'Booru Addabaabaayi Masqalaatti hiriirri gaggeeffamu hinjiru'

Komishinii poolisii Magaalaa Finfinnee Image copyright AA Police commission

Komishiniin poolisii Magaalaa Finfinnee guyyaa boruu Dilbata 13 bara 2019'tti hiriirrii Addabaabaayi Masqalaatti gaggeefamu omtu akka hinjirre beeksiiseera.

Komishinichi ibsa har'a fuula feesbuukii isaarratti baaseen akka himeetti, guyyaa boruutti hiriirri nagaas ta'e walgahiin Addabaabaayi Masqalaatti gaggeeffamuuf karoorfame tokkoyyuu jiraachu akka hinbeekne ibseera.

Odeeffannoon boru magaalaa Fnfinneetti hiriirri akka gaggeefamuufi kana ilaalchisuunis Komishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee daandiiwwan cufaman jiraachusaanii ibseera jechuun tamsa'aa jiru soba ta'usaa beeksiiseera.

Waan kana ta'eefu hawaasni guyyaa boruutti daandiin cufamu kamu akka hinjirree hubachuun sochiisaa idilee taasisuu akka danda'u beekiseera.

Qindeessaa hiriira borutti waamame jedhamuu kan ta'e Iskindirri Nagaa dhimmicharratti yaada akka nuuf kennuuf BBC'n gaafate, ''wayita ammaa kanatti eddoowwan garaa garaatti miseensoonni kiyya na jalaa to'atamaa jiruu'' jedhe.

Sababa kanaanis isaaniin ''hiiksiisuuf socho'aan jira, dhimmicharratti deebii kennuu hindanda'u'' jedheera.

Gama biraatiin ammoo guyyaa Dilbata booruutti guutuu Oromiyaatti hiriirri gammachuu kan gaggeeffamu ta'u, Fanaan waajjira kominikeeshinii naannoo Oromiyaa waabeefachuun gabaaseera.

Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad badhaasa Noobeelii nageenyaa bara Faranjootaa 2019 injifachuu isaanitiin booru Onkololeessa 2,2012 guutuu Oromiyaatti hiriirri gammachuu ibsannaa ni gaggeeffama jedhame.

Itti aanaan hogganaa Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Dheeressaa Tarrafaan akka ibsanitti, hiriirichi hiriira gammachuu ibsannaati.

Hiriirri gammachuu kunis godinaalee, aanaalee fi bulchiinsota magaalaa Oromiyaa maratti ni gaggeeffamu jedhaniiru.

Obbo Dheeressaan injifannichi kan ummata maraa ta'uu eeranii, daran tokkummaa ummataa cimsuun injifannoo caalmaatti cee'uuf ni gargaara jedhaniiru.

Odeessa kana irratti dabalata