Hiriira mormii tibbanaan lakkoofsi namoota du'anii 67 gahe

Magaalaa Adaamaatti qofa guyyoota 3'n darbanitti reeffi 16 hospitaala Adaamaati baheera
Goodayyaa suuraa Hospitaala Adaamaati qofa guyyoota 3'n darbanitti reeffi 16 bahu ogeessi BBC'tti himaniiru

Hiriira mormii fi boodarra waldhabdee magaalota Oromiyaa tokko tokkootti dhalatee tureen lakkoofsi namoota du'anii 67 gahuu midiyaaleen gabaasaniiru.

Hiriirri mormii kuni kan eegale erga rogeessi beekamaa Jawaar Mohaammad eegdonni mootummaan ramadeef halkan qixxee kafamuuf akka ta'e ibseen booda ture.

Komishinarri Komishinii Poolisii Oromiyaa Kaffiyaalaw Tafarraa Rooyitarsiitti akka himanitti, kanneen du'an 67 yoo ta'an isaan keessaa 5 miseensota poolisiiti.

Poolisiiwwan du'an kunneen poolisii magaalotaa haa ta'an yookiin immoo poolisii Oromiyaa haa ta'an gabaasa kana keessatti hin eeramne.

Kanaan alatti, namoota du'an keessaa 13 humnoota nageenyaan yeroo ajjeefaman kanneen hafan walitti bu'iinsa gareedhaan raawwaten lubbuu akka dhaban gabaafameera.

Kunneenis dhagaa akkasumas uleedhaan kan ajjeefaman akka jiran maddeen garaa garaa BBC'n gabaasaa ture.

Ajjeechaa kana booda Raayyaan Ittisa Biyyaa magaalota rakkoon dhalatetti nagaa kabachiisuuf akka sosso'e ibseera.

Qondaaltonni magaalota garaa garaa BBC'n dubbise akka himanitti yeroo hiriirri mormii taasifame gareen biraa hiriira gara hookkaraatti maqsaa ture jechuun walitti bu'iinsi uumame jechuun himatu.

Kanneen du'an alatti kaan hedduu kan ta'an akka madaa'an akkasumas kanneen rakkoo uumuu keessatti qooda qaban jedhaman akka to'atamaa jiran qondaaltonni miidiyaalee biyya keessaaf ibsaniiru.

Naannoo Oromiyaa keessa magaalota akka Adaamaa, Amboo, Dodolaa, Kofalee, Baroodaafi kaanitti ajjeechaan raawwateera.

Maddeen hospitaala Adaamaa irraa BBC'n akka odeeffatetti guyyoota sadan darban keessatti qofa reeffi 16 Hospitaala Adaamaa keessaa baheera.

Wanti kuni hundi yeroo ta'u Ministirri Muummee Abiy Ahimad walgahiif gara Raashiyaa kan imalan yoo ta'u achiiti deebi'anis hanga yoonaa waan dubbatan hin qabani.

Waldhabdeen sabaa erga MM Abiy aangootti dhufan as hammaate riiformii isaan gaggeessanif qormaata guddaa itti ta'eera.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata