Namoonni qilleensa ho'aa keessatti caalaa dhukkubsatu

Condensation on a window Image copyright Getty Images

Namoonni dhukkuba yeroo dheeraa kan akka nyaataa lafee (arthritis) qaban irra caalaa guyyaa duummeessaatti dhukkubbiin akka itti dhagahamu qorannoon tokko mullise.

Akkuma aadttattis kan qorrii dhukkubbi cimsa jedhu jiraatulleen, garuu qorannoo dhiibbaa haala qilleensaa irratti hojjataman muraasatu taasifame.

Yunivarsitiin Maanchastar namoota 2,500 irraa odeeffannoo karaa bilbilaatiin irraa walitti qabamuun qorannoo taasiseen, akka guyyaa ho'aa fi dummeessaatti dhukkubbiin caalaa akka cimu hubateera.

Qorannichis kun maaliif ta'u danda'e kan jedhuu caalaa qorachaa jira.

Namoonni tokko tokkoos haala dhukkubbii jilba isaaniirratti itti dhagahamurraa ka'uun qofaa haalli qilleensaa guyyaa maala akka fakkaatu raagu danda'u. Fakeenyaaf, sababii qorraatiin muraasni miira buusaarratti itti dhagahamuun raagu.

Haa ta'u malees ammoo, garaa garummaa dhukkuubbii haala qilleensaa adda addaa keessa jiru maal akka fakkaaturratti qorannoo saansaawaan hingaggeeffamne. Qorannoowwan kana duraas baayyee muraasaa ykn kan yeroo gabaabaa turan.

Qorannoo amma 'Cloudy' jedhamu kana keessatti ammoo, qorattoonni namoota dhukkuboota artraayits (nyaataa lafee), fibromyalgia, boowwoo mataa cimaa fi dhukkuba neuropathic qaba 2,500 UK keessa jiraatan irratti hordoffii walitti fufa taasisaniiru.

Guyyaa guyyaanis miira dhukkubbi isaanitti dhagahamu kan galmeessan yoo ta'u, kunis gaggeefamaa kan ture baatiiwwan tokko hanga baatii 15 jidduutti bilbillisaanii haala qilleensaa isaan keessa jiran akka waraabu taasisuun hordofamaa kan tureedha.

Guyyoonni dummeessaayaa fi bubbee qabuus kan yeroo idileetiirra carraa jarreen kunneen akka dhukkubbiin itti dhagahamu taasisuu %20 ta'u qaba.

Kanaafuu, carraan guyyaa dhukkubbiin nama tokkootti dhagamu danda'u 100 keessaa harka shanii yoo ta'u, haalli qilleensaa dummeessaa fi bubbee qabuu ammoo carraa kana gara jahaatti ol guddisa jedhame.

Guyyaa dilallaa'aan ammoo dhukkuubbii ittii ni cimsa.

Ta'us ammoo dhukkuubbii hundi haala qilleensaa ykn rooba qofaan kan walqabatanii miti.

'Raaguu dhukkuubbii'

Pirofessar Wiil Diksan, Yunivarsitii Maanchistariitti Jiddugala qorannoo 'Epidemiology Versus Arthritis' irraa qorannoo kana ogganaa jiru. Akka jedhanittis: "Bara durii irraa qabee haalli qilleensaa dhukkubsattoota irratti miira dhukkubbii umuun dhiibbaa taasisa.

Image copyright Getty Images

"Namoonni tokko sadii ta'anii fi dhukkuba nyaataa lafee waliin jiraatanis dhukkubbiinsaanii haala qilleensaatiin akka itti cimu dubbattu.''

Pirofesar Doksan akka jedhaniitti, qorattoonni osoo haalli qilleensa dummeessa'aan attamiin dhukkubbiin akka walitti hidhata qabaatu qoratame karra kan banu ta'a.

Akkasumas haala raaguu dhukkubbi' taasisuuf dandeessisu irratti namoonni hubannoo akka uummatan taasisuun, haala dhukkubbii yeroo dheeraa irratti karoora akka baafatan ni dandeessisa.

UK keessatti namoonni gara miliyoon 1o ta'an dhukkuubba lafee kan qaban yoo ta'u, baayyeen isaanis guyyaan dhukkuba umamuu isaan jibbisiisuu akka isaan mudatu amanama.

Dr Isitefan Simpson, gama isaanitiin, walitti hidhama dhukubni nyaataa jilbaafi haalli qilleensaa qaban haala aadaa qofaan himama ture. Kunis hubannoo namootaa malee kan qorannoon adda baafame hinturre'' jedhu.

Qorannoon akkanaa kunis kan daandii haaraa saaquufi waan qabatamaa dhugaarra gahuuf murteessaadha jedhaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata