Diinagdee Itoophiyaa: Qaala'iinsi jireenyaa Itoophiyaa eessatti dhaabbata laata?

Midhaan gabaa keessatti gurgurtaaf dhiyaate Image copyright Getty Images

Qaala'iinsi gatiin shaqaxaafi jireenya waliigalaa yeroo gara yerootti dabalaa dhufuunsaa jiraattoonni nu yaachisee yoo jedhan, xinxaltoonni diinagdee ammoo dhimmi kun xiyyeeffannaa barbaachisu kennamuuf dhabuun waan ta'u miti jedhu.

Gatiin shaqaxaafi jireenyaa garmalee dabalaa dhufu ilaalchisuun midiyaaleen biyya keessaa irra dedeebiin gabaasaa turaniiru.

Akkasumas qondaaltoonni mootummaafi kanneen dhimmichi isaan ilaalattuus tarkaanfiiwwan haalicha ni fura jedhan garaa garaa fudhachuu wayita dubbatan ni dhagahamu.

Fakkeenyaaf, baatii Caamsaa keessa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti sadarkaa itti aanaa kantiibaatti itti gaafatamaan biiroo Industriifi Daldalaa kan ta'an Injinar Ingidaawarqi Abbixee, magaalatiitti meeshaalee ijaarsaa, miidhaan dheedhiifi ashaakiltii irratti daballiin gatii mullachuu himanii ture.

Akka furmaataattis daldaltoota seeraan alaa dhimmicha harbeessaniiru jedhan seera qabeessa akka ta'an gochuu, kanas hin hinrawwannee to'achuuf ammo garee hojii raawwatu tokko hundeessuu isaafi rakkinicha haala walitti fufiinsa qabuun hiikuuf ammoo sirna dhiyeessii sirreessuun hojiiwwan bulchiinsi magaalichaa raawwatu ta'uu ibsaniiru.

Haa ta'u malee ammoo tibba ganna keessa gatii shaqaxaa itti caaluun dachaan guddateera. Keessattu baatii Hagayyaa keessa daballiin gatii shaqaxaa mullate kan waggoota jahan kana duraa akka caalu himameera.

Jiraattoota Magaalaa Finfinnee haalli daballii gatii shaqaxaa kun kallattiin jireenyasaanii irratti dhiibbaa taasisee keessaa tokko Gaashu Markabu tokko. Gaashuun magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Lidataa kan jiraatu yoo ta'u, waggoota kudhanii oliif galii konkolaachisummaa taaksiin argatuun maatiisaa bulcha ture.

Haa ta'u malee, ''daballiin gatii shaqaxaa dhiheenya kana ta'aa jiru humnaa ol natti ta'aa jira'' jedheera.

''Daballiin gatii shaqataa guyya guyyaan dabalaa dhufeera. Ani taaksii hojjadhee maallaqa qabadhee galulleen waan baayyee ittiin bitachu si hindandeessisu'' jechuun BBC'tti himeera.

''Kanfaltii mana barnootaa, qaala'iinsa gatii midhaanii kan abdii nama kutachisaa jiru natti fakkaata,'' jedheera.

Sodaa isa dhufuu

Gaashuun abbaa ijoollee afurii yoo ta'u, intallisaa kan jalqabaa waggaa 12 yoo taatu kutaa jaha baratti. Ijoolleen sadii hafan ammoo olmaa daa'imaatii fi sadarkaa tokkooffaa barataa jiru.

Waggoota darba keessaa ijoollee isaa hunda man barnootaa dhuunfaatti barsiisaa kan ture yoo ta'u, amma garuu haala qaala'iinsa jireenyaatiin walqabatee kanfaltiiin waan itti ulfaateef mucaa isaa tokko mana barnootaa motummaa galchu dubbata.

Daa'imman lamaan hafan ammoo mana barnootaa dhaabbilee miti motummaan deegaramuufi kanfaltiinsaa gadaanaa ta'e galchusaa dubbata.

Ijoollee saa sadaniif tokko tokkoosaaniif ji'aan qarshii 300 kanfala.

Ijoolleensaa isaa keessa tokko qofti mana barnootaa dhunfaatti barachuu akka itti fuftu taasiseera. Ishee tanaafis waggaatti kanfaltiin mana barnootaa waggaatti birri kuma 10 akka ta'u dubbata.

Image copyright Getty Images

Kanaan alattis baasiin meehaalee barnootaa, uffanaa dambii, nyaataa yoo itti dabalamu, baayyee cimaa ta'u dubbata Gaashuun.

Kanaan alattis baasiin kiraa manaa jira. ''Lubbu keenya tursiisuuf hojjataa jirra malee jiraachaa jirra jedhee hin yaadu,'' jedha haala keessatti argamu yoo ibsu.

Haala kanaan itti fufinaanis gara fuula duraatti attamiin ijoolleesaa barsiisuu akka danda'urratti asumaa achi sodaan akka itti dhagahamu hima.

Qondaalee siyaasaa ammoo jedha Gaashuun ''haala siyaasaa isaaniin alatti wayita waa'ee jireenya iyyeessaa kaasuu dubbatan ani hanga ammaatti dhagahe hinbeeku.

Waa'ee fedhii mataasaaniin alatti takkaa wayita dhimma jireenyaa, waa'ee qulluubbii ykn kan keessa kee xuqu yoo dubbatan dhagahee hinbeeku,'' jedha.

Haaluma yaada Obbo Gaashuun kaasan kanaan wal fakkaatuun, wayita biyyattiin filannoo gaggeessuuf adeemaa jirtu kanatti waltajiiwwan siyaasaa irratti waa'een qaala'iinsa gatii shaqaxaa bakka ta'u qabaatu kennamuuf hafuun kan nama dinqisiisu ta'u xinxalaan imaammata qabeenya dinagdee Amiin Abdallaa ni dubbatu.

''Filannoon jiraatuus jiraachuu baatus, qormaata motummaa biyya kamiyyuu kan ta'u, ilaalchiwwan 'macro-economy' lamatu jira. Kunis qaalaa'insa gatiifi hojii dhabummaa.''

Qondaalonni siyaasaas wayita dhimma hojii dhabdummaafi qaalaa'iinsa gatii irratti wal morman dhagahee hinbeku jedhu Amiin. 

Dhimmoota tasgabbiinsa fi dinagdee biyya tokkkootiif murteessoodha jedhun kanneen xiyyeeffannaa olaanaa dhabuunsaanii ''dhimmi mummeen kan dagatame nati fakkaata'' jechuun akka isaan yaachise dubbatu.

Rakkina dhiyeessittii omishaa

Xinxalaan imaammata qabeenyaa Amiin Abdallaa akka jedhaniitti qaalaa'insii gatii yeroodhaa gara yerootti dabalaa akka jiruuf ragaaleen ni mullisu jedhu.

Bara bajataa biyyatti darbee baatii Adooleessaa keessa gatiin shaqataa parsantaa 15 ol gahee akka ture kan dubbatan Obbo Amiin, baatii Hagayyaa ammoo gara parsantaa 18'tti ol guddachu dubbatu.

Haalli daballii gatii kunis isa guddaa waggoota jaha darban keessatti mudateedha jedhu. Daballii gatii kanaafis gatii nyaataa, keessatti gatiin miidhaanii dabaluu akka sababaatti eeru.

Kana malees dhabiinsi tasgabbii naannoolee omisha hafaa omishan keessatti mudate, tajaajilli geejjibaa haalaan argamu dhabuufi kanaanis haala walqabateen omishi haala barbaadamuun dhiyaachu dhabuunsaa rakkina umameef sababa ta'u akka hinollee Amiin ni tilmaamu.

Haala qaala'iinsa gatii kana to'achuuf tarkaanfiiwwan lama fudhatamu qabu jedhu. ''Tokko gana dhiyeessitiin yoo ta'u, kan biraa gama fedhiitiin,'' jedhu.

''Gama fedhiitiin baasiin motummaa hirrataa dhufeera. Guddinni akka bara darbanii waan hinjirreef, maallaqni dinagdee biyyattii keessatti gadhiifamu ni hirrata. Haa ta'u malees gama dhiyeessitiin jijjiramni hangas maraa ta'e waan jiru natti hinfakkaatu,'' jechuun BBC'tti himan.

Omishni haala barbaadamuun argamu dhabuunsaa dabaluu gatiif akka sababaatto kan ka'u yoo ta'u, oggeessi kun garuu walitti hidhiinsa omishaafi dhiyeessitii jiddu jiruurratti rakkinni jiraachu himu.

"Qonnaan bulaan Omishee gatiin inni omishasaatiif argatu fi gatiin erga magaalaa gaheen booda itti gurguramu baayyee garaa garummaa qaba. Fakkeenyaafis gatii qonnaan bulaan tokko omisha muuzii kiloo tokko itti gurguruufi erga magaalaa gahee itti gurguramaa jiru kaasuun garaa garummaa gatii jiru hangam olaanaa akka ta'e bsu.

"Baasiiwwan faddaltootaa, tajaajilaa, geejiba, kiraa mana kusaa fi kkf olaanaa ta'u dubbatu. Kanaafuu haalli dhiyeessitti kun hanga seera hinqabanneetti, gatiin omishaale ol ka'uunsaa hinolu'' jedha Amiin.

Qaalaa'iinsa omishaalee alaa galfamanii to'achuuf dorgommi daldalaa sirreessu, akkasumas eegumsa bitattootaa cimsuutu barbaachisa jedhu.

Dhaabbilee fi namoonni dhunfaa omishaalee biyya alaatii galchan dameewwan hindarratti lakkoofsaan muraasa ta'unsaanii gatii irratti kan barbaadamu caalaa dhiibbaan akka umamu daandii bana jedhu Amiin.

Gatiin omishaalee biyya alaatii galfaman kan dabaluuf tarii sababii hirrina sharafa alaatiin ta'u danda'ulleen, dhugaan biyya keenyaatti mullataa jiru garuu, qaala'iinsa gatii sababii sharafa alaatiin dhufuu maluun oliidha. Kunis baayyee yaaddeessaadh jedhaniiru.

Haalli qaala'iinsa jirenyaa kunis haala kanaan ilaalamee callifamu hinqbaatu ejjannoo jedhu qabu oggeessi kun.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata