Tarkiin Siiriyaa keessatti 'haleellaa akka bantu hin heeyyamne'- US

Waraannii Tarkii Siiriyaa lafa Kurdoonni qabatanitti haleellaa bananiiru Image copyright Getty Images

Waraanni Tarkii Siiriyaa keessatti bakka Kurdootni jiraatanitti fulla'uun haleellaa banuu eegaleera. Ameerikaan hayyama hin kennine jetti.

Ministirri Haajaa Alaa Ameerikaa Maayik Pompiiyoon Tarkiin haleellaa akka bantu hayyama hin kennineefi jedhan.

Murtee Doonaald Tiraamp loltoota isaanii naannoo daangaatii baasuuf fudhataniis Pompiiyoon sirrii akka ta'e himaniiru.

Pireezidantiin Tarkii Tayiip Erdohaan gama isaaniin loltootni Tarkii haleellaa banuu kan eegalan naannoo daangaatti ''uumamuu ulaa shororkeessummaa ittisuufi'' jedhaniiru.

Waraanni Tarkii hidhattooota Kurd naannichaa qulqulleessuun ''naannoo nagaa'' baqattoota Siiriyaallee qubachiisu tolchuufi.

Milishoonni Kurd gama isaaniin haleellaa kan ofirraa qolachuuf jecha loltoota Tarkii waraanuutti jiru.

Milishoonni Kurd, Siiriyaa keessatti duula IS'n injifachuu keessatti gahee guddaa bahaniiru, kanaaniis Ameerikaa waliin michummaa gaarii uumaniiru.

Image copyright Reuters

Tarkiin haleellaaf qophaa'uu ishee hordofee Tiraamp diinagdee biyyittiirraan dhiibbaa akka geessisan dhaadatanii ture. Karoorichaaniis ''yaada badaa'' jedhaniiru.

Dubbii sana booda Tiraamp ibsa miidiyaaleef kennaniin warri Tarkii fi Kurd barootaaf wal haadhaa turan. Waraanota gurguddoo akka waraana addunyaa lamaaffarratti miti Kurdi kan nu gargaaran jedhanii, garuu ammoo warra Kurdii ni jaalannaa jedhaniiru.

Yaada loltoota Ameerikaa baasuuf Traamp qabatan Ripaablikaanootnis, Deemokraatotnis deeggaraa hin jiran.

Roobi kaleessaa magaalaaleen Siiriyaan qilleensarraan haleelamaanii, jiraattotni kumaatamaan lakkaawan qe'ee isaaniirraa baqachuuf dirqamaniiru.

Haleellaa kanaan namootni nagaan 5 ajjeefamuu, 25 ammoo madaa'uu milishoonni Kurd ibsaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata