Isheen Eenyu? 2: Hoggantuu Biyyoota Gamtoomanii damee dubartootaati Zabiib Kaavuumaa

Zabii mana duuba isheetti

Zabiib Kaavuumaan rogeettii mirga dubartootaa yoo taatu jireenya dubartoota Afrikaa fooyyeessuuf hojjetti. Koorniyaa, fayyaa wal-hormaataa, nagaa kabachiisuu fi ittisa HIV AIDS irratti hojjettee jirti.

Bara 2011 irraa kaasee hoggantuu olaantuu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kan damee dubartootaa tahuun tajaajilaa turteetti.

Dubartoota aangeessuudhaaf mootummoota, Waldaalee hawaasaa fi dhuunfaa waliin tahuun wal-qixxummaa koorniyaa fiduudhaaf hojjechaa jirti.

Barnoota Dhimma Alaatiin digiriii lammataa Yunivarsiitii Kolombiyaa irraa, digirii jalqabaa immoo Qo'annoo Ikoonomiksiifi Xiin-sammuutiin Yunivarsiitii Weestarn Ontaariyoo irraa argatteetti.

Muuxannoo hoggantummaafi seenaa dhuunfaa ishee BBC'f qooddeetti.

Zabiib Kaavuumaan jedhama. Haadha ijoollee dhiiraa lamaafi dubara tokkooti.

Abbaan warraa koo Pool Kaavuumaa jedhama. Keenyaa keessan jiraadha. Bahaa fi Kibba Afrikaatti hoggantuu itti-aantuu damee dubartootaa Biyyoota Gamtoomaniiti.

Yeroon jireenya tokko jedhee eegalu galma koo waanin beeku natti fakkaatu. Duubatti deebi'ee yoon ilaalu as kanin gahee adeemsa keessadha jedheen amana.

Ijoollummaa koo dhumattin garaagarummaa dhiirotaafi dubartoota gidduu jiru kanan arguu eegale.

Innis namoonni ilaalichi isaanii saalawwan lamaan kanaaf qaban adda adda tahuun bare.

Yeroo hunda wantootni raawwadhu hunda ragaan akkan dhiyeessu akka narraa eegamu nan hubadhe.

Haadha koo ilaalaa waanin guddadheef waan dhiiraaf dubartii irraa eegamu adda adda ta'uu dafeen bare.

Xiyyeefannoo ani ijoollummaa koorraa qabee dhimmoota kanaaf kennutu asiin na gahe.

Dhugaa dubbachuuf Biyyoota Gamtoomanii keessatti dhiisiitii dhaabuma tokko keessatti itti gaafatamummaa olaanaatiin nan hojjedha jedhee eegee hin beeku.

Jireenyi immoo sarara mataa ishee qabdiif kunoo dhaabbata qalbiin koo badaa hin jaalanne ture keessa hojjechaa jira.

Barnoota digirii maastarsii otoon barachaa jiruuti damee Biyyoota Gamtoomanii UNDP kan misooma irratti hojjetu keessa carraa shaakala hojiin argadhe.

Suutuma suutas, guddina argachaa itti gaafatamtuu olaantuu Keenyaan tahe, ergasii Biyyoota Gamtoomaniitti hoggantuu itti aantuu damee dubartootaa Bahafi Kibba Afrikaafi tahe.

Image copyright UN Women Kenya/Kennedy Okoth

Abjuu koo fiixaan baaseera jedheen yaada

Namoonni dhaabbata kana akkaan hojjedhu yeroo baran, ''waajira keessan dhiiroti jiruu?' jedhanii na gaafatu.

Dhaabbata dubartootaaf dhaabbatu gatii taheef dubartooti qofti waan hojjetan itti fakkata.

Dhuguma irra jireessaan dubartootadha garuummoo dhiironni nu waliin hojjetan jiru.

Gama hojiin yoo ilaalte dubartii tahuun qofaa isaatti bu'aa bahii qaba. Haa tahu malee iddoo ani hojjedhu baay'een isaanii dubartoota gatii tahaniif sababii saala isaaniif dhiibbaan irra gahu hin jiru.

Akkasis tahee garuu dubara tahuun ofiisaattuu rakkoo dha. Dubartiin yaadashee osoo hin sodaatiin ibsiti taanaanis rakkoo dha.

Anaanis 'ni koorta,' of tuultuu dha naan jedhu. Namoonni sababa xiqqoof dubbiif faara isaanii yoo sitti geeddaran agarta.

Fakkeenyaaf kutaa dubartoonni guutan keessa dhiirri tokko yoo jiraate akkaataan itti haasa'amuu fi yoo faallaasaa tahe akkatti tahu irraa gargari dha.

Anis akkaataan dubartii tokko ilaalu uffannaa, haala dubbiifi yaada dhiyeessituun daangessuu dhiisuu nan yaala.

Dura eenyummaa keenya baruu qabna achii immoo of taanee jiraachuu qabna jedheetan amana.

Iddoo hojii idileetti dhiiraafi dubartiin hojii wal fakkaataa qixxee akka hojjetan irraa eegama. Dubartiin tokko garuu gahee hojii tokko qofaa miti kan qabdu.

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
Isheen Eenyu? 2: Hoggantuu Biyyoota Gamtoomanii damee dubartootaati Zabiib Kaavuumaa

Jabduu tahuun waan baayyee nama gaafata. Barattuu yeroon ture fedhii Hindii daaw'achuun qaba ture.

Aadaa, amantiifi maatii dhaaf iddoon nuti qabnu waan wal natti fakkaatuuf garas imaleen ture.

Qofaa koo biyya sana waliin gahe. Jiraattoonni baayyeen isaanii xiqqoo itti bitaacha'ee ture.

Shamarree ta'uufi bifni koo adda ta'uusaa otoo hin tahiin hin hafne.

Biyya isaaniiti shamarreen tokko qofaashee biyya kutanii deemuu dhiisii karaa ganda ishee keessa jiruyyuu qofaa hin deemtu.

Image copyright UN Women Kenya/Kennedy Okoth

Gaaf tokko otoobisii yaabbannee otoo deemnu gurbaan natti hiixachaa miila koo yoo tuttuxuqu waanin godhun wallaale.

Sababiin isaa immoo otobisii hafuura hin baafachiifne keeessa ture kan turre.

Dhaabachuus tahe taa'uu hin dandeenye. Qooqaan immoo waliigaluu hin dandeenye.

Dubartii tahuun koo baayyee natti dhagahame. Haa tahu malee akka nama tokkootti iddoon barbaadetti argamuu akkaan danda'u keessi koo immoo na amana.

Kanaafi warra kaaniinis ''iddoo qabattanitti hafuura baafachuu, jiraachuufi dhuunfachuu qabdu'' kanin jedhu.

Akka nama hojii kanarratti bobba'e tokkootti yeroo hunda dubartoota gara wal-qixxummaatti dhiibuu qofa miti kan nuti hojjennu.

Sababiinsa nuti kan jennu waan dhiiroti godhan mara dubartooti haa godhan qofa osoo hin taane, dubartoonni waan tahuu barbaadan hunda ta'uudhaaf mirgi isanii haa eegamufidha.

Dubartoonni ijoollee isaanii guddisuuf filatan ni jiru, eeyyee kuni mirga isaaniti.

Kaan immoo qacaramanii hojjechuu, daldaluufaa fedhu taha kuni mirga isaaniiti haa kabajamuufi kan jedhudha hojiin keenyi inni guddaan.

Dubartoota aangeessu yeroo jedhamu warra waajjira keessa hojjetaniif yookiin daldalaniif qofa miti.

Dinqisiifannaafi kabaji nuti qabnu dubartoota murtaa'oo qofaaf miti.

Eenyummaa keenyaaf amanamoo tahuu qabna. Garaagarummaa qabaachuu keenyas hubachuu qabna.

Dhiiraafi dubartiin hundi wal-fakkaachuu hin qabnu. Dhimmi ijoon hundi keenyayyuu mirga namoomaa kabajuu qabna.

Miidhamni, cunqursaa, dirqiin gudeeduu haala kam keessattiyyuu ta'uu hin qaban. Falmiin hin barbaachisu.

Warri imaammata baasaniifi murtoo dabarsan mariifi hojii irratti hin hirmaatan yoo tahe sagantaaleen nuti hojjennu kan yeroo gabaabduu gatii taheef addaan cituun isaanii hin oolu. Kanaafi qofaa keenya hin hojjennu kan jennu.

Dubartoonni walii diina ilaalcha jedhu ni dhageessa. An garuu dubartoonni akka nama dhuunfaatti madaalamuu qabu jedheen amana.

Warri dhiiraa immoo durumaa qabee dhiiroti waa'ee nama dinqisiifatanii yeroo gaafataman haadhaafi akkoo isaaniirra hin darbu.

Maarree maaliifi jaalalliifi dinqisiiffannaa kana dubartoota kaaniif kan hin agarsiifane jechuun nan gaafadha. Kuni rakkoo haala guddisa keenyarraa waan darbu miti.

Maaliif yoo jette, dubartoonni kan yaadan dhiiroti immoo cimoo akka tahan yaadameti kan guddifamne.

Kuni ofiisaatti rakkoo hin qabu garuu amala lameen kana jaroota lamaan barsiisuu danda'uu qabna.

Odeessa kana irratti dabalata