Hiriira nagaa: 'Uummatni kaka'uumsa isaatiin gammachuu isaa ibsachuuf baha'

MM Abiyyiifi obbo Lammaa Magarsaa Image copyright Waajira MM

Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa nageenya uummata guyyaa boruu guutuu Oromiyaatti MM Abiy badhaasa Noobeelii injifachuu isaaniif gammachuu ibsuuf bahuu eeguuf qophii ta'uu ibse.

MM Abiy Ahimad badhaafamaa badhaasa Noobeelii nagaa bara 2019 ta'uun erga ibsamee booda aanga'ootni dhaabbilee fi biyyoota garaagaraa erga baga gammadanii Ministira Muummee fi lammiilee biyyattiif dhaamaa oolan.

Miidiyaalee hawaasummaa irrattis lammiileen Itoophiyaa biyya keessaa fi ala jiran gammachuu fi miira itti dhagaahame ibsaa tura.

Godina Horroo Guduruu Wallagaa magaala Shaambuutti ammoo uummatni daandiitti bahee gammachuu isaa ibseera.

Ganama kanas Mootummaan naannoo Oromiyaa Dilbata dhufu uummatni gammachuu isaa daandiitti bahee akka ibsatu haala mijeessuu fuula fb waajira Kominikeeshinii naannichaarratti barreessuun beeksiseera.

Akka ibsa kanaatti ''hiriirri gammachuu fi deggersaa ganama sa'a 2:00 irraa eegalee magaalota gurguddoo godinaalee 20 fi bulchiinsa magaalotaa 19 keessatti gaggeefama.''

Dhimma kanarratti kan dubbifne Hogganaa Itti aanaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa Koloneel Abbaabaa Garasuu, ''Uummatni kaka'uumsa isaatiin gammachuu isaa ibsachuuf bahuu akka fedhu gaaffii waan dhiyeesseef qophiin nageenya isaanii eegsisuu taasifamaa jira'' jedhan.

''Mootummaan bahaa hin jennee, hin dirqisifnesi, nurraa kan eegamu ammoo uummatichi gammachuu isaa ibsatee nagaan akka galu gochuudha'' jedhan.

Gaheen mootummaa nagaa isaa eeguu waan ta'eef ''bahi hin bahiinii hin jennuus'' jedhan.

Nagaan akka xumuramufis qophii xumuruu nutti himan.

Odeessa kana irratti dabalata