Gaaffiin eenyummaafi ofiin of-bulchuu saba Qimaant eessaa garamitti?

Gondar

Bakkawwan gaaffiin eenyummaa saba Qimaant itti ka'anitti yeroo gara garaatti walitti bu'insi uumamee lubbuun namaa darbeera.

Namoonni hedduunis qe'eefi qabeenya isaaniirraa buqqa'aniiru. Gaaffiin saba Qimaant ammoo akkamiin gaafatamee deebii akkamiitu kennameef?

Gaaffii eenyummaafi ofiin of-bulchuu Qimaant durarraa

Sabni Qimaant akka caasaa bulchiinsa duriitti Kutaa Bulchiinsa Goondar kan yeroo ammaammoo Godina Goondar Giddu-galeessaa keessatti aanaalee argaman muraasa keessa saba jiraatudha.

Keessumaa aanaalee naannawaa magaalaa Goondar akka Aarmaachihoo, Wagaraafi Cilgaa keessa sabni Qimaant baayyinaan jiraatu.

Caaseffamni bulchiinsaa bara 1991 dura ture sabummaarratti waan hin hundoofneef qaama bulchiinsa Kutaa Biyyaa Goondar ta'ee saba Amaaraa waliin walmakanii jiraataa turan. Sabni Qimaanti bakkaafi bulchiinsi qofaatti daangeffamee kennameef akka hin turres ragaaleen ni mul'isu.

Ka'umsi gaaffii eenyummaa saba Qimaant maal?

Dhaabni biyya bulchu ADWUI'n erga aangoo qabatee booda Itoophiyaan sirna federaalizimii sab-daneessaa irra kan hundaa'eefi aangoon ammoo naannoofi federaalatti kan qoqqoodame taasifachuun ijaarratte.

Gaaffiin eenyummaa saba Qimaant erga sirni kun bara 1991 erga caaseffamee booda akka ka'e dhimma gaaffii saba kanaarratti qorannoo kan taasisan Obbo Chuuchuu Alabbaachoo ni ibsu.

Barreeffama "Gaaffii saba Qimaant eessaa garamitti-gaaffii eenyummaarraa jalqabee hanga ofiin of-bulchuufi paartii siyaasaa hundeessuutti" jedhu keessatti gaaffiin kun saba Qimaanti biratti fudhatama hin qabaanne jedhu Obbo Chuuchuun.

Kanaarraa kan ka'een, namoota gaaffii kana kaasaniif deebiin kennames, "yaadni qabattanii kaatan saba obbolaa Amaara waliin kan walitti nu buusudha waan ta'eef isin hin fudhannu," kan jedhu akka ture qorannoon ni agarsiisa.

Gaaffiin kun saba sanarraa fudhatama erga dhabeellee waggoota 15'f ukkaamfamee osoo hin ka'iin turuu isaa qorannoon Obbo Chuuchuun qoradhe jedhu kun ni agarsiisa.

Lakkoofsi ummataa A L I bara 1991 gaggeeffame garuu ammoo taatee haarawaa qabatee dhufe.

Gaaffiin eenyummaa saba Qimaant ka'uu baatus A L I bara 1884 lakkoofsa ummataafi manaa gaggeeffameen sabni Qimaanti addatti 'Qimaanti' kan jedhuun koodiin kennameefii akka lakkaa'ame Gorsaa Seeraan Ol-aanaa Pirezedaantii Bulchiinsa Naanoo Amaaraa Obbo Merihaatsediq Mokonnin ni dubbatu.

Haata'u malee, qofaatti adda bahee lakkaa'amuun isaa itti hin fufne. Lakkoosa ummataafi manaa A L I bara 1991 gaggeeffameen garuu koodiin ture haqamee 'Amaaraa ykn kan biroo' kan jedhamu jalatti sabni Qimaanti akka lakkaa'amu taasifamuu isaa ni yaadatama.

Haalli kun garuu mufii akka uumeefi gaaffileen dhiyaachuu jalqabuu kan dubbatan Obbo Merihaatsediq, A L I bara 2002 irraa jalqabee namoota iyyata qabatanii gara mootummaa naannoo dhufuu akka eegalan ibsu.

Itti-gaafatamaan Dubbi Himaa Koree Gaaffii Eenyummaa Qimaant Obbo Yirsaaw Chekkol yaada Obbo Merihaatsediq jedhan kana waliin waliigalu.

"Osoo Qimaant taanee jirruu maaliif 'kan biroo' jedhamne kan jedhuun walitti qabamnee gaafficha eegalle," jedhu.

Sagalee Qimaant harka dhibba keessaa shan ta'u, sagalee namoota 18,500 walitti qabuudhaan eenyummaan isaanii akka beekamuuf mootummaa naannichaatiif gaaffii isaanii dhiyeessuu ibsan Obbo Yirsaaw.

Gaaffiin eenyummaa Qimaant bifa qindaa'een kan dhiyaate yeroo sana ture.

Deebii gaaffii eenyummaafi ofiin of-bulchuu saba Qimaant

Gaaffii eenyummaafi ofiin of-bulchuu deebisuudhaaf manni maree pirezidantii akka qorannoon gaggeeffamu taasiseera. Akka barreeffamni Obbo Chuuchuu agarsiisutti, kaka'umsa mootummaa naannichaatiin koree hundeeffameen qorannoowwan lama A L I bara 2003 fi bara 2004 gaggeeffameera.

Qorannoo gaggeeffame sanaaf ammoo akka moodelaatti kan fudhatame bu'uura akkaataa gaaffiin eenyummaa saba Argobbaa deebii argatee booda aanaan adda saba Argobbaa ittiin hundeeffame akka ture dubbatu Obbo Merihaatsediq. Gaaffiin Argobbaa A L I bara 1998 deebii argatee aanaa addaa ta'uu danda'eera jedhan.

Qorannoon gaggeeffame jedhames A L I bara 2005 mana maree naannoo Amaaraaf akka dhiyaate kan dubbatan Obbo Merihaatsediq, kun manni maree naannichaa gaaffii eenyummaa saba Qimaant ilaalchisee marii gaggeessuuf kan jalqabaa ture jedhan.

Bu'uura heera mootummaatiin gaaffii eenyummaafi ofiin of-bulchuu deebisuudhaaf ulaagaaleen shanitu jiru.

Isaanis, aadaan waloo jiraachuu, afaan waliin ittiin walii galan jiraachuu, naannawaan sun kan waldaangessu ta'uu, qoor-qalbiin sabni eenyummaa isaaf gaaffii gaafate miseensa saba sanaati kan jedhee yaadu amanuufi xiinsammuu walitti firoome qabaachuudha.

Gaaffiin saba Argobbaa ulaagaalee kana kan guute ture jechuun ibsu Obbo Merihaatsediq.

Qorannaa san bu'uura godhachuudhaan, "sabni sun akka sabaatti jiraachuun isaa mirkanaa'ee beekamtiin yoo kennameefillee bulchiinsa keessaa akka ijaarratuuf bilisummaa kennuun garuu ulaagaa heera mootummaa hin guutu," jedhamee ijaarsi sun mana maree naannichaatii akka kufu taasifameera jechuun dubbatu.

Gaaffii eenyummaa deebisuuf akka moodeliitti kan fudhatame kan saba Argobbaa waliin walitti dhiheenya hin qabu jedhan Obbo Merihaatsediq.

Afaan Amaaraa waliin walitti makamuun maanguddoota muraasaan qofa kan dubbatamaa jiru Afaan Qimaaant akka hin badneef deebisanii guddisuuf yaaliin taasifamuus ni dubbatu Obbo Merihaatsediq.

Obbo Yirsaaw ammoo ulaagaa heerri mootummaa gaafatu guutuu isaanii ibsu.

Kan ittiin waliigalan afaan Amaaraa ta'ullee afaan Qimaant akka hin duuneefi qubsuma lafaa walitti aanee jiruufi qoor-qalbii ani saba Qimaant jedhee kan amanu jiraachuufi Amaara waliin walitti makamullee aadaa ofii isaa akka qabu ibsan.

Haaluma kanaan miseensota koree gaaffii eenyummaa gaafatan kan gammachiise hin turre. Murtee sana fudhachuu dhiisuunis iyyannoo isaanii gara Mana Maree Federeeshiniitti dhiyeeffachuu isaanii dubbatu Obbo Yirsaaw.

Manni Maree Federeeshinii ammoo mootummaan naannichaa akka irra deebiyee ilaaluuf deebisee kan erge yoo ta'u waggoota lamaa booda garuu A L I bara 2007 eenyummaan saba Qimaantiifi ofiin of-bulchuu hayyamamuu Obbo Yirsaaw BBC'tti himaniiru.

Gaaffiin eenyummaafi ofiin of-bulchuu Qimaant akkamiin deebiyee?

Naannoon Amaaraa A L I bara 2005 qorannoo gaggeesse jedhun gaaffiin eenyummaafi ofiin of-bulchuu saba Qimaanti ulaagaa kan hin guutnedha jedhus, naannoo sanatti rakkoon dhaabbachuu diduu isaatiin manni maree bulchiinsa naannichaa A L I bara 2007 akka irra deebiyamee ilaalamu taasiseera jedhan Obbo Merihaatsediq.

Akka Obbo Merihaatsediq jedhanitti murteen ture koree eenyummaa Qimaantiin waan mufachiise tureef walitti bu'insi uumamee lubbuun akka baduuf sababa ta'eera.

Haaluma kanaan Aanaa Armaacawu gara oliirraa gandoota 25, Aanaa Cilgaarraa ammoo gandoota 17 walumaa galattti gandootin 42 bulchiinsa ofiin of-bulchuu Qimaant jalalatti akka bulan murtaa'uu ibsu Obbo Merhaatsediq.

Obbo Merihaatsediq murteen kun heera mootummaa cabsuun karaa fagoo deemuun kan murtaa'edha jedhan. Haata'u malee, murteen kunis walitti bu'insi akka dhaabbatu hin taasifne.

Mufii gaaffii eenyummaafi bulchiinsaa Qimaant

Naannoon Amaaraa bulchiinsa Qimaant jalatti gandoonni 42 akka aanaa addaatti akka caaseffamuuf murteessuun Koree sana biraatti fudhatama akka hin argatiin Obbo Yirsaaw ni ibsa.

Gandootin 42 akka Aanaa addaa Qimaant jalatti bulan murteessuun gahaa miti jechuudhaan A L I bara 2007 keessa hiriirri bahamee ture.

"Gandoonni 42 kunneen mareefi siyaasaan murtaa'an malee kan ummataan murtee argatan miti," jedhanii amanu Obbo Yirsaaw.

Murtee ture sana fudhachuu diduudhaan irra deebiyuun koreen sun yeroo lamaffaatiif Mana Maree Federeeshiniitti ol-iyyatee garuu deebiin akkuma duraan ture ta'e.

'Mootummaan naannichaa akkuma jalqabeen xumuruu qaba' deebiin jedhu akka kennameef dubbatu Obbo Yirsaaw.

Walmormiin kun waggoota sadiif erga itti fufee booda A L I bara 2010 irra deebiyuun gaaffichi akkamiin furamuu qaba kan jedhun mootummaan naannichaa waliin walii galuu isaanii Obbo Yirsaaw ni dubbatu.

Haaluma kanaanis, koreen waloo gaaffii eenyummaa saba Qimaantiifi mootummaa naannoo Amaararraa walitti dhufuun hundeeffame gandoota dabalataa 21 akka Qimaant jala galan taasisuu dubbatu.

Haaluma walfakkaatuun gandoonni 21 kunneenis murtee ummataan osoo hin taane mareefi murtee siyaasaatiin akka ta'e dubbatu Obbo Merhaatsediq.

Murtee gandoonni gara bulchiinsa ofiin of-bulchu Qimaant akka ta'u gochuu

Koreen waloo kun Gondar Giddu-galeessaafi Gondar Lixaatti jiraattota gara gara keessa jiraatan waliin mariyateera. Gandoonni bulchiinsa ofii isaanii sagalee isaaniitiin murteeffachuudhaaf yaadanillee gandoota afur Cilgaa keessa jiran keessatti jeequmsi uumamee filannoon hin gaggeeffamiin hafuu ibsan Obbo Yirsaaw.

Gandoota kudha lamaan keessaa saddetirratti murteen ummata gaggeeffamee ganda tokko qofaatu gara Qimaantitti makame jechuun dubbattu Obbo Yirsaaw.

Gandi tokkittiin kun murtee ummataan kan gaaffii ofiin of-bulchuu saba Qimaanti keessatti kan murtee sagalee ummataatiin murtooftedha.

Jeequmsa uumamerraan kan ka'een gandoota afran murteen ummataa keessatti hin gaggeeffamiin hafan ammoo lama gara bulchiinsa duraan tureetti lama ammoo gara bulchiinsa saba Qimaantitti koree waloo kanaan murtaa'ee akka tures ni ibsu Obbo Yirsaaw.

Walumaa galatti gandoota 60 ta'an ture kan bulchiinsa ofiin of-bulchuu Qimaanti jala kan gale kan jedhan Obbo Yirsaaw, hojiin itti aanu bulchiinsa ijaarrachuu ture jedhu.

Gaaffii gandoota sadanii Qimaant

Koreen sun gaaffiin isaanii guutuun guutummaatti waan hin deebi'iiniif komii isaanii itti fufan. Keessumaa gandoonni sadii (Gubaa'ee, Jajjabittiifi Leencaan) jedhaman bulchiinsa Qimaant jala waan hin galleef murtee akka hin fudhanne Obbo Chuuchuun barreeffama isaanii keessatti agarsiisaniiru.

Obbo Yirsaaw yaada Obbo Chuuchuu kana waliin walii galu. Gaaffiin gandoota sadan sanarratti qabanis seeraan akka isaaniif hiikamuuf komii isaanii Mana Maree Federeeshiniitti dhiyeeffachuu dubbatu Obbo Yirsaaw.

Manni Maree Federeeshinii qaama kana ilaalu gara gandoota sanaatti erguun erga ilaalchisee booda akka Qimaantiif hin malletti murteessus, qaamni Mana maricharraa deemee qorate walabaafi kan sabaafi sablamootarraa ta'e waan hin taaneef sirrii miti jedhu Obbo Yirsaaw.

Gaaffiin ofiin of-bulchuu saba Qimaant barbaachisummaan isaa misooma saffisiisuuf kan jedhan Obbo Yirsaaw, "Sabaafi sablammoota biroo waliin walqixxummaan fayyadamuu, aadaafi dudhaa ofii guddifachuu akkasumas ummatichi nama ofii isaatiin filatuun akka bulu gochuudha," jedhu.

Gaaffiin Qimaant kun akkuma itti fufee jirutti Muummichi Ministiraa Abiy Ahimad erga gara aangootti dhufanii koree Qimaantiifi bakka bu'oota mootummaa naannoo of keessaa qabu dhimmicha garaa nagaatiin akka furamuuf yaada dhiyeessan.

Akka Obbo Yirsaaw jedhanitti, yaada MM Abiy dhiyeessan bu'uura godhannee koreen A L I Hagayya 2010 Goondaritti kora taa'e.

"Kora sanarra osoo jirruu humnoota nageenyaa naannichaatiin yaaliin ugguruu nurratti gaggeeffameera. Isaan boodas mootummaa naannichaa waliin walqunnamtii tokko malee addaan cite," jedhan.

Waldhabdeen sun akka furmaata hin arganneef kan sababa ta'e kana akka ta'e ibsan.

Odeessa kana irratti dabalata