Qurxummiin erga bishaanii bahee guyyoota 3 turu Ameerikaatti yaaddoo fide

Gosa qurxummii 'Isneekfiish'' afaan isa bane mul'atu Image copyright United States Geological Survey handout
Goodayyaa suuraa Gosni qurxummii kuni qurxummii kaan nyaachuun alatti qilleensas ni hargana, lafarra bakka bakkas socho'a

''Gosa qurxummii hamaadha jedhame kana yoo agartan akka hin gadhiisne. Dafaa ajjeesaa lafa qorru kaa'aa. Bishaan keessaa bahus lafarra jiraachuu akka danda'u akka hin daganne.''

Kuni ergaa Waajjirri Qabeenya Uumamaa bulchiinsa Ameerikaa Joorjiyaa argamu dabarsedha. Gosni qurxummii kuni bulchiinsota Ameeerikaa 15 keessatti mul'ateera.

Qurxummiin Afaan Ingiliziin ''snakehead fish (Channa argus)'' jedhamee waamamu kuni dheeraafi furdaa yoo ta'u mataan isaa batteedha.

Fedhii nyaataa olaanaa kan qabu yoo ta'u gosoota bineensotaa kaanis ni miidha.

Waggaatti hanqaaquu 10,000

Qurxummiin kuni waan itti dhufe qurxummii biraa, raachas ta'e kanneen qajiibuu fakkaatan ni nyaata.

Image copyright United States Fish and Wildlife Service handout
Goodayyaa suuraa Gosti qurxumii kuni hanga saantimeetira 80'tti dheerata

Qurxummiin kuni hanga saantimeetira 80 dheerachuu kan danda'u yoo ta'u ni hargananas. Bishaan keessaallee bahe deemuu danda'a.

Kunimmoo bishaan bakka tokko jirurraa bahee bishaan gar biraa jiru akka seenu isa gargaara.

Yoo qurxummiin kuni bakka tokko qubate balleessuun nama dhiba. Dhaltuun gosa qurxummii kanaa waggaatti hanqaaquu hanga 10,000 hanqaaquu ni dandeessi.

Eessaa dhufe?

Biyyi qurxummii kanaa biyya Chaayinaa, Raashiyaafi Kooriyaadha. Gara Ameerikaatti dhufuun isaa erga beekame waggoota kudhanii oli.

Hanga yoonaa gosni qurxummii kanaa afur Ameerikaatti argamaniiru.

Akka qondaaltonni Ameerikaa jedhanitti namootatu gosa qurxummii kanaa bitee bishaan keessa gadhiise jennaan akkana baay'atan.

Lafa bishaanii bosona bulchiinsota Filooridaa, Niiw Yoork, Varjiiniyaa, Kaaliforniyaa, Maasaachuseetiifi Meerilaand keessattillee gosoonni qurxummii kuni argamaniiru.

Ergaa ummataaf darbe

Qondaaltonni bulchiinsa Joorjiyaa torban lama dura gaafa Onkololeessa 08, 2019 namni qurxummii baasu qosa qurxummii kana arguun isaa erga beekamee booda ergaa dabarsaniiru.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Weerara qurxummii kanaa to'achuuf qondaaltonni Ameerikaa gargaarsa ummata irratti haalaan barbaadaniiru

Waajjirri Qabeenya Ummataa bulchiinsa Filooridaa ergaa dabarseen qurxummiin kuni bishaan keessaa bahe jiraachuu akka danda'u, du'u isaaf akka ragaatti ummanni suuraa kaasuu akka qabuufi bakka argan barreessuu kan jedhan keessa jiru.

''Ergasii booda hordofuuf nu mijata,'' jedha ibsichi.

Bishaanii bahee akkamin jiraata?

Qurxummiin kuni akkamin lafarra akka jiraachuu danda'u Yunivarsiitii Biristol Yunaayitid Kingidam irraa Pirofeesar Maartiin Giinar akkanatti ibsu.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Gosni qurxummii kuni garee qurxummii qaama isaanii keessatti oksijinii kuufatan keessaa tokodha

''Eeshiyaatti bakka dhoqqee qabuufi oksijinii xiqqaa qabutti riphee jiraata. Bakkeewwan akka ruuzii itti biqilu fa'i,'' jedhu Piroofesar Giinar.

Jiraachuufis maloota adda addaa akka fayyadaman eeru.

Hayyuun kuni akka jedhanitti gosni qurxummii kuni giilii isaanii duuba bakka qilleensa kuufatan qabu.

Qurxummiin giilii isaatiin hargana, oksijiniinis achiin seenee baha. Qilleensa kuufatanis yeroo bishaan lafa jala seenan itti dhimma bahu jedhu.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Gosni qurxummii kuni lafa akkanaa irratti olii gadi deemuu danda'a

Bishaan keessaa bahanii harganuu danda'un isaanii immoo lafarra akka imalan isaan gargaara.

Bakkeewwan lafni jiidhaa yeroo gogutti qurxummiileen kuni irra socho'un gara qaama bishaan biraatti akka deeman isaan gargaara. Garuu yeroo dheeraaf hin turani jedhu hayyuun kuni.

Haa ta'u malee, gosa qurxummii kana qofaa miti kan bishaanii ala bahee harganu jedhu Pirofeesar Giinar.

Oksijinii xiqqaan bishaan keessa waan turuu danda'uf qurxummii kaanirraa humna horachuun isaan hubuu danda'a jedhu hayyuun kuni.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata