Hidhaa Guddicha Itoophiyaa: Lakkoofsi tarbaayinoota sadii akka hir'ataniif yaaadni dhiyaate

Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa Image copyright GRAND ETHIOPIAN RENAISSANCE DAM

Lakkoofsi tarbaayinoota Hidha Guddicha Laga Abbayyaa 16 irraa gara 13tti akka xiqqaataniif yaadni dhiyaatee akka jiru hojii gaggeessaa ol-aanaan hidhichaa Injiiner Kiflee Hoorroo BBCtti himan.

Pirojektii bishaan irraa aannisaa maddisiisuuf waantota lamatu murteessaadha kan jedhan Injiiner Kiflee Horroo, inni jalqabaa bishaan hammamii waggaa keessatti kuufamee dhimma itti bahuun danda'ama kan jedhudha jedhan.

Kan lammaffaa ammoo bishaan kun humna akkamiin darbatamee tarbaayinii sana rukutee darba kan jedhuun murtaa'a jedhan.

Kun lamaan yommuu ida'amu hidhi guddichi laga Abayyaa waggaatti gidduugaleessaan aannisaa waattii biliyoona 15 fi 760 maddisiisuu danda'a jedhan injiiner Kifleen.

Mana keessatti ammoo fayyadamtootni kan barbaadaniifi humni ibsaas kan gurguru kiiloowaattiiidhaani jedhan. Kanaafuu hidha laga Abbayyaa kana keessaa aannisaa maddisiisnu hamma barbaadamu jenereteroota meeqaan fayyadamtoota biraan geessisuu dandeenya? kan jedhu qofatu ilaalamuu qaba jedhan.

Hidhi guddichi jalqaba aannisaa meeggaawaattii 6000 ol maddisiisuu danda'a jedhamaa ture. Injiiner Kifleen ammoo kun ilaalcha dogogoraa hoggantoota yeroo sana turaniin uumamedha jedhan.

Yaadni dogogoraa tures humni hidhichaa guddisuun ykn meeggaawaattii inni kennu lakkoofsaan guddisuun aannisaa maddisiisu akka dabaluu danda'utti ilaalamaa ture jedhan.

Annisaan kan argamu ammoo ol ka'insa bishaan guutamee sanaa fi yeroo gadhiifamu humna hammaiin tarbaayineroota rukutee darbuu danda'a kan jedhuun ilaalama jedhan.

Akkaataa hidhichi gaggeeffamaa jiruun ol ka'insi hidhichaa fi hammi bishaanii kuufamuu danda'u kan maddisiiuu danda'u waggaatti waattii biliyoona 15 fi 760 dha jedhan.

Kana lakkoofsa tarbaayinerootaas daballu ol kaasuun hin danda'amu jedhan, akkaataa hidhichi hojjetamaa jiruun.

Aannisaa hidhichi maddisiisuu danda'u jenereteroota 13'n fayyadamtoota biraan dhaqqabsiisuun danda'ama jedhan.

Gama biraan lakkoofsa jenereterootaa dabaluun aannisaa biliyoona 15 fi 760 sanatti dabaluu hin danda'u jedhan. Kanaaf qorannoo teeknikaadhaan lakkofsi jenereterootaa akka xiqqaatuuf yaadame jedhan.

Amma hidhichi aannisaa meeggaa waattii 5120 maddisiisa jedhan. Kanaaf kan jalqaba 6000 jedhame irraa waan xiqqeessu hin qabu jedhan. Sababni isaa kan ilaalmu aannisaa waggaattti hidhichi maddisiisu waan taheef jedhan.

Itoophiyaafi Masiriin dhimma hidha kanaa irratti yeroo baay'ee mari'ataa turan. Kan dhiyeenyaa garuu Masiriin wixinee dhuunfaa ishee akka dhiyeessiteefi hidhi Abbayaa waggaa meeqatti guutuu akka qabuufi hamma bishaanii akka gadhiifamuuf barbaaddu kan hammate ture. Yaadicha Itoophiyaanis akka hin fudhanne ibsitee ture.

Lakkoofsa jenereterootaa amma xiqqeessunis kana waliin tasumaa wal hin qabatu kan jedhan injiiner Kiflee Horroo lakkoofsa jenereterootaa dabaluun Masiriif faayidaa qaba jedhan.

Tarbaayinoota baay'ee kan dhaabnu yoo tahe akka hunda isaanii rukutee darbuuf hamma bishaanii guddaatu gadhiifama jedhan.

Bishaan gadhiifamu ammoo trabaayinoota rukutee achuumaan darba malee deebi'ee waan nu fayyadu hin qabu jedhanii amma yaadni dhiyaates maaliif tarbaayinoota dhaabuuf baasii guddaa baasna kan jedhu waliin wal qabateeti jedhan.

Lakkofsa tarbaayinerootaa kana yoo barbaachisaa tahe qoratamee yeroo kamittuu dabaluun danda'ama jedhanii garuu faayidaa addatti kennu hin qabu jedhan.

Dabalataan tarbaayinootaaf baasii guddaan bahu fayyadamtoota irrattis baasii dabala jedhanii baasii kana hanbisuun qabeenya biyyaa investimentii gara biraaf itti fayyadamuu qabna jedhan Injiiner Kiflee Horroo.

Hidhi laga Abbayyaa amma ijaarsi waliigalaa isaa %68.58 irra jira kan jedhan injiiner Kiflee Horroo bara 2013tti tarbaayinerota lamaan aannisaa maddisiisuu jalqabna jennee hojjechaa jirra jedhan.

Bara 2015tti ammoo ijaarsa fiizikaalaa hidhichaa xumuruuf akka yaadamee jirus himaniiru.

Odeessa kana irratti dabalata