Fayyaa: Cuunfaan timaatimaa attamiin dandeettii dhalchuu dhiiraa foyyeessa?

Tomato puree Image copyright Getty Images

Qabiyyeen 'Lycopene' jedhamuufi cuunfaa timaatimii keessatti argamu qulqullina isparmii dhiiraa akka dabalu qorannoon tokko ifa taasise.

Dhiirri fayya qabeessi guyyaatti dhangala'aa ykn juusii timaatimii fal'aana lama ta'u akka dabalataatti fudhatu tokko qulqullina isparmii fooyya'ee akka qabaatu ibsa qorannichi.

Dhalchuu dadhabuun dhiirootaa maatii ijoollee godhachuu hindandeenye walakkaa kan ta'an akka miidhu hima qorannoon kun.

Qorattoonni dhala godhachuu akka jedhaniitti, qorannoon dhiirota dhalchuuf rakkina qaban hirmaachisu baayyee taasifamu qabaata jedhu.

Gorsaan NHS namoota rakkina dhalchu qabanii akka jedheetti, haala jireenyaa fayya qabeessaa fi uffannaa jalaa ballaa akka uffatamu yaada kennaniiru.

Kana malees hanga danda'ameetti dhiphina hirrisuu fi wayita haati warraa saanii tibba itti ulfaa'u dandeessutti akka quunnamtii saalaa taasisan yaada kenneniiru. Kunis carraa ulfeessisuu ni dabala jedhu.

Yaadni sooranniifi qabiyyeen nyaataa dandeettii dhalchuu dhiiraatiif akka gumaatu amma bu'uura argataa jira.

Dandeettiin dhalchuu dhiirootaas nyaataan alatti haalawwan fayyaa kan biraa, kan akka dhukkuba onnee hirissuu fi kaansara muraasa wajjiinis walitti hidhama.

Image copyright Getty Images

Gareen qorattotaas deegarsa dabalataa kenna jedhu. Kunis sababii lycopene nyaata keessa jiru gara qaamaatti fudhatamuuf cimaa ta'uuf dhiiroonni hundi hanga barbaachisuu guyyaatti fudhachu qabu jedha.

Namni hammantaa lycopene' barbaachisu argachu barbaaduu tokkos guyyaatti timaatimii kiloo lamaa sorachu qabaata. T

'Baayyee jajjabeessaadha'

Yaalii torban 12'f taasifameen, dhiroonni 60 akka tasaa filataman akka lycopene microgaram 14 guyyaan fudhatan taasifaman.

Wayita wallaansicha eegalanittis hammantaan isiparmii isaanii kan qoratame yoo ta'u, dhumarrattis ilaalameera.

Dhumarrattis namoota wallaansicha keessatti hammataman haalli isiparmiin isaanii itti socho'u fi fayyummaan isaa baayyee geedarumsa gaarii agarsiise.

Dr Liz Wiliyaams, Yunivarsitii Sheefildiitti speshaalisitiin soorata namootaa fi qorannicha kan ogganee akka jedheetti, ''Wayita ammaatti gorsi kennuufi dandeenyu baayyee muraasa.''

''Akka dhugaatii alkoolii fudhatan xiqqeessaniifi nyaata fayya qabeessa ta'e soorataniif ni gorsina. garuu kun ergaa baayyee waliigalaa ta'eedha.

Akkasumas "qorannoon kun baayyee xiqqaa ta'ulleen ammas isa irra deebii'u hinbarbaadnu. ta'us bu'aan argame baayyee kan nama jajabeessuudha,'' jettee jirti.

Andrew Diraakeley Hospitaala Dubartootaa' Jiddu gala 'Fertility Hewitt' Daarektar wallaansaa akka jedhaniitti, ''haala fayyina abbaa warraafi haadha warraa fooyyeessaa jiru. Kanaafu wallaansa baayyee baasii gaafatu irraa akka ofi eegan gaafanna.''

Gwendaa Burns dhaabbata tola oolaa 'Fertility Network, jedhamurraa ''Qorannoon kunis sadarkaa jalqabaa isaarratti qulqullina isparmii dabaluuf abdii kan kenne ta'us, haala dandeettii dhalchuu dhiiraa irratti hubannoo olaanaan gara fuula duraatti kan bira gahamu ta'a''.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata