MM Abiy badhaasa Noobelii 2019 mo'atan

MM Dr Abiy Ahimad Image copyright Getty Images

Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) badahaasa Noobelii nagaa bara 2019 mo'achuun barameera.

MM Abiy mo'icha kanaan badhaafamaa Noobelii 100ffaa ta'uun saanii barameera.

Shammarree umurii waggaa 16 kan taate intalli lammii Siwiidiin fi mirga jijjjirama qilleensaatiin beekamtuus kanneen badhaasicha ni mo'atu jedhamuun eegamaa turan keessaa tokko turte.

Badhaansi Nobeelii kunis waggaa waggaan dameewwan fiziiksii, Kemstirii, wallaansaa fi ogbarruutiin kennama.

Keessumaayyu badaasichi kan kennamu namoota baatiiwwan 12 darban keessatti hojiiwwan ilmaan namaaf kabaja kennan kanneen hojjataniifiidha.

Kana dura Eenyutuu badhaa kana fudhatee?

Badhaafmaan badhaasa Nobeelii nagaa MM Dr Abiy dura mootii Haayila Sillaaseetti aanuun hogganaa Itoophiyaa lammaffaa badhaasa kanaaf kaadhimamaniidha.

MM Abiy kaadhimamtoota bara kanaa badhaasicha mo'achuuf abdii qaban keessa akka jiran baldhinaan dubbatamaa jira.

Haayila Sillaasseen badhaasa Noobelii kaadhimamanii kan ture waggaa 80 harraa dura bara 1983 akka ture ragaan marsariitii badhaasa Noobeelii irraa argame ni mul'isa.

eenyummaan namoota kaadhimamaanii wagga shantama booda ifa kan bahu ta'us, Kaadhimamuun Abiy ammaa kun dhugaa yoo ta'e hogganaa Itoophiyaa badhaasichaaf kaadhimaman lammaffaa ta'u.

Yoo akkuma haas'amaa jiru injifachuu danda'an ammoo Pirezidantii Lammii Itoophiyaa badhaasa kana injifatan kan jalqabaa ta'u.

Kaadhimamuun Haayila Sillaaseen badhaasa kanaatiis mootiiwwan seenaa badhaaasichaa keessatti dhiyaatan jaha keessaa tokko turan.

Badhaasni MM Dr Abiyi itti kaadhimamaaniru jedhamee abdatamu kun har'a sagantaa Nooriweey Magaalaa Oslootti gaggeefamuurratti ifa ta'a. Badhaasiiwwan Noobeelii gara biraa garuu kan kennamu Siwiidiin magaalaa Istokholmiitti.

Namoonni damee adda addaatiin badhaasa Noobelii bara kanaatiif mo'ataniis badhaasa kiroonarii Siwiidiin miliyoona sagal ykn doolaara Ameerikaa kuma 900 ol ni badhaafamu.

Waa'ee badhaasa Noobeel irratti waan muraasa

Badhaassawwan dhaabbileen namoonni dameewwa adda addaarratti hojiiwwan olaanaa raawwatan waggaa waggaan itti badhaasan keessaa badhaasni Noobelii isa tokkoodha.

Alfireed Noobel Sadaasa 18 bara 1888 jedha dhaamsaa mallatteessaniin qabeenyaan qabu irra caalaasaa badhaasawwan Nobeel jedhamuuf akka oluu jechuun dhaamaniiru.

Dhaamsicharratti akka kaa'ameettis isaa keessaa tokko badhaasa nagaa yoo ta'u, 'namoota akka mootummoota jidduutti nageenyi akka bu'uuf cimanii hojiiwwan gurguddaa raawwatan, ykn kanneen hir'isuu miseensa waraanaafi nageenyi akka baballatuuf gumaata taasisanii haa kennamu'' kan jedhuudha.

Badhaasawwan Nobeelii nagaa hanga ammaatti kennaman

Bara 1901 irraa kaasee hanga harrattis badhaasiwwan noobelii nagaa 99 kennamaniiru. Erga badhaasichi eegalee boodas waggoota waraanni addunyaa lama itti gaggeefamaniifi sababiiwwan gara biraatiin yeroo 19f osoo hinkennamiin hafeera.

Dhaabbanni badhaasa Noobeel akka jedheetti tibba waraana addunyaa tokkoofi lammaffaatti badhaasi nagaa muraasni kan kennaman yoo ta'u, yeroo biraatti ammoo dhaabbileefi namoonni badhaasichaaf kaadhimaman yoo gumaatisaanii badhaasichaaf ni madala jedhamee hinamanamneedha kan hafe. Haala kanaanis maallaqni badhaasichaaf kennamuuf malu dhaabbatichuma harka akka turu taasifama.

Badhaasich dhuunfaafi waliin ni kennama

Badhaasni Noobelii Nagaa gara 67 ta'an namoota dhuunfaan badhaasicha mo'ataniif kan kenname yoo ta'u, 30 ammo kan namooti lama waliin badhaafamaniidha.

Badhaasiwwan lama ammoo namoota sadiif walitti akka gareetti kan kennameedha.

Badhaasni namoota sadiif kennamaniis bara 1994 fi 2011'tti yoo ta'u, inni jalqabaa hoogganaa Filisxeem Yaasiir Arafaat akkasumas Ministiroota mummee Isiraa'eel Shiimoon Peereeziifi Yitizaak Raabiin waliin kan fudhataniidha.

Inni lammaffaan ammoo Pirezidaantii Laayibeeriyaa Eleen Joonsan Sarliif, falmituu mirga namoomaa Laayibeeriyaa Leeyimaah Boowii fi gaazexessituu fi falmituu mirgaa lammii Yaman Taawaakolu Kaarmaan badhaasicha waliin qooddataniiru.

Badhaasichi namoota tokkoo oliif kan kennamus yoo ta'e, ammantaan maallaqichaa badhaafamtootaaf qoodama. Dhaabbanni badhaasicha kennus badhaasa tokkof namoonni badhaafaman sadii ol akka hinjiraane ni dhorka.

Image copyright Getty Images

Badhaasni Nobeel nagaa yeroo meeqaaf kenname?

Badhaasni Noobelii nagaa namootaafi dhaabbilee 133'f kennameera. Isaan keessaayis 106 namoota dhuunfaa yoo ta'an, 27 ammoo dhaabbileedha.

Gama dhaabbilee badhaasicha injifatan keessaa ammoo Koreen Fannoo Diimaa Addunyaa yeroo sadii badhaasicha kan argate yoo ta'u, Dhaabbata Motummoota Gamtoomaniitti Komishiiniin Dhimmoota Baqattootaa yeroo lama badhaasicha mo'ateera.

Badhaafamtu Noobelii nagaa umuriin xiqqoo

Lammiin Paakstaan shamarran barnoota akka argataniif kan carraaqqii taasifte Malaalaa Yusaafzaayi bara 2014tti badhaasa noobelii nagaa kan umurii waggaa 17'tti argachuun badhaafamtuu umurii xiqqoo kan jalqabaa taatee jirti.

Badhaafamaa Nobeelii Nagaa umurii guddaa

Dhalootaan Poolaandii lammummaan ammoo Ingilizii kan ta'e Jooseef Rootibilaat dhiibbaa meeshaan waraanaa Nikulaaraa siyaasa addunyaa keessatti qabu hirrisuuf gumaata olaanaa taasisaniif bara 1995'tti badhaasa Noobeeli Nagaa kana umurii isaanii waggaa 87'tti badhaafamaniiru.

Kunis jaarsa badhaasicha argatan kan jalqabaa isaan taasiseera.

Dubartoota badhaasa Noobeelii Nagaa kana mo'atan

Badhaasota hanga ammaatti dhuunfaan kennaman 106 keessaa dubartoonni injifatan 17 qofaadha. Yeroo jalqabaatiif badhaasichi kan kennamees akkuma badhaasichi eegaleen baroota muraasaan booda ture.

Kunis bara 1905'tti badhaafamtuun jalqabaa lammii Awustiraaliyaa Bartaa Voon Sitinar turte. Isheenis asoosama dheeraa barreessuu fi waraana mormuun beekamti.

Namoota yeroo tokkon ol badhaasicha mo'atan

Koreen Fannoo Diimaa Addunyaa hojiiwwan addunyaa irratti hojjatu dhaabbata kamu caalaa damee badhaasa Nobeelitiin beekamti itti argateera.

Fanoon Diimaa yeroo sadiif badhaasicha argachuun dursaa kan jiru yoo ta'u, hundeessaa kan ta'e Heenarii Dunaa ammoo badhaasa Noobelii Nagaa kan jalqabaa fudhachuun beekama.

Nama badhaasa noobelii nagaa hinfudhadhu jedhe

Namni siyaasaa fi lammii Veetinaam Lii Dichi To bara 1973'tti Ministira Haajaa alaa Ameerikaa waliin badhaasa Nobeelii nagaa kan mo'atan ta'ulleen badhaasicha hinfudhadhu jechuun kan jalqabaa ta'eera.

Namoonni lamaan kan badhaasichaaf itti filatamaniifis nagaan Veetinaam akka bu'uuf gahee olaanaa taasisuu isaaniif ture. Haa ta'u malee Lii Duchi To badhaasicha hinfudhadhu kan jedhan ammoo haala tibba sana Veetinaam keessa ture akka sababaatti eruun ture.

Osoo hiidhaarra jiran kan badhaasicha mo'atan

Namoonni sadii osoo hidhaarra jiranu badhaasa Noobel mo'achunsaanii ifa ta'eera. Isaanis lammii Jarmanii kan ta'e gaazexessaafi falmaa mirga namoomaa Kaaarl Voon Osiitiziikii, dubartii siyaasaa Barmaa kan taate Angi Saan Su kii fi Chaayinaatti mirga namoomaatiif kan falmu Liiyuu Sziioboo turan.

Du'aan booda kanneen badhaasicha mo'atan

Namni tokko erga addunyaa tanarraa du'aan boqatanii booda badhaasa Noobelii nagaa kan argatan jiru. Kunis bara 1961tti dura taa'aa Dhaabbata Motummoota gamtoomanii kan turan Daag Hamarshold turan.

Bara 1974tti booda garuu dhaabbatichi namoonni erga badhaasicha mo'atanii booda kan du'an yoo ta'e malee nama lubbuun hinjirreef akka hinkennamiine murte dabarse.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata