Wiirtuun Qorannoo Aadaa Looreet Tsaggaayee G/Madihin Yunivarsiitii Ambootti eebbifame

Qola Kitaabaa Tsaggaayee G/Madin Image copyright Tsehai Publishers

Giddugalli Qo'annoo fi Qorannoo Aadaa Looreet Tsaggaayee G/Madihin Yunivarsiitii Ambootti eebbifame.

Yunvarsiitichi maqaa hayyuu aartii Tsaggaayee GabreMadihin Qawweessaatiin wiirtuu qorannoo fi qo'annoo aadaa bara 2011tti hundeessee ture.

Wiirtuun kunis qorannoowwan aadaa sabootaafi sablammoota biyyattii walitti qabuudhaan barsiisuu kan kaayyeffatedha.

Gamoo wiirtuu kana keessatti manni kitaabaafi galmi walgahii maqaa Looreetichaan moggaafaman ni argamu.

Pirezedaantii Yunivarsiitii Amboo Dr Taaddasaa Qana'aa wiirtuu kana bara 2011 hundeessuuf kan murteessine kaayyoo lamaafi jedhan.

"Kaayyoon jalqabaa dhaloonni haaraan hangafoota isaanii beekanii akka kabajaniifi.

Inni biraan namoota akkanaa kabaja kennineefii dhaloota akka Looreet Tsaggaayee hedduu horachuufi," jedhan.

Barattoonni gara yunvarsiitichaa dhufan kutaa biyyattii adda addaarraa kan dhufan waan ta'eef wiirtuun kuni carraa ittiin aadaa walii isaanii itti wal beeksisan akka uumus himan.

Sagantaa kanarratti kan argaman Ministir deetaan ministeera saayinsii fi barnoota olaanoo Dr. Saamu'eel Kiflee, biyyi kuni hayyuu ofii kabajuurratti godaansarra jirti jedhan.

"Biyya Looreet Tsaggaayee caalaa Pushkiiniif daandii moggaasuu filatte keessa jirra," jechuun ibsan.

Walaloo Looreetichaa 'ummanni walkabajee jiraatu na inaafsisa...' jedhu eeruunis, Itoophiyaan waggoota dheeraaf waan qabdu wallaaltee, hayyoota keenya kabaja dhoowwannee jiraachaa turre jedhan.

Tsaggaayeen ergaan inni aartiidhaan waa'ee waliin jiraachuu fi nagaa irratti barreesse yoomuu kan hin dagatamne ta'uus eeran.

Wiirtuuwwan akkanaa hundeessuunis tokkummaa biyyaa itti fufsiisuu fi hayyootaaf kabaja malu kennuu waan ta'eef, muuxannoo gaarii ta'as jedhan.

Sirna baniinsaa kanarrattis maatiin Looreet Tsaggaayee fi ogeeyyiin aartii beekamoon hirmaataniiru.

'Tsaggaayeen firakoo qofa osoo hin taane fira Itoophiyaa hundaati' - Hacaaluu

Looreet Tsaggaayee waliin bara 1970tti mooraa Yunivarsitii Finfinneetti walbaruu kan dubbate artist Abbabaa Baalchaa, Tsaggaayeen nama Afaan afuriin akka ajaa'ibaatti barreessudha jedhe.

"Tsagaayeen nama aartiiti, seenaas nibarreessa, aartii biyya kanaafi Afrikaa addunyaatti nama beeksisedha," jedha.

Tsaggaayee caalaa namni waa'ee Itoophiyaa dubbatee fi barreesse, baayyina sabootaatti kan amanu, uumama hundaaf kan barreesse hin jirus jedha.

Tsaggaayeen yeroo mufatee fi waa garaa hanqate Amboo dhufuu jaalata kan jedhu Abbabaa Balchaa, Yunivarsiitiin Amboo yoo nuuf heeyyame siidaa Looreetichaa mooraa kana keessa dhaabuu barbaannas jedhe.

Cimina inni tiyaatiraa fi aartii biyya kanaarratti gumaache yeroo ibsus "ani Looreet Tsaggaayee akka Sheekispiir Afaan Amaaraatiin nama deebise tokkoottin ilaala," jedhe.Looreet Tsaggaayee waliin firooma dhiigaa qabaachuu kan eere Artist Haacaaluu Hundeessaa gamasaan, Tsaggaayeen firakoo qofa osoo hin taane fira Itoophiyaa hundaati jedhe.

Yaadannoo isaatiif akka ta'uuf siidaan Looreet Tsaggaayee Ambo qofatti osoo hin taane handhuura Finfinnee irrattis dhaabbachuu qaba jedhe.

Looreet Tsaggaayee G/Madin ykn Roobaa Qawweessaa eenyu?

Looreet Tsaggaayeen bara 1928 Shawaa Lixaa naannoo Ambootti dhalatan.

Barreeffama og-barruutiif jaalala qabaachuu kan agarsiisan mana barnootaa sadarkaa 1ffaatti jedhama.

Umurii isaanii waggaa 16'n mana barumsaa Jeneraal Wiinget kan Ingiliizin deeggaramu erga galanii ammoo dandeettii aartii isaanii haalaan guddifachuu jalqaban.

Bara 1959 ammoo Ameerikaa - Kutaa Biyyaa Chikaagoo, Blackstone School of Law'tti carraa barnootaa argachuun deeman.

Booda gara biyyaatti deebi'uun Tiyaatira Biyyaalessaa dursuun hojii isaanii itti fufan.

Bara mootummaa Dargiis itti aanaa Ministira Aadaafi Turizimii tahuun yeroo gabaabaaf kan hojjetan yoo tahu, hundeeffama muummee Tiyaatiraa Yuunivarsiitii Finfinnee keessattis shoora olaanaa bahataniiru jedha odeeffannon waa'ee isaanii toora interneetii [Wikipedia] irraa arganne.

Looreet Tsaggaayee Gabramadihin walaloo, tiyaatira, taphoota gaggabaaboo fi dhedheeraa, diraamaa fi daayireektarummaan hayyuu haalaan beekaman turan.

Waa'ee Ateetee, sirna Gadaa, qaroomina ilmaan Kuush, galma Abbaa Gadaa, Awaash, Markaatoo, Tewodroos IIffaa, Abuna Pheexroos, Odaa, hojiilee Sheekispiir (Haamleetiifi Oteelloo), hojiilee jireenya ilma namaa, jibba, jaalala, gaddaafi gammachuufi kaanis barreessaniiru.

Sagantaa eebba Wiirtuu Aadaa Tsaggaayee G/Madihin Yunvarsiitii Ambootti kanarratti hirmaachuun akka isa gammachiise kan dubbate Lij Yaared, "Jireenya koo keessatti ar'a qofaan yunvarsiitiin seene.

Kanaan booda nama waliin walqixa dubbachuu nan danda'a," jechuun baacoon ergaa dabarfatera.

Nama kabajamaa akka Looreet Tsaggaayee G/Madihin lubbuudhaan kan hin jirre ta'ullee isa yaadachuun hedduu namatti tola jedheera.

"Ogummaa artiin qabuun fakii Fitawuraarii Abeebee Tufaa hojjedheen magaalaa isa keessa dhaabuuf fedheen ture.

Waa'ee Looreet Tsaggaayee G/Madihin kanaan durallee kanan yaadaa jiru jira. Fedhii ofii kootiin Wiirtuu kana ogummaa artiin qabuun nan miidhagsa."

Looreet Tsaggaayee G/Madihin osoo lubbuun jiranii akka yaadataman arganiiru ta'ee caalaa bareedaa ture kan jedhu Lij Yaared, namoonni hojii garii hojjetan osoo lubbuun jiranii yaadachuun baratamuu qabu jechuun Artist Haacaaluu Hundeessaa galateeffamuu akka qabu fakkeenyaaf maqaa dha'uun ibseera.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata