Maalaawiitti poolisiin 'dhakaadhaan reebamee ajjeefame'

Poolisoota Maalaawii Image copyright AFP

Poolisiin Maalaawwii gaafa Kibxataa naannoo buufata daldalaa Imsundaaweetti dhukaasni mormitoota mootummaa irratti wayita baname ajjeefame jedheera.

Dubbii himaan poolisii Jeems Kaadaadazerbaa poolisiin Usumaanii Imeedii jedhamu ''hokkora uumtootaafi yakkamtootaan'' dhakaadhaan ajjjeefame jedheera.

Poolisiin kun mormitoota warra karaa Imsundaawee geessu cufan dura bu'ee falmaa ture jedhan.

Mormitoonni kunneen Pireezidaantii biyyattii Piitar Mutaarikaan erga filannoo falmisiisaa baatii Caamsaatti gaggeessan mo'atan booda, isa amma hiriira deeggarsa gochuuf jedhan dhaabuu barabaadu.

Mormitoonni, akkaataa filannoon biyyattii gaggeefame irratti dheekkamsa qabu.

Ministeerri Dhimma Biyya Keessaa Niikolaas Daawusii erga mormitoonni karaa cufaniin booda imaltoonni kaan immoo akka karaan banamuufi gaafatan.

''Poolisiin achi yeroo gahu hanga poolisii tokko lubbuudhaan dhabnutti dhakaa itti roobsaa turan.

Poolisiin isaan bittimsuudhaaf gaasii imimmaanessu haa gadhiisuyyuu malee ''irra deddebi'anii wal kurfeessaa dhakaa darabchaa turan, ''poolisii isa ajjeesan immoo iddoo tokko siiqsanii hanga du'uttii dhakaan dhahani'' jechuun poolisiin AFPtti hime.

Sababii kanaan hanga yoonaa namoonni 12 qabamuufi kanarras hidhaan itti fufuu akka danda'u miidiyaan biyyattii gabaaseera.

Pireezidaantichi boodarra magaalaa guddoo biyyattiitti hiriira taasisuun uummatni akka tasgabbaa'u gaafatan. ''Kuni biyya keenya. Biyya immoo hin gubnu'' jedhan.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata