lamaanuu namoota fagoofi dhiyoo walitti fideera.

Ummata Oromiyaa keessa kallattii Bahaafi Lixarraa, Kibbaafi kaabarra jiran qofaa osoo hin taane kan biyya alaa jiranillee ayyaana Irreechaa irratti walarganiiru.

Itti-gaafatamaa waajira Aadaafi Turiizimii Magaalaa Bishooftuu Obbo Goobanaa Siidaa: "Irreechi gaaddisa Oromummaa, gaaddisa tokkummaafi bakka Oromoon maal qaba jedhu itti mullatudha," jedhu.

Akka Obbo Goobanaan jedhanitti, kaleessa Oromoon giddu-galeessa jiruufi kan warra akka Matakkal, Raayyaafi guutuu Oromiyaarra jiru wal hin beeku ture. "Kanaaf, Irreechi bakka tokkummaafi barumsi itti argatamudha. Keessumaa Horri Arsadee bu'uuraafi ka'umsa tokkummaa Oromoodha.

Irreechi saba Oromoo dhiibbaa alagaan waggoota dheeraaf waldagateefi quba waldhabe akka deebiyanii hariiroo qabaatan kan taasise Irreecha Hora Arsadee akka ta'u Himan Obbo Goobanaan.

Kana malees, faayidaan Irreechi dinagdee keessatti qabus cimaa dhufeera. Namoonni Irreecha irratti hirmaatan yeroo ammaa Oromoo qofaa osoo hin taane sabaafi sab-lammoota hedduu hawwataa dhufeera kan jedhan Itti-gaafatamaan waajira Aadaafi Turiizimii Bishooftuu, madda galii gama tajaajilaafi turiizimiitiin argamu sirriitti daddamaqsuu isaa himu.

"Kanaaf, Irreechi gama dinagdeetiinillee waan gumaachu qaba."

Uffata aadaa Oromoofi faayaawwan Irreechaa waliin walqabatan hunda yeroo dhiyeessanitti namoonni aadaafi qabeenya hawwaasichaa beeksisuu cinaatti madda diinagdee taasifataa akka dhufan dubbatan.

Obbo Daani'eel Goobanaa Finfinneetti namoota uffannaa aadaa Oromoo qopheessaan keessaa tokkodha.

Ayyaana Irreechaatiif fedhiin namootaa diizaayiniiwwan haaraa waan barbaadaniif akkaatuma fedhii isaaniitiin uffannaa aadaa kana oomisha akka turan dubbatu.

Waggoota dheeraaf Finfinneetti uffata aadaa gurguruun kan beekamtu Boontuun fedhiin uffata aadaa Irreecha baranaa kan baroota kanaan duraarraa jijjirama qabaachuu dubbatti.

"Irreecha baroota darbanii irratti hamma kana namoonni keenya dafanii hin dhufan ture. Amma garuu namoonni gareedhaa, godinaan, mana hojiitiiniifi akkaataa adda addaatiin gurmaa'anii dursanii nu ajejaa turan. Kaka'umsa guddaatu dhufe" jetti.

Irreechi bakka Oromummaan itti guduunfatamu ta'uu agarsiiseera

Oromoon waan mana barumsaa keessatti hin arganne, mana amantaa keessatti hin arganne, kan bakka kamittuu hin arganne itti argatamudha.

Irreechi bakka Oromummaa itti guduunfatanidha kan jedhu Obbo Goobanaa Siidaa, waggootan darban kana keessa Irreechi dhaloota sabboontotaafi of ta'an omishaa deema."

Irreechi hunda caalaa bakka Oromummaa itti gudunfatan ta'uu isaa wanti agarsiisu tokko Oromoonni lamummaa biyya biraa qabanillee irratti argamuun dhaamsa Oromummaa dabarsaniiru, fudhataniirus.

Kanaaf ammoo fakkeenyi gaariin gareen Oromoota Keenyaa miseensa Paarlaamaa biyyattiin durfame Irreecha Hora Finfinneerratti argamanii gammachuu qabaniifi hawwii Oromoota Keenyaa keessa jiraatanii dhaamsa dabarsaniiru.

Sagantaawwan torban Irreechaa keessaa qophaa'an hawwachaa deemuu

Guyyaa ayyana Irreechaa dursa torbeewwan muraasni qophileen adda addaa gaggeeffamuun baratamaa dhufeera.

Isaan keessaa dorgommii Fiigicha Irreechaa Guddicha, kora adda addaa aadaafi dudhaa oromoo guddisuurratti, baazaariiwwan, waarii artiifi konsartiiwwan gara garaa Irreechi waggaa waggaan dhufu hedduu hawwataafi kan yaadatamu taasiseera.

Imalawwaan miillaan dargaggoonniifi namoonni Hararirraa, Jimmaafi Shaashamanneerraa hanga Finfinneetti taasisanis waan namoota hedduu hawwataniifi dhimmoota yaadatamanii daran keessatti argamu.

Irreecha Hora Finfinneetti jaarraa tokkoofi walakkaan booda deebiye kana akka addaatti yaadachuuf waan namoonni kan isaanitti tolu taasisan keessaa qophiin cukkoo kiiloomeera afur dheeratus galmaa'ee darbeera.

Bara itti aanus taateewwan haaraan akka galmaa'an eegamuu malu.

Kan baranaa kan bara egeree nuun yaa jedhu!

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata